Israa'el buufataalee Hezbollaa Libaanos jirurratti haleellaa cimaa gaggeessite

Madda suuraa, AFP
Israa'el Libaanos keessatti haleellaa qilleensaa cimaa gaggeessiteen yoo xiqqaate namoonni nagaan torba ajjeefamuu maddeen qaamolee nageenyaa ibsan.
Israa'el haleellaa qilleensaa kana gaggeessunshee gareen Hezbollaa gama Libaanos irraa rokkeettii dhukaasee loltuu Israa'el ajjeesuusaa hordofeeti.
Haleellaa Israa'el kanaan namoota nagaa torba ajjeefamaniin alatti miseensonni loltoota isaa lama ajjeefamuu Hezbollaan ibse.
Waraanni Israa'el ibsa kenneen dhukaasa Hezbollaa irraa irratti banameef deebii kennuu beeksise.
Erga Israa'elifi Hamaas gidduutti waraanni banamee as michuusaa gargaarsaf jecha Hezbollaanis karaa kaabaa guyyaa guyyaan Israa'elitti dhukaasa. Israa'elis deebii kenniti.
Gamaafi gamanaa walitti dhukaasun alatti Israa'elifi Hezbollaan waraana guututti hin seenne.
Guraandhala 14, hidhattoonni Hezbollaa Libaanos irraa rokkeettiwwan heddu buufata loltoota Israa'elitti dhukaasun loltuu loltuu Israa'el tokko ajjeesun kaan ammoo madeessaniiru.
Haleellaa rookkeettii booda Hezbollaan deeggarsa michootasaa Gaazaa jiraniif jecha "buufata waraana diinaa" haleelera jechuun beeksise.
Hezbollaan haleellaa gaggeessee osoo hin turin Humni Waraana Israa'el ammoo xayyaaronni waraanaa biyyaattii buufataalee waraanaa Hezbollaa Libaanos keessatti argaman heddu haleeluu beeksise.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Bakkeewwan haleelaman keessaa moorawwan waraanaa, kutaalee ajaja waraanafi bu'uuraalee shororkeessitootati," jedhe waraanni Israa'el.
Ejansiin Oduu Biyyaalessaa Libaanos akka isbetti namoota nagaa haleellaa Israa'el kanaan dubartiin lammii Sooriyaa ijoolleeshee dhiiraa lama wajjin ajjeefamteetti.
Akkasumas namoota nagaa ajjeefaman keessaa miseensonni maatii tokkoo afur akka argaman AFPn gabaase.
Ajajaan Walii galaa Humna Waraana Israa'el Leetinant Jeneraal Haerzii Haleevii haleellan Hezbollaa irratti gaggeeffame milkaa'aa ta'uufi haleellan kun akka itti fufu ibsan.
Torbeedhuma kana gaafa Kibxataa dursaan Hezbollaa Hasan Nasrallaa dubbii taasisaniin Israa'el Hezbollaarratti waraana banti taanan, Israa'el keessatti namoonni miliyeenan lakkaa'aman qe'eerraa akka baqatan akeekkachiisan.
"Waraana babal'isuudhan kanneen nu sodaachisaniif [ergaan keenya], waraana babal'istu taanan, nus ni babal'isna. Kanneen sochiin ofirraa ittisuu ni sodaachifama jedhanii yaadan dogoggoraniiru," jedhan Hasan Nasrallaa.
Dabaluunis, Hezbollaan waraana kan dhaabu Gaazatti waraanni yoo dhaabbate qofa ta'uu himan.












