Naqamtee: Ogeeyyiin fayyaa sammuu shamarree ganna 24 keessaa raasaasa baasuun du’a oolchan

Maxxanfame

“Yemmuu rasaasa sammuushee keessaa baafnu sammuun tortoree foolii qaba ture. Baaduun sammuus dhangala’ee waan tureef foolii addaa qaba” jedhan Dr. Waaqtolee Abdiisaa

Shamarreen gannaa 24 rasaasni sammuu keessatti hafe ALI Mudde 26, 2016 maatiin deeggaramtee Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiistii Wallaggaa geesse.

Shamarreen Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuu irraa riifariin barreeffameefii gara Hospitaalichaa dhufte kun, gara hospitaalichaa osoo hindhufin guyyoota jahaaf achuma Aanaa Mana Sibuu turte.

“Yemmuu Nubira dhuftu of hinbeektu ture. Aanaa Mana Sibuutti buufatuma fayyaa nannoo sana jirutti yaalii salphaatu taasifamaafii ture” jedhan Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaatti Ogeessa Baqaqsanii Yaaluu Waliigalaa kan ta’an Dr. Waaqtolee Abdiisaa.

Shamarreen cimina miidhaa irra gaherraan kan ka’e of wallaaltee turte kun haala lubbuusheef yaaddessu keessa turte. Kutaan sammuushee rasaasaan rukkutames faayidaan ala ta’uu eegaleera.

“Yemmuu rasaasa sammuushee keessaa baafnu sammuun tortoree foolii qaba ture. Guyyaa jahaaf waan tureef foolii godhatee ture. Baaduun sammuus dhangala’ee waan tureef foolii addaa qaba” jechuun haala dhukkubsattuun kun irra turte himan.

“Iddoon rasaasni itti ture foolii godhateera. Wanti foolii godhatee ajaa’e suni yeroo booddee malaa kuusa. Malaa kan kuusu yemmuu baakteeriyaan sammuu keessatti walhoruun infeekshiniin uumamutti. Gaafii hinqabu, kuni lubbuushee dabarsuu danda’a ture” jedhan Doktarichi.

“Yaaliin akkanaa adeemsifamee hinbeeku”

Yaaliin baqaqsanii hodhuu shamarree kanaaf barbaachisu Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa keessatti kanaan dura adeemsifamee hinbeeku.

“Kanaaf bakka ogeeyyiin fayyaa olaanoon jiranitti gara Hospitaala Xiqur Anbassaatti (kan Finfinneetti argamu) akka ergamtu maatiishee waliin haasofne” jedhan Dr. Waaqtoleen.

Haa ta’u malee maatiin shamarree kanaa qarshii shamarree tana gara Magaalaa Finfinnee ittiin geessan akka hinqabne, akkasumas yoo boqottellee reeffashee gara iddoo jireenyaashee Wallagga Lixaatti deebisuun akka itti ulfaatu ogeeyyii fayyaa hospitaalichatti himan.

“Yoo duutes reenfashee gara biyyaatti fudhannee galla waan ta’eef asumatti waan dandeessan godhaa. Waan gootan hunda fudhachuufis qophiidha” jechuun maatiin shamarree akka itti iyyatanis Dr. Waaqtoleen himan.

Gareen ogeeyyii fayyaa hospitaalichaas waliin mari’achuun yaaliicha adeemsisuuf murteessan, qorannoowwan yaalichaaf barbaachisanis adeemsifamuu eegalan.

“Siitii Iskaanii (CT scan) yemmuu kaatu rasaasni sammuushee gara fulduraa akka jiru, lafeen buqqee mataa gara fulduraan jiru gara sammuu keessaatti kan seenefii haguuggiin sammuu ‘Dura’ jedhamus tarsa’ee akka jiru agarsiisa” jedhan.

“Yaalii ulfaataa ture…”

Shamarreen ganna 24 rasaasni sammuu keessatti hafee of wallaalte qorannoowwan barbaachisoo erga adeemsifamanii booda ALI Mudde 27 bara 2016 wal’aansi baqaqsanii yaaluu sa’aa lamaa ol fudhate irratti adeemsifame.

