Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garba Atilaantikiitti bidiruun dhidhimtee godaantonni 89 du'an
Eegdonni daandaa bishaanii Moritaaniyaa reeffa godaantota kanneen bidiruun ittiin dhidhimtee du'anii 89 arguu himan.
Eegdonni Moritaaniyaa kunneenis Garba Atilaankii keessaa gaafaa Wiixataa reeffa godaantotaa akka argan ibsan.
Bidiruun godaantota feetee deemaa turte dhidhumuun reeffi namoota 89 yoo argamu namoonni sagal ammoo lubbuun baraaramaniiru.
Kanneen baraaraman keessaati mucaan durbaa ganna shanii tokko akka jirtutu himame.
Kanneen baraaraman saglaniifi kanneen du'an 89 alattis hanga ammaa achi buuteensaanii kan hin beekamne heddus jiru jedhameera.
Kanneen lubbuun hafan akka jedhanitti, bidiruun caccabde kun torbee tokko dura godaantota 170 fe'attee daangaa Seneegaaliifi Gaambiyaa irraa kaate.
Mooritaaniyaan godaantota lixa Afrikaa irraa gara Awurooppaa deemuu barbadaniif akka ulaa baqaa mijattuutti ilaalamti.
Bara darbe qofaa, bidiruuwwan kumaan lakkaa'aman godaantota fe'atanii Moritaaniyaa irraa ka'uutu himama.
Godaantonni hedduun karaa Moritaaniyaa qaxxaamuran irra guddaan kan isaan deeman gara Ispeeniti.
Bara darbe qofaa godaantonni 40,000 ta'an karaa Moritaaniyaa gara daangaasheetti cehuu Ispeen beeksisftee ture. Lakkoofsi kun kan bara achi aanuu dachaadhaan caala jedhe mootummaan biyyattii.
Balaan bidiruun dhidhimuu yeroo heddu kan qaqqabu godaantonni heddu bakka tokkotti fe'amanii dandeettii bidiruun baachuu qabduu ol ta'uun.
Dhaabbanni namoomaa Ca-minando Fronteras akka jedhetti ji'a shan jalqabaa bara 2024tti godaantonni 5,000 ol osoo gara Ispeen imaluuf jedhanii bidiruun ittiin dhidhimtee du'aniiru.
Ji'a Eblaa darbe Gamtaan Awurooppaa, Moritaaniyaan godaantonni seeraan alaa gara Awurooppati akka hin ceene akka ittistuuf dolaara miliyoona 60 kenneefii ture.