Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen biyya alaa Finfinneetti mirga qamaleef mormanii hidhaman biyyaa ari'aman
Adoolessa 17, 2024 Dandii Qilleensaa Itoophiyaarratti sagalee mormii dhageessisuu isaaniif to'atamanii kan turan lammiileen biyya alaa sadii biyyaa ari'aman.
Lammiileen US lamaafi lammiin Biritaaniyaa tokko Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qabinsa seerawaa hin taaneen qamalee gara laabraatoorii du'aaf isaan saaxiluutti geejibaa jira jechuun osoo mormanii poolisiin qabaman.
Lammiileen sadan sa'aatii 25f to'annoo jala erga turanii booda Kamisa Adoolessa 18, 2024 gara buufata xiyyaara geeffamanii biyyaa akka bahan godhamuu maddeen BBC himaniiru.
People for the Ethical Treatment of Animals dhaabbata jedhamu keessatti pireezidaantii itti aanaa damee Eeshiyaa kan ta'an Jeeson Beekiriifi ilmisaani waggaa 11 fi Yunaayitiid Kingidamitti namni hojii dammaqiinaa hoogganu Ruuban Iskeets buufata poolisii naannoo Lagahaar kan argamu keessa turan.
Namoonni sadan waajira Daandii Qilleensaa Itoophiyaa naannoo daandii Charchiil jedhamutti argamurratti dhaadannoo ''geejiba gara jabinaan qamalee irratti raawwatu haa dhaabatu'' jedhu qabatanii mormii dhageessisaa turan.
Dhaabbileen mirga bineensotaaf dhaabatan kan magaalaa Finfinnee keessa jiranis Kamisa hiriira gochuuf iddoo filachaa turan jedhameera.
Amma duras Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akk hin malletti bineensota gara biyyoota adda addaa geejibuun himatameera.
Amma dura dhaabbatni World Animal Protection jedhamu daandiin qilleensaa kun bineensota ka'umsi isaanii gidduugalaa fi Lixa Afrikaa ta'e bineensa manaa gochuuf, daldalaa fi qorannoolee adda addaaf geejibaa jira jedhee ibsa baaseera.
Jeeson Beekir buufata Poolisii Lagahaar irraa ergaa dhaamee tureen ''Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa daraaraa qamalee gara laabraatoorii Ameerikaa ergamanii dubbachuu koof hidhameera'' jedhe.
''Yakki inni sirriin dararaa qamaleerra gahaa jiruudha. hidhamuun waan nama gammachiisu qabaachuu baatus, dararaa qamaleen Daandii Qilleensaa kanaan irra gahu walaiin kan wal gituu miti'' jedhe.
Namni kun ilmasaa ganna 11 waliin bashanna Keeniyaatti gochaa ture adda kutuun dhimma kanarratti mormii dhageessisuuf gara Finfinnee imale.
Kaayyoon isaas ilmisaa bineensotaaf akka quuqamuu qabu bariisuu akka ta'e hime.
Dabaluunis ''Keeniyaatti qamaleen bakka jiraachuu qabu osoo jiraatuu argineerra'' jedhe.
Pireezidantii itti aanaan dhaabbata People for the Ethical Treatment of Animals Keetiiy Gilleermo daandilee qilleensaa qamalee geejibuuf tole jedhan keessaa kan Itoophiyaa tokkodhaa jedhaniiru. Wanta sirriidha jedhanii hin amanne kanaan ''saalfachiisaa'' jechuun dhimma kana mormuu akka itti fufan himan.
Hidhaa namoota kanaa ilaalchisee Daandiin Qilleensaa, Mootummaan Itoophiyaafi Pooilisiin Finfinnee waan jedhe hin qabu.