Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni qormaata biyyaalessaaf manaa bahanii yunivarsiitiiwwanitti dahan baayyachuuf sababni maal?
Tibba kana yeroo qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennameetti taateewwan garaa garaa mudatanii ture.
Barattoonni qormaanni nutti waan ulfaateef hin qoramnu jechuun qormaata dhiisanii gara manasaanii deebii'an kumaatamni dhimma kana dura dhagahame hin beekne ture.
Dhimmi ijoo ta’ee kan biraa ammoo barattoonni shamarranii qormaata fudhachuf yunivarsitiiwwan akkuma gahaniin cininsuun qabamanii dahan baayyachusaati.
Hanga yeroo barreeffamni kun qindaa’etti Yunvarsiitiiwwan Booranaa fi Wallaggaatti qofa barattooti shamarranii shan dahaniiru.
Guutummaa yunvarsiitiiwwan biyyattii keessatti yoo walitti ida’amu ammoo lakkoofsi kun gara 20’tti dhihaachaa akka jirutu himama.
Dhiphinni qorumsaa da’umsa barattootaa kana waliin walqabataa?
Dr. Abdurahmaan Idiris koolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaatti Ispeeshaalistii Wallaansa Daa’immanii i Gadaamessaati.
Akka isaan jedhanitti, taateen amma yunvarsiitiiwwan keessatti mudachaa jiru kun dhiphina wajjin kan walqabatu ta’uu mala jedhan.
“Wantoonni sammuu namaa dhiphisan kan akka rifachuu, du’a namaa dhagahuufi akkuma amma barattoota irratti argaa jirru kana sababa yaaddoo qormaataatiin sammuun isaanii yeroo dhiphatu, dubartoota irratti ciniinsuun osuma yeroon hin geenye itti dhufuu danda’a,” jedhan.
Dhiphinni sammuu kun ulfa ji’a sagal seene qofa osoo hin taane dubartiin sun osuma gara da’umsaattiyyuu hin dhihaanne ciniinsuun akka itti dhufu gochuu akka danda’ulleen himu oggeessi kun.
“Dubartiin tokko osoo ulfa jirtuu sammuun ishii baayyee yoo dhiphatu akkaatuma sadaarkaa dhiphina isheen keessa seenteetiin wal qabatee, ji’a jaha yookan torbattuu ulfi irraa bahu dandaha.
Kanaaf, dhiphinni sammuu wantoota ciniinsuun yeroo malee akka namati dhufu godhan keessaa isa tokko,” jedhan Dr.Abdurahmaan.
Dubartoonni ulfaa yeroo akka malee dhiphatan sammuu isaanii keessaa hormoononni akka baayinaan maddan waan godhuuf hormoononni kuni ammoo miirri ciniinsuu akka itti dhufu godhu jedhan.
“Yeroo Rifannu Hormoonota qaamni keenya maddisiisutu jira. Yeroo baayyee dhiphannus akkasuma. Hormoononni kuni gaafa baayinaan maddan ammoo rakkoo ciniinsuu dubartii ulfatti fida” jedhan.
Sababa dhiphina sammuutiin ciniinsuun dubartootatti dhufu kuni rakkoo fayyaa haadholiis ta’e daa’ima dhalaturratti fiduu danda’as jedhan.
“Da’umsi ji’a sagal seenee jennaan haadharrattis daa’imarratis rakkoo hin qabaatu. Garuu ulfi suni yeroo ji’a jaha yookan torba taanaan haadhaafis daa’imaafis rakkoodha. Haala qabatamaa biyya keenyaatiinimmoo daa’imni ji’a torbaa gaditti dhalatu carraan guddachuu isaa xiqqaadha.haadha irrattis dhiigni akka hin dhaabanne gochuun hanga lubbuu baasuu gahuu mala” jedhan Dr. Abdurahmaan.
Ta’iin amma dhaabbilee barnoota Olaanoo keessati mudataa jiru kunis sababootni barattoota kana dhiphisan waan jiraniif kan mudate ta’uu mala jedhan. Kanneen yeroo da’umsaa isaanii gahee dahan akkuma jiraachuu malan jechuudha.
“Haala ijoollee kanaarraa wantin hubadhu ijoolleen kuni maatii isaanii irraa fagaatanii karaa dheeraa deeman. Qorumsi kunis isaan dhiphisa. Ciniinsuun qorumsarra osoon jiruu natti dhufaa laata jedhaniis dhiphatu. Kuni sababa tokko amma barattootni kuni akka dahan godhe keessaa tokko ta’uu danda’a jedheen yaada” jedhu.
Dubartoonni ulfa ta’anii qorumsatti dhihaatan oftasgabbeessanii osoo of hin dhiphisin qorumsa isaanii xumuruu danda’u jechuunis dhaman.
“Osoo danda’amee barattoota shamarranii ulfa ta’anii qorumsatti dhihaatan kana dursa gorsi kennameefii gaariidha.
Isaanis sammuu isaanii bilisa godhanii qorumsa isaanii irratti yoo xiyyeeffatan dhiphina isaan mudatu xiqqeessuu danda’u” jedhan.