Taphataan Gaanaa Asamowaa Jiyaan tapha kubbaa miilaa dhaabuu beeksise

Maxxanfame

Taphataa collee Gaanaa kan ta’e Asamowaa Jiyaan ‘’yeroon kophee fi qomee fannifnee kubbaa miilaa keessaa baanu amma ga’eera,’’ jechuun Tiwiitara isaarratti barreesse.

Taphataan sarara fuulduraa kun biyyasaaf taphoota 109 iratti hirmaatee goolii 51 galcheera.

Kanaanis taphataa biyyasaaf goolii hedduu galche ta’eera.

Taphataan umrii ganna 37 kun bara 2003 garee biyyasaa,Liberty Professionals, keessatti tapha kubbaa miilaa eegale.

Isa booda gara biyyoota Awurooppaa imaluun garee Siirii A Italii Udinese, garee Fireench Ligue 1 fi Piriimer Liigii Ingilizii keessaa ammoo Sandarlaand keessa taphateera.

Sandarland maallaqa guddadhaan seenuun seenaa gatii taphattoota garechaa keessatti gatii guddaadhaan bitamuun rikardii qaba.

Taphataan kun yeroo muraasa kilaba Yunaayitid Arab Imireetis, Al Ain keessatti dabarseen kilabichi Pireemer Liigii UAE akka injifatu tumsa guddaa taasiseera.

Kilaba kana keessatti tapha 32 irratti goolii 28 galchuun baayyina gooliin taphataa gita hin qabne ta’eera.

Taphataan kun kilaba Shanghai SIPG, Kayserispor fi North East United jedhamaniifis taphateera.

Asamowaa Jiyaan taphoota waancaa addunyaa irratti goolii ja’a galchuun taphattoota Afrikaa keessaa jalqabarra jira.

Biyyasaaf dorgommii waancaa biyyoota Afrikaa irratti yeroo torba hirmaateera.

Gareensaa Black stars jedhamu bara 2008 dorgommii waancaa biyyoota Afrikaa sadaffaan xumure, bara 2010 fi 2015 ammoo xumuraaf ga’ee lammaffaan xumure.

Asamowaa Jiyaan hanga kubbaa miilaa dhaabutti Gaanaa keessatti kilaba kubbaa miilaa magaalaa Leegoniif taphataa ture.

Taphataan kun kitaaba seenaa jireenyasaa fi imala kubbaa miilaa of keessatti qabate mata duree LeGYANdry jedhuun barreesseera.