Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaa biyyaa dubartootarratti dhiibbaan garaa garaa gahuutti bareedinaaf dorgomuu
Dhiheenya kana yeroo namoonni hedduun xumuraa kubbaa miilaa Yuuroo ilaaluuf kaaffeewan fi manneen keessatti walitti qabamaniitti, jiraattonni Moqaadishoo dhibbaan lakkaa'aman dorgommii biraa: Miis Somaaliyaadhaaf Hoteela qarqara galaanaa Elite jedhamutti walitti qabamaniiru.
Argisiisni miidhaginaa hoteelicha keessatti yeroo geggeffamaa jirutti mana nyaataa naannoo sun jiruu fi deeggartoota kubbaa miilaatiin guutame alatti boombiin konkolaataa dhoo'ee yoo xiqqaate namoonni shan du'aniiru, 20 kan ta’an ammoo madaa'aniiru.
Kunis jireenya walfaallaa Somaaliyaa keessatti argamu mul'isa.
Gareen hidhattoota Al-Shabaab kan waggoota 15 oliif naannoo Somaaliyaa baay’ee to’achaa ture haleellaa kana raawwachuu isaa ibseera.
Hanii Abdii Gaas dorgommii Miss Somalia bara 2021 hundeessite. Biyya aadaan seera cimsituu fi hidhattoota Islaamummaa waliin rakkoo qabdu keessatti hojii ija jabina gaafatu hojjetteera.
Somaaliyaan bakkeewwan addunyaa irratti dubartii ta'uuf hamaa ta'an keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jirti.
Gaas akkuma lammiilee Somaaliyaa biroo kuma dhibbaan lakkaa’amanii waraanaa fi gogiinsa baqachuun Keeniyaa kaampii baqattootaa Dadaab keessatti guddatte. Bara 2020 gara biyya isheetti deebite.
Dorgommiin kun waa'ee bareedinaa ta'us, kaka'umsisaa sagalee dubartootaa ol kaasuu fi adda baafamuu keessaa baasuu akka ta'e dubbatti.
Dorgommii miidhaginaa ilaalchisee Somaaliyaa addunyaa waliin akka makamtu yeroon isaa amma jetti Gaas.
“Hawwii dubartoota sadarkaa adda addaa irraa dhufan kabajuu, ofitti amanamummaa isaanii ijaaruu fi aadaa Somaaliyaa addunyaa guutuutti akka agarsiisan carraa isaaniif kennuu barbaada.”
Dorgommiin bara kanaa dubartoota jireenya adda addaa irra dhufan hammate.
Dorgomtoota keessaa tokko poolisii turte.
Somaaliyaa keessatti namoonni hedduun dorgommii bareedinaa kana baay'ee jibbu.
Gariin akka arrabsoo Islaamummaa fi aadaa Somaaleetti ilaalu.
Kaan ammoo miidhaa saalaa gosa biraa ta'uu dubbatu, dubartoota gara meeshaatti gadi buusa jedhu.
''Dorgommii badduu kana irratti shamarran keenya dorgomuun na jibbisiisa,'' jedhan hogganaan gosaa Ahimed Abdii Halaanee.
“Wanti akkanaa faallaa aadaa keenyaa fi amantii keenyaati. Shamarreen uffata qaama isaanii qabu uffatte waltajjii irratti yoo mul'atte maatii ishee fi gosa ishee irratti salphina fida. Dubartoonni mana taa'anii uffata kabaja qabu uffachuu qabu.” jedhan
Dubartoonni garii dorgommii bareedinaa ni mormu.
"Dargaggoota Somaalee deeggaruun gaariidha garuu karaa amantii keenya waliin wal faallessuun miti,'' jetti barattuun maqaa maatii ishee ifa gochuu hin barbaanne.
“Dubartiin tokko morma ishee osoo hin haguugin ummata duratti dhiyaachuun sirrii miti, dorgomtoonni Miis Somaaliyaas kanuma godhan.”
Uffata gurraacha dubartoonni Somaaliyaa hedduun uffatan irraa kan adda ta'ee, dorgomtoonni Miis Somaaliyaa uffata bareedaa, qaama isaani hammate uffataniiru.
Uffata calaqqisaa dheeraa harka isaa gara lafaatti gad dheeratu kan uffatte, shamarreen ganna 24 Aayisha Ikoowu Miis Somaliyaa jedhamuun maallaqaa doolaara 1,000 (£770) badhaafamte.
Barattuu yunivarsiitii fi aartiistii meekaappii yoo taatu, kutaa Kibba-Lixaa bakka bu'uun dorgomte.
''Kana akka carraatti fayyadamee gaa'ila ijjoollummaa falmuu fi barnoota shamarranii guddisuuf nan fayyadama,'' jedhan Aadde Ikoowu.
Dorgommiin halkanii hoteela qananii qarqara galaanaa jiru keessatti gaggeeffame kun jireenya namoota Somaaliyaa keessattuu dubartootaa kan ibsuu miti.
Lammiileen Somaaliyaa miiliyoona afur ta'an, erga qe'ee isaanii irraa buqqifamaniin booda bakka biraa jiraachaa jiru.
Dhaabbanni UN akka tilmaametti isaan keessaa dhibbeentan 80 hanga 90 dubartoota.
Akka dhaabbileen gargaarsaa jedhanitti biyyattii keessaatti dubartoota dhibbeentaa 52 yakki mana keessatti raawwatamu mudateera.
Dhibbeentaa 98 dhaqna qabaan mudateera.
Akka aadaa isaanitti, dhiirri tokko dubartii tokko yommuu gudeede, “adabbiin” isaa, dubartii raawwate sana fuudhuu qaba ture.
Ilaalchi gudeeddii fi miidhaa dubartoota irratti raawwatamu waggoota darban keessatti baayyee hin jijjiiramne.
Bara 2013 keessa dubartii Moqaadishoo tokko miseensota raayyaa ittisa biyyaatiin gudeedame jechuun erga himatteen booda waggaa tokkoof hidhaan itti murtaa'e.
Rippabiliika Somaalilaandi biyya ofiin jettu keessatti abbootiin amantii seera yakka saalqunnamtii bara 2018 bahe akkuma mallattaa'een haqaniiru
Seerri fooyya’e kun dubartoota gaa’ila daa’imummaa, dirqiin fuudhuu, gudeeddii ykn miidhaa saalaa gosa biroo irraa hin eegu.
Garuu dorgommiin Miis Somaaliyaa Moqaadishootti gaggeeffamuun, biyyattiin ilaalchaas ta'e gama nageenyaatiin jijjiiramaa akka jirtu agarsiisa.