Yaalichi Ogeessa Baqaqsanii Yaaluu Waliigalaa kan ta’an Dr. Waaqtolee Abdiisaan kan durfame yemmuu ta’u walumaagalatt ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa lakkoofsaan jaha ta’an irratti hirmaataniiru.

“Sammuunshee gara fulduraa erga banamee booddee rasaasni ni bahe. Lafee cabee gara sammuu keessaatti deebi’emmoo sammuu keessaa baafnee, haguuggii sammuu tarsa’emmoo (Dural tear) deebisnee hodhine” jedhan.

Yaaliin kun erga taasifameef booda shamarreen kun guyyoota torbaaf hospitaalicha keessatti hordofamaa akka turtes Dr. Waaqtoleen himaniiru.

“Guyya guyyaan jijjiirama fooyyee agarsiisaa deemte. Jimaata darbe (Amajjii 3 bara 2016) immoo fayyaashee gara manashee galte” jedhan.

Sababa wal’aansawwan milkaa’oo duuba jiru…

Hospitaalli Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa yeroo dhiyootii as wal’aansawwan walxaxoo milkaa’an irra deddeebiin hojjechaa jira.

Kanaaf sababni inni tokko immoo meeshaaleen qorannoo ciccimoon hospitaalichi kanaan dura hinqabne amma argmuusaanii akka ta’e Dr. Waaqtolee Abdiisaa himu.

“Akkuma Dhiha Oromiyaatti meeshaan ittiin rakkoo sammuu keessa jiru gadfageenyaan adda ittiin baasan ‘CT scan’ kan jedhamu hinjiru ture. Meeshaan sun waan hinturreef hospitaalicha keessatti yaaliin akkasii adeemsifamee hinbeeku” jedhan.

Meeshaan kun hospitaalicha keessatti tajaajilarra ooluu erga jalqabees ji’oota lama lakkoofsisuu kan himan ogeessi kun, hanqina meeshaan cinatti yaaliin walxaxaa akkanaallee kana dura hospitaalicha keessatti baratamaa akka hinturre himu.

“Opireeshiniiniin akkasii hojjetamaa hinturre. Sababa meeshaa kanaan duwwaa osoo hintaanee shaakalliin isaas hinjiru. Ogeeyyiin gama kanaan immoo nucaalaa dhimma kanarratti qofa ispeshaalaayizii godhan (neurosurgeons) hospitaalota akka Phaawulof fi Xiqur Anbassaa keessa ni jiru” jedhan.

“Namoonni nucaalaa beekan haajiraataniyyuu malee nuyis hojjechuu waan dandeenyuuf, dubartiin kunimmoo deemuus waan hin dandeenyeef filannoon jiru humnafii dandeettii qabnuun yaaluudha” jedhan.

Kana malees rakkoon biraa yaalii baqaqsanii hodhuu sammuu wajjiin walqabatee jiru iddoo tursiisa addaa dhukkubsattoonni yaaliin erga taasifameef booda keessa turan akka ta’e himaniiru.

Haa ta’u malee yaaliiwwan akkanaa ofitti amanamummaa ogeeyyii hospitaalichaa kan dabalan ta’uu kan himan Dr. Waaqtolee Abdiisaa, “Sabbata uummata kanarraa hiikkanneeti kan baranne, qabeenya uummata kanaan baranne. Ogummaa uummanni kun nubarsiisefii Waaqayyo nuuf laaten immoo uummata kana hanga dandeenyu gargaaruufi kan hojjennu” jedhan.

Meeshaaleen wal’aansaa haaraan hospitaalichi ittti fayyadamuu eegales ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa rakkoo fayyaa dhukkubsattootaa haalaan akka hubatanfii miira tajaajiltummaasaanii kan kakaasu ta’uus himaniiru.

Miidhamtuu fi maatii dubbisuuf BBC'n yaalee ammatti hin milkoofne. Maatiin yaaddoo nageenyaa waan qabaniif ammatti dubbachuuf fedha akka hin qabne himan.