Ilmi Mootii Mohaammad bin Salmaan ajjeechaa Jamaal Kaashoogjiin wal qabatee mirga himatamuu dhabuu qabu jette US

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan gaggeessaan Sawud Arabiyaa Ilma Mootii Mohaammad bin Saalmaan himata ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashoogjii haati warraa gaazexesichaa irratti dhiyeesite irraatti mirga himatamuu dhabuu qabu jette.
Gaazexessaa beekamaan Sawudii sirna bulchiinsa biyyattii qeequun beekaman bara 2018 qonsila Sawud Arabiyaa Tarkii, Istaanbul jiru keessatti ajjeefaman.
Dhaabbanni Basaasaa US, ajjeechaa Kaashoogjii kan ajaje Ilma Mootii Mohaammadtu ajaje jedhe.
Himata kana irratti Isteet Dippaartimentiin US, sababa gahee hojii isaanii haaraa ammaa ministera muummee biyyattii tahan irraa kan ka’e mirga himatamuu dhabuu qabu jedhe.
Haadha warraa Kaashoogjii kan turte Hatiis Keengiiz, Tiwiiterii irratti murtee irra darbeen ‘’Jamaal har’as irra deebiin du’e’’ jechuun barreesite.
Keengizii fi gareen mirga namoomaa Kaashoogjiin hundeesse ‘Democracy for the Arab World Now (Dawn)’ jedhamu ilma mootii bin Saalmaan irraa ajjeechaa Kaashoogjii irratti raawwateef beenyaa hangi isaa hin ibsamne UStti gaafataa jiru.
Himattootni gaggeessaan sawudii kun qondaalota isaanii waliin gaazexessaa biyya Ameerikaa jiraataa turan Kaashoogjii ‘’ukkaamsuun,harkisanii fuudhanii, dararan’’ jechuun himatan.
Ilmi Mootii bin Saalmaan bara 2017 keessa abbaa isaanii Saalmaan bin Abdulaaziz AL Sa’udiin Ilma Mootii jedhamuun muudaman.
Fulbaana darbe kana ammoo ministera muummee tahuun hojii haaraan kennameef.
Mohaammad bin Saalmaan ajjeechaa Kaashoogjii keessaa akka harka hin qabne himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeessonni seeraa Dippaartimantii Haqaa ‘’dursaan dhimma alaa mootummaa,’’ ilmo mootii ‘’ sababa gahee hojii isaanii irraa kan ka’e himata mana murti US irraa mirga himatamuu dhabu qaban fayyadamaa jiru’’ jedhan.
Mirgi himatamuu dhabuu dursitoota mootummaa seera idil adunyaa ilaallatu keessatti tumameera jedhan ogeessonni seeraa.
Bulchiinsi Baayiden garuu murtee kana jechuun yakka irraa bilisa jechuu akka hin taane cimsee irratti hojjeta.
Sawud Arabiyaan Jamaal Kaashoogjii oppireeshinii ergamtoota akka biyyatti deebi’uuf amansiisuuf deemaniin ajjeefame jette.
Qondaalonni US garuu qorannoon CIA kan guduunfe ‘’amanamummaa gidduugaleessatii haga olaanaa tahutti’’ ajjeechaa kana Ilmi Mootii akka beekanidha jedhan.
Ajjeechaan kun adunyaa irratti mufannaa guddaa kaasuun maqaa ilma mootichaa fi biyattii xureesseera.
Dabalataan hariroo US fi Sawud Arabiyaa booresseera.
Baayiden yeroo jalqaba pirezidaantii US tahuun hojii eegalan Mohaammad bin Saalmaanitti dubbachuu didan. Ergasii garuu biyyattii daawachuun ilma mootii waliin wal arganiiru.












