Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessi Afrikaa baroota walitti aanan 13 Daangoteen, mana lama malee hin qabu jedhe
Dureessi Afrikaa Alikoo Daangootee Naayijeeriyaan alatti mana akka hin qabne ibsuun lammiilee biyyattii raaje.
Daangooteen bakka dhalootasaa Kaanoofi magaalaa Leegoositti manneen lama akka qabu Abuujaa yeroo deemu ammoo appaartimeentii kireeffate keessa akka boqotu dubbate.
Barruun Foorbis Amajjii darbe gabaasa baaseen Daangooteen waggoota walitti aanan 13ffaaf dureessa Afrikaa ta'uu beeksise.
Daangooteen biyyasaa Naayijeeriyaa rakkoon dinagdee hubus inveestimeenti Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessaa qabuun qabeenyisaa bara kana doolaara miiliyoona 400n dabaleera.
Amma qabeenyisaa doolaara biiliyoona 13.9 baasa jedha barruun Forbiis.
Maanguddoon ganna 66 Daangooteen, qabeenya hanga kana guddaa ta'e kan horate inveestimeentii omisha simintoofi sukkaaraa irratti hojjetuuni. Bara darbe ammoo achuma Naayijeeriyaa, Legoos keessatti kaampanii boba'aa qululleessuu dhabeera.
Itoophiyaa naannoo Oromiyaa keessaas warsahaa simintoo guddaa maqaasaatiin moggaafame qaba.
Daangooteen waayee mana jireenyaasaa lamaanii kan dubbate dhaabbata boba’aasaatti ibs miidiyaaleef kenneeni.
Lammiileen Naayijeeriyaa biyyattiin ala mana akka hin qabne dhagahuusaaniitti kan raajaman abbootiin qabeenyaa biyyattii hedduun Landa, Dubaayiifi Atilaantaarraa manneen waan qabaniifi.
Lammiileen Naayijeeriyaa yaada Daangootee kana dhagahan murtee sirriidha jechuun jajaafi irraa dubbachaa jiru.
''Sababni ani Landan ykn Ameerikaatii mana hin qabneef Naayijeeriyaa Indaastiriin guddisuurratti waaniin xiyyeefadhuuf qofadha'' jedhe Danagooteen.
Dabaluunis ''osoon Ameerikaa fi bakka kaan hundaa mana qabaadhee uummata koof waa ijaaruuf xiyyeeffannoo hin qabaadhu ture'' jedhe.
Ogeessi dhimma hawaasaa, Saanii Baalaa, Daangooteen fakkeenya gaarii ta’eera jedha.
''Lammiileen Naayijeeriyaa maallaqani qaban bakka baayyee itti barbaachisu osoo qabu mana miidhagaa fi guddaa hedduu qabaachuun milkaahina akka hin taane hubachuuf ilaalcha isanii sirreessuu qabu'' jedhe ogeessi kun.
Daangooteen mana duraan Landanii qabu bara 1996tti gurgure. Maallaqni gurgurtaa mana saniirraa argame deebi’ee hojii daldalaarra akka oole amanama.