'Dhimmi amantii dhimma dureewwan mana amantii fi hordoftoota amantichaati' Pir. Sahleworqi

Maxxanfame

Pireezidantiin Itoophiyaa Sahleworqi Zawudee biyyattii keessatti dhimmi amantii dhimma dureewwan fi hordoftoota amantiiti jechuun ibsan.

Pireezidanti Sahleworqi kana kan jedhan, abbootii amantii gidduutti dhibdee uumame irratti yaada Wiixata kaleessaa- Guraandhala 13, 2023 miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreessaniin ture.

Paatiriyaarkii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas waliin walarguun dhimmuma kanarratti mari'ataniiru.

Pireezidantiin kun rakkoon hammaatee ture erga tasgabbaa'ee booda yaada kennaniin, ''lubbuu badeef gadda kiyya ibsadheera,'' jedhan.

Amantiin kun amantootaaf da'oo isa dhumaa ta'uu akka amananis ibsan.

Maqaa sabaa fi amantiin siyaasa daldaluun balaa hamaadha kan jedhan qondaalli olaantuun biyyattii kun, ''dhimmi amantii dhimma dureewwan mana amantii fi hordoftoota amantichaati,'' jedhan.

Mootummaan gama isaan karaa kominikeeshinii fi miidiyaa hooggananuun alatti karaa qondaaltota isaa dhimma amantii kanarratti yaada kennuurraa of qusatareera.

Atakaaroo mana amantittii keessatti yeroo torbee sadi caaluuf hammaatee amma tasgabbaa'ee jiru kana ilaalchisuun hanga yoonaa qondaaltonni mootummaa yaada kennan Ministira Muummee Abiy Ahmad fi Pireezidanti Sahleworqi Zawudee qofa.

Pireezidanti Sahleworqi Zawudee sababa atakaaroo uumamee kanaan mirgoonni bu'uuraa lammiilee, olaantummaan seeraa, seeraaf bitamuun, itti gaafatamummaan, walabummaan yaada ofii ibsachuu fi mirgi odeeffannoo bilisaan argachuu akka hin sarbamne akeekkachiisan.

Biyyattiin rakkoo keessa turte jalaa baatee osoo sirnaan hin dandamatin, rakkoo biraa uumuu caalaa mariidhaan, waliigalteedhaan waliin jiraachuu malee furmaati biraa hin jiru jedhan.

Abbootiin amantii ortodoksii sadi muudama kennan akkaataa amantittiitti seeraan ala jedhamuun erga dhorkamanii booda torbanoota sadan darbaniif biyyattiin muddama keessa turte.

Sinoodosiin Mana Amantii Ortodoksii abbootiin muudama kennanii fi kanneen muudamanis walumaagalatti qajeeltoo amantichaan ala ta'uu labsuun aangoo gonofeera.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad abbootiin amantii waldhaban kunneen rakkoo keessoo isaaniin mariidhaan akka hiikkatan ibsaniiru.

Haasaan Ministira Muummee Abiy miidiyaadhaan darbe Sinodosii mana amantittiirraa mufii guddaa kaaseera.

Kanaafis hiriirri mormii Dilbata dheengaddaatti waamamee ture yeroo biraatti darbeera.