Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lolaa Somaaliyaa: ‘Reeffa lafa keessaa baasee karaatti yaase, riqichas diige
Lolaan jaarraa tokko keessatti hunda caala hamaan Somaaliyaa mudate, bakka awwaalchaa giddugala magaalaa Galkaayootti argamu keessaa bahee reeffa namaa daandiitti baase.
Waanti suukaneessaan kun jiraattota akka Ayaan Mohaammad kan naannoo awwaalaa jiraattu rifaasise.
"Maatii koo dabalatee maatiin torba naannoo sanaa baqataniiru," jechuun BBC'tti himte.
Manneen gartokkoon bishaan keessatti dhidhiman, reeffi namaa naannoosaattii bishaaniirra waan jiruuf weerara dhukkubaa sodaanna jetti Ayaan.
Reeffi muraasni kan eenyu akka ta’e adda baafamuu danda'u, kunis namoota daran dhiphisa- akkuma bishaan gadi bu'een lafeen namaa lafa keessaa ol bahee argame.
"Lolaan kun reeffa barsiisaa amantaa Islaamaa kabaja guddaa qabu mul'ise. Waggaa 18 dura awwaalame," jette Aadde Ayaan.
"Barattoonni isaa fi barsiistoonni amantichaa biroo lafee kana walitti qabuuf yaalan," jette, garuu kana gochuu hin dandeenye.
Taateen akkasii magaalichatti kanaan dura argamee hinbeeku.
Guutummaa Somaaliyaatti yoo xiqqaate namoota 32 lolaan ajjeefamuun, gogiinsa waggoota dheeraa booda lolaa hamaa kanaan namoonni miliyoona 1.6 ol miidhamuu akka danda’an Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii akeekkachiise.
Haalli Galkaayoo akka kibba Somaaliyaa naannoo Geedootti hamaa miti.
Naaannoo bulchiinsa Geedootti lagni Jubaa guutee riqicha magaalaa Barderee keessaa haxaa'amee fudhatame.
Bishaan lolaatiin liqimfamee Sambata darbe rigiqichi kun jige.
Mohaammad Abdiraahin akka jedhanitti, jiraattonni magaalattii hundi jechuun akkaata danda’amuun gara qarqara magaalichatti baqachuuf dirqaman.
Maanguddoon ganna 70 Mohaammad Abdiraahin hanga torbee darbeetti daldalaa fi qonnaan bulaa sooreessa turan.
Amma garuu"Waa hunda dhiiseen baqadhe" jechuun BBCtti himan.
"Harkatti waanan danda'e suuqii koo keessaa baafadheera - kan hafe bishaaniin haxaa’ee fudhate. Jireenyi koo akkasitti goolabame natti fakkaata," jedhu Obbo Abdirahiin.
Bishaan lolaa jalqaba suuqii isaanii seene, achiis mana isaanii waan jigseef akkatti jireenyi isaanii dafee jijjiirame hubachuuf rakkataa jiru.
Obbo Abdirahiin baadiyyaatti lafa qonna qabu, maatiin isaanii qe’eerraa erga baqatanii oyiruusaanii ilaalu dhaqan.
"Mukkeen maangoo m10 dheeratan guutummaatti liqimfamuutti dhiyaataniiru, lafa koorratti fuduraa dhaabbate arguu hin dandeenye," jedhu Obbo Abdirahin.
Kutaan magaalattii tokko kan lafa olka'aarratti argamu hafeera, garuu riqichaan malee garasitti ce’uun hin danda’amu.
Bakkichatti manni nyaataa fi buufata eegumsa fayyaa waan jiruuf namoota mannisaanii diigame hundaaf bakka murteessaadha.
Namoonni achi ga’uuf bidiruu xixiqqoon imaluu qabu.
"Bidiruun sun waan nyaannu akka nuuf fiduuf sa'aatii afur ol eegne," jedhu Obbo Abdirahin.
Mootummaan Somaaliyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramu gargaarsa atattamaa kennuuf yaalii gochaa ture, ta’us naannolee miidhaman hunda waliin gahuu akka hin dandeenye ibse.
"Guyyoota shanan darbaniif namoota gargaarsa barbaadaniif meeshaalee hedduu dhiyeessine - haalli amma jiru dandeettii mootummaa qorumsa keessa seensise," jechuun Ministirri Muummee Ittaanaa Somaaliyaa Saalaa Jamaa BBC'tti himan.
Rakkoon biraa naannoon muraasni to’annoo mootummaa jala waan hin jiru, garee al-Qaayidaa waliin hidhata qabu Al-Shabab harka jira.
Ejensiin To’annoo Balaa Somaaliyaa namoonni naannoo al-Shabab to’atu jiraatan deeggarsa barbaachaaf yeroo hunda bilbilaa jiru jedhan, garuu qondaaltonni mootummaa achii dhaquun balaa guddaa waan qabuuf gargaaruu hin dandeenye jedhe.
Magaalota muraasa keessatti namoonni mana qaban warra mana malee hafan akka simatan itti himameera.
Wayita roobni yeroo dheeraaf eegamaa ture roobu Somaaliyaatti hawaasni ni gammada.
Keessumaa yeroo Somaaliyaan gogiinsa hamaan hubamaa dhufte kanatti hawaasni bokkaan waqtii eegee deebi’uu akka sooromuuf deeemutti abdata.
Namoonni yeroo baayyee bishaan kuufatu fi ulaa lolaa bishaanii ittiin cim’isan tolfatu, yeroo tokko tokko immoo bishaan daaku.
Rooba hamaan rooba jiru garuu namoota hedduu nyaataa fi bishaan qulqulluu dhabsiisuun muddama keessa galcheera.
Obbo Abdirahiinii fi miseensonni maatiin isaanii 12 ta’an amma lafa miciree Barderee cinatti argamu keessa ciisu, bakka kana torban tokkoo oliif turaniiru.
"Guutummaatti bosona keessaa banneerra," jedhan Obbo Abdirahiinii gaddaan liqimfamanii.
"Lubbuun hafneerra. Garuu sodaa guddaa keessa jirra. Gargaarsa Waaqayyoo qofarra eegaa jirra" jedhan.