Ambaasaddar Maayik Hamar qondaalota Itoophiyaa waliin maal mariyatan?

Maayik Hamar qondaalota Itoophiyaa waliin deddeebi'anii yeroo gargaaratti mariyataa turan

Madda suuraa, X

Maxxanfame

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Maayik Hamar Itoophiyaatti imaluun qondaaltota federaalaa, hoggantoota Tigraay, mormitoota Oromiyaa fi dippilomaatota Gamtaa Afrikaa waliin dhimma nageenya biyyattiirratti mariyatan.

Maayik Hamar waliigaltee Piritooriyaa waaraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture goolabe akka mallattaa’u qooda guddaa bahataniiru.

Ammas Itoophiyaatti imaluun dhimmoonni otoo hin furamne hafan marii siyaasaatiin hiikuu yaaduun garasitti imalan.

Itoophiyaa wayita turanitti hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa madaaluu dabalatee, waldhabdee lubbuu namoota hedduu galaafachaa jiru mariidhaan furuu, akkasuma dhiittaa mirga namoomaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti raawwatamu qorachuun barbaachisaa ta’uurratti mari’atan.

Maayik Hamar Naayiroobiittis imaluun dhimma naannichaarratti irratti qondaaltota Keeniyaa waliin akka mariyatan odeeffannoon Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaarraa argame akeeke.

Hamar Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Eerviin Maasingaa waliin Maqaleetti imaluun hoggantoota naannoo Tigraay waliin hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaarratti qormaata ijoo fi tarkaanfiiwwan fudhatamurratti

Pirezedantii bulchiinsa yeroo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaa waliin mariyatan.

Rakkoolee mudatan hiikuuf adeemsa keessa darban gamaaggamuun barbaachisaa ta'uus qoodaniiru.

ALI walakkeessa Caamsaa bara 2014tti Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Maayik Hamar, waa’ee hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaarratti qondaalota federaalaa waliin mari’ataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimma humnoota Tigiraay hidhannoo hiikkachuun hawaasatti dabaluurratti Komishinara Riifoormii Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xurunaa waliin mari’atan.

Adeemsa nagaa kana Ameerikaan akka tumsitu beeksisuu Obbo Tamasgeen fuula X irratti mirkaneessan.

Obbo Tamasgeen dhimma kanarratti maallaqaa fi teeknikaatiin Ameerikaan akka tumsitu akka eegan ibsan.

Maayik Hamar aangawoota federaalaa fi Tigraay dabalatee bakka bu’oota Gamtaa Afrikaa waliin wal arguun hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa irratti mari’atan.

Ambaasaaddar Hamar Komishinara Dhimma Siyaasaa, Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankolee Adoye waliin, raawwii Waliigaltee Piriitooriyaa akka xiyyeeffatan mariyachuu fuula X irratti ibsan.

Waliigaltee Piritooriyaa fi sanadi raawwii Naayiroobii humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa jajjaboo kan hiikkatan battala humnoonni alaa fi raayyaa Ittisaa Itoophiyaa hin taane Tigraay keessaa bahan akka raawwatamu eere.

Kanaan dura meeshaan waraanaa gurguddaa sassaabuun ibsamus, sababa harkifannaa hidhannoo hiikkachuu, loltoota deebisanii dhaabuu ilaallaturratti hooggantoota Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti waliigaltee dhabuun uumameera.

Sababni harkifannaa hidhannoo hiikkachuu kanaas waliigaltee Piritooriyaa dura mariin siyaasaa gaggeeffame waan hin jirreef akka ta’e Komishinara Komishinarri ittaanaa Haaromsa Biyyaalessaa obbo Tasfaalam Yehidigo dhiheenya BBCtti himanii turan.