Haleellaa cimaa lafoo Israa'el labsite jidduutti 'Gaazaan gubachaa' jirti Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el dhiheenya kana magaalaa Gaazaa irratti haleellaa ishee kan hammeesite yoo ta'u, Ministirri Mummee Iraa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ammoo "opireeshiniin cimaan" Istiraappicha keessatti eegalamuu mirkaneessan. Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatz "Gaazaan gubachaa jirti" jechuun X irratti maxxansan. Maxxanfame 17 Fuulbaana 2025
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan qilleensaa Israa'el magaalaa Gaazaa keessatti gamoo al-Ghafrii yeroo barbadeessitutti aara ol ka'ee mul'atu. Netaaniyaahuun magaalaan Gaazaan bakka buufata Hamaas isa dhumaa ta'uu fi to'annaa jala oolchuuf dhaadachuu kan dhaadatan yoo ta'u, karoorri kana gochuu kun garuu qeeqa idil-addunyaa itti fideera Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Gaazaan erga Israa'el ji'a darbe haleellaa magaalattii irratti raawwachuu jalqabdee as buqqa'iinsa jumlaa guddaan mudataa jira Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin kumaatamaan lakkaa'aman haleellaa qilleensaa Israa'el jala baqachuun gara kibbaatti socho'uuf yaalii gochaa jira Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyoota darban keessa akeekkachiisa akka bakka jireenyaasanitii gadi dhiisanii bahaniif waraana Israa'eel baase hordofuun,haleellaa qilleensaatiin gamoowwan dhedheeroon adda addaa irratti xiyyeeffatamuu isaanii ibsameera. Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Israa'el magaalaa Gaazaa irratti raawwatte kun wayita ministeerri dhimma alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoon Netaaniyaahuu waliin mari'achaa turanittiidha. Qorannoon komishiniin qorannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Kibxata darbe Israa'el Gaazaa keessatti Filisxemota irratti duguuggaa sanyii raawwachuu ishee adda baase, Israa'el garuu himannaa kana ni haalu. Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Humni Ittisaa Israa'el (IDF) hanga ammaatti Filisxeemoonni gara kuma 350 ta'an baqachuu isaanii tilmaama, kanneen kuma dhibbaan lakkaa'aman ammoo ammalleen naannichatti akka hafan amanama Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, The intense bombardment came ahead of a long-threatened full-scale ground invasion of the city - Palestinian officials say the death toll is rising Haleellaan boombii cimaan kun kan raawwatame weerara lafoo guddicha magaalattii irratti yeroo dheeraaf balaadhaaf saaxilamee tureen lakkoofsi namoota ajjeeffamanii dabalaa jiraachu himu qondaaltonni Filisxeem Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, "Waraanni Israa'el daandii qarqara galaana al-Raashiid namoota nagaa baqachuu barbaadaniif karaa tokkicha hayyamameef. Jiraattonni dhiphina hamaa, hiriira konkolaataa fi konkolaattota fe'umsaa dhuma hin qabnee fi harkifannaa yeroo dheeraa, maatiin hedduun daandii cinaa irratti kan qabaman yoo ta'u, haleellaan qilleensaa mataasaaniitti itti fufee akka jiru ibsu," jedha rippoortarri BBC Rashiid Abuu'aluuf Gaazaa irraa. Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Israa'el namoonni magaalaa Gaazaa keessa jiran hundi gara "naannoo namoomaa" gama tokkoon moggaafameetti kan fageenya kibbaatti argamuutti "hatattamaan akka baqatan" ajajan
Odeessa kana irratti dabalata