Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiriirri Bataskaana Ortodoksiin waamamee ture yeroo biraatti dabarfame
Dureewwan Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, marii anga'oota mootummaa wajjin taa'aniin ejjennoon keenya fudhatama waan argateef, hiriirri Dilbataaf qabamee ture yeroo biraaf akka dabarfamu murteessine jedhan.
Abbootii waldittii gidduutti rakkoo mudate hordofee muddama biyyattii keessa dhalateen, dureewwan bataskaanattii fi mootummaan Jimaata marii kan taa'an ogguu tahu, mootummaan haalduree waldattiin dhiyeessite fudhachuusaa dubbatan.
Sambata har'aa bu'aa marichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennameen, seera amantaa, qanoonaafi bulchiinsa Bataskaanittiin alatti jaarsummaan kamuu akka hin raawwanne himameera.
Mootummaan Itoophiyaa MM Abiyyin durfamu, dhimma marii masaraa mootummaatti gaggeeffame ilaalchisee hanga ammaatti wanti jedhe hinjiru.
Miseensota Sinoodosii Qulqulluun ibsa Afaan Amaaraa fi Oromoon kennameen: "mootummaan ejjennoo Bataskaanaa simachuun, gara fuuladuraattis tokkummaa fi walabummaa Bataskaanaa haala eegeen akka hojjetu mirkaneesseera," jedhan.
Marii Jimaataan Phaaphaasonni 12 Paatriyaarkii Abuna Maatiