Dubartiin US 'abbaa warraa ajjeesuu dura manneen hidhaa qananii' intarneeta gubbaa barbaadaa turte

Maxxanfame

US Utah keessatti dubartiin abbaa warraa ishee ajjeesuun shakkamtu yakkicha erga raawwattee booda kitaaba waayee gaddaa ibsu barreessiteetti.

Yakka kana raawwachuu ishee dura ammoo bilbila harkaa isheen manneen hidhaa qananii intarneeta gubbaa barbaadaa akka turte ragaan mana murtii agarsiiseera.

Dubartiin ganna 33, Kouri Richins, abbaa warraa ishee Eric Richins Bitootessa 2022 qoricha fentanyl jedhamuun summessuun ajjeeste jedhamtus, himannaa kana haalteetti.

Dubartiin kun yaada aanga'ootaaf kenniteen abbaa warraasheef dhugaatii Voodkaa waliin makamu erga hojjetteef sa'aatiiwwan booda abbaa warraashee of wallaaluu himte.

Manni murtii dubartii kana mirga wabii dhorkateera.

Dhaddacha dhimmi ishee ilaalamu kan guyyaa Wiixataa irratti ragaan mana murtii dhiyaate wantoota isheen bilbila isheen intarneeta gubbaa barbaadaa baate agarsiiseera.

Ragaalee kana arguu boodas manni murtii ''gadhiifamuun ishee hawaasaaf balaa qabaata'', hidhaa haa turtuu jedheera.

Wantootni dubartiin kun intarneeta gubbaa barbaadaa turte:

  • Hammentaan qoricha fentanyl nama galaafachuu danda'uu hammami?
  • Ameerikaa keessa manneen hidhaa qananii warra sooreyyii
  • Waraqaan ragaa du'aa adeemsarra jira, Life insurance ni kaffalamaa
  • Poolisoonni qorannoo soba adda baasuuf si dirqisiisuu danda'uu?
  • Akkamiin iPhone kee fagoo jirurraa odeeffannoo dhaabbiidhaan haquun danda'amu

Abukaatoon ishee Clayton Simms ammoo ragaaleen dhiyaatan kun akkamiin ragaa bilisa ta'uu ishee mirkaneessan qindeessuu akka dandeessu beekuuf malee ''yakkamtuu ta'uu ishee waan agarsiisu hin qabu'' jedhan.

Abbootiin Alangaa Bitootessa 4 bara darbee haati ijoollee sadii kun poolisiitti bilbiltee abbaan warraa ishee hadooduu ibsite.

Dubartiin kun abbaa warraa isheef dhugaatii Moscow Mule jedhamu erga hojjettee kenniteef booda ijoollee ishee keessaa kan halkan sodaan rakkisu bira buluu akka deemte himte.

Bu'aan qorannoo meedikaalaa garuu abbaan warraa ishee qoricha fentanyl hangaa ol fudhachuun lubbuu dhabuu agarsiiseera.

Dubartiin kun ji'a Muddee hanga Guraandhalaa nama qoricha sammuu nama hadoochu daldalu waliin ergaa walii barreessaa akka turte ragaan mana murtiif dhiyaateera.

Qoricha amma abbaa warraa isheef kanniteetti jedhameen dura qoricha biraa nama kana biraa fudhachuun ishees ibsameera.

Dubartiin kun qoricha kenniteefiitti jedhamu kana fudhachuu guyyoota sadii booda abbaa warraa ishee waliin guyyaa jaalalleewwanii kabajanii, achumaan inni dhibame.

Ragaan mana murtii itti dabaluun ''Eric hiriyyaa isaatti haati warraa isaa summii kennuufiif yaalaa akka turte himuu'' ibseera.

Namni kun garuu du'uu isaa dura inshuraansin yeroo lubbuun darbu maatiif kaffalamu irratti jijjiirama gochuun mana murtiin ibsameera.

Haati warraan isaa kun du'a isaa waggaa tokko booda kitaaba ijoolleen nama jaalatan dhaban akkamiin akka jajjabaatan haasa'u mata dureen isaa Are You With Me jedhu maxxansuun miidiyaaleen beeksifameeraaf.

Kitaabichi yaadannoo abbaa warraa ishee akka ta'e ''abba warraa ajaa'ibsiisaafi abbaa dinqisiisaa'' jechuun kitaabicha irratti ibsite. Dubartiin kun du'a abbaa warraa isheetiin shakkamtee to'annoo jala kan oolte ji'a Caamsaa darbe.

Abboleettiin nama du'e kanaa dubartiin kun ijoollee isaanii maatiin isaa akka isaan hin jaalanne itti himuun irraa fageessaa akka turte dubbatteetti.

Abbootiin alangaa dubartiin kun hanqina maallaqaa guddoo keessa waan turteen karaa ittiin rakkoo keessaa baatu gootee fudhatte ta'aa jehdaniiru.