Poolisiin Lij Yaared dubbii 'ummata walitti buusuun' shakkee to'achuu beeksise

Lij Yaareed
Maxxanfame

Hojii komeediifi aartii kaaniin kan beekamu Lij Yaared dubbiin miidiyaa hawaasummaa gubbaa taasise erga dheekkamsa kaase booda poolisiin to'atuu, mana murtiis dhiheessuu ibse.

Qondaalli poolisii Federaalaa BBC'tti akka himanitti ''amanti arrabsuu fi uummata walitti buusuuf yaaluun'' shakkamee Jimaata darbe bakka jireenya isaatii to'annoo jala oole.

Hidhamuu isaa dura miidiyaa hawaasummaa TikTok gubbaa viidiyoo kallattiin dhimma amantaa Ortodoksii xiqqeessuufi jechoota safuu cabsan fayyadameera.

Ogummaa fakkii fi bobbocaanis kan beekamuufi maqaa waltajjii isaa Lij Yaareed kan ta'e Yareed Zalaalam, eegasii viidiyoo gabaabaa biraan hordoftoota amantaa Ortodoksii mufachiisuu isaaf dhiifama gaafateera.

Taateen kuni qabiiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa gubbaa keessumaa TikTok gubbaa hordoffii malee gadhiifaman yaaddoo uumaa yeroo jiranitti dhagahame.

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Lij Yaared Mana Kiristaanittii xiqqeessuu, arrabsuufi kabaja dhorkuu isaa himuun yakkaan akka himatamu xalayaa Fulbaana 5, 2023 Poolisii Federaalaaf barraa'en gaafatteetti.

Dubbii Himaan Komishinii Poolisii Federaalaa Obbo Jeyilaan Abdii yaada addatti BBC'f kennaniin Jimaata darbe Lij Yaareediin kan to'atan gocha 'amantii arrabsuu fi uummatni akka ka'u gochuusaatiin' akka ta'e himan.

Yeroo ammaa shakkamaan kuni giddugala qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa magaalaa Finfinnee naannoo Meeksikoo jedhamuun beekamutti qoratamaa akka jiru himan.

Lij Yaareed gochaan raawwate jalqabumarraa yakka waan ta'eef ta'u ibsuun osoo qaamni himate hin jiraatiin to'atamuus dubbatan.

''Yakka waan ta'eef dursinee qabne nuti. Manni Kiristaanaa himachuu dura qabne.''

Poolisiin Federaalaa komediyaanicha to'annoo jala oolchuu booda Wiixata kaleessaa Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa keewwatoota seeraa eeruun akka himannaan irratti hundaa'u gaafatteetti.

Obbo Jeyilaan ''dhimmichi dhimma hamaa ummata walitti buusu waan ta'eef, akka ummatni Oromoo jibbamu kan godhu waan ta'eef to'annoo jala oolchine'' jedhan.

''Wanti inni haasa'e martuu gaarii miti. Yakkadha. Sanirraa ka'ee Polisiin hamma namni himatutti hin eegu, dhimma ummataa fi ummata walitti buusu, amantiifi amantii walitti buusu, dhimma saba tokko jibbisiisu yoo arge to'annoo jala oolcha.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Jeyilaan itti dabaluun bakka bu'aa saba Oromoo of gochuun yaadni dhiyeesse ummata Oromoo 'jibbisiisa' jedhan.

''Kun waan salphataadha. Maqaa ummata Oromoos ni salphisa.''

To'annoo jala ooluu Lij Yaareed booda miidiyaa hawaasummaa gubbaatti hordoftoonni amantichaa fi namoonni biroo mufii jabaa ibsaniiru.

Faallaan 'mirga yaada ofii bilisaan ibsachuuti' kan jedhaniis jiru.

Obbo Jeyilaan ''mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu daangaa qaba. Ummata amantii fi sabaan walitti buusuun yakka'' jedhan.

Lij Yaared dubbii falmisiisaa yoo dubbatu kuni kan duraa miti.

Jimaata to'annoo jala kan oole Lij Yaareed mana murtii dhiyaachuu isaa odeeffannoo akka qaban Obbo Jeyilaan BBC'tti himaniiru.

Ta'us, mana murtii isa kam akka dhiyaateefi waan jedhameerratti yaada kennuurraa of qusataniiru. Yoom mana murtii akka dhihaates ifa miti.

Haala qabiinsa isaa ilaalchisee odeefannoowwan hin mirkanoofne dhagahamaniis, Obbo Jeyilaan garuu ''Poolisiin reebichaa fi miidhaa kan biraa raawwachuu keessaa erga bahee waggaa shan guuteera'' jedhan.

Shakkamaan kun dursee badii isaaf dhiifama gaafachuun isaa seera duratti haala itti ilaalamu kan murteessuu bu'aa qorannoo yakkaa, fi mana murtiidha jedhaniiru.

Iyyatni Mana Kiristaanaa maal jedha?

Manni Kirisitaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa gama waajjira Paatiriyaarkiin xalayaa Muummee Qorannoo yakkaa Poolisii Federaalaaf Wiixata barreessiteen ''himannaan akka naaf hundaa'uun gaafadha'' jetteetti.

Manni Kiristaanaa kun amma dura hooggantoota waldaalee amantaa Pirootestaantii adda addaatiin 'maqa balleessii raawwatameef' himattee deebii eeggataa wayita jirtutti arrabsoofi maqaa gaarii amantichaa dubbiin xureessuu dhalachuu beeksifte.

''Ammas gochoota namoota kaaniin kan hamilee horatan homaa hin fiddan jedhanii dubbiiwwan safuu fi gochoota badaa Mana Kiristaanittii irratti raawwachuu itti fufaniiru'' jedha xalayaan kun.

Tibba kana dubartiin biroon Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti faarfannaa Pirotestaantii waraabuun ishee miidiyaa hawaasaa gubbaa mufii erga kaase booda dhiifama akka gaafattu ta'un ibsameera.

Manni Kiristaanittii dubbiin Lij Yaareed hordoftoota TikTok 100,000 ol qaburratti dubbate deebisanii dubbachuufis, barreessuufis saalfachiisaadha jechuun ibsite.

''Kuni jeequmsaa fi hokkora kaasuuf carraa guddaa kan qabu gochaa cigaasisaa dha.''

Sana boodas maqaa aanga'ootaa dhahee, suuraa isaanii of duuba gochuun ''maal fiddu'' jechuunis dhaadachaa turee jedha xalaayan kun.

Bu'uura kanaan Lij Yaared maqaa Mana Kiristaanaa xureessuu, gochaa jeequmsaa fi hokkoraaf kakaasu waan ta'eef, akkasumas labsii dubbii jibbinsaa fi oduu sobaa kan cabsu waan ta'eef dabaluunis bakka sagadaa mana kiristaanittii kan xureessu waan ta'eef ''yakkaan naaf haa himatamu'' jetteetti.

Kabaja Mana Kiristaanittii kan xiqqeessuu ta'uu isaan cinaatti jechootni safuu cabsu fayyadame faallaa amala gaariiti jedha xalayaan Mana Kiristaanitti.

Itoophiyaan haasaa jibbinsaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa gadhiifaman to'achuuf seeraa haaraa baasuun ishee ni yaadatama.