Netfliksi qabiyyee 'duudhaa amantii Islaamaa faallessu' dabarsuu akka dhaabu Sa'uudiin akeekkachiiste

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Galoo Galaanaa (Gulf states) Netfliksi fiilmii qabiyyeewwan 'duudhaa amantii Islaamaa faallessan' hunda akka haqu gaafachuu miidiyaan Sa'uudii gabaase.
Fiilmii daa'immaniif jedhamee qophaa'e dabalatee fiilmiiwwan dhiheenya Netfliksi irratti gadhiifaman naamusaan ala jechuun to'attoonni miidiyaa Sa'uudii fi biyyoota Galoo Galaanaa ibsan.
Qondaaltonni to'annoo dhimma miidiyaa ibsa dabalataa hin kennine, miidiyaan mootummaa Sa'uudii garuu fiilmiiwwan kaartoonii walitti fufiinsaan Netfliksi irratti darbaa turan-Jurassic World: Camp Cretaceous akka hin mul'anne godheera
Fiilmii kana keessatti shamarran wayita akka wal jaallatan walitti himanii fi wal dhungatan mul'ata.
Filmiin Fireench falmisiisaa ta'e- Cuties jedhamus gabaasa TV Al Ekbaariyyaa keessatti akka fakkeenyaatti eerameera.
TV'n kun gabaasa barreeffama Netfliksii komatuun dabaalee dhiyeesse.
''Maqaa fiilmiitiin ergaa naamusa hin qabnee fi duudhaa cabsu dabarsuun guddina daa'immanii balaa keessa kan buusuudha,'' jedha barreeffamni kun.
Miidiyaan Al Akbariyyaa jedhamu kun marsariitii isaarratti Netfliksi ergaawwan ''namoota saala walfakkaataa waljaallatan jajjabeessu dabarseera,'' jechuun komatee barreesse.
Miidiyaan kun namoota hawaasa biratti akkaan beekamanii fi kabaja qaban hedduu dubbiseera, isaan hunduu himata kana deggaruun, mootummaan tarkaanfii hatattamaan akka fudhatu dhaaman.
Netfilksi himata irratti dhiyaaterrati dafee deebii hin kennine.
Biyyi seera Shari'aatiin bultu Sa'uudii Arabiyaan jaalalleewwan saala walfakkaataa hin deeggartu, namoonni saala walfakkaataa yoo saal-quunnamtii waliin raawwatan du'aan adabamu yookiin alangeedhaan reebamu.
Mootummaan Sa'uudii Arabiyaa ji'a darbe keessas ''qabiyyee duudhaa amantii Islaamaa faallessu maxxanse'' jechuun himatee ture.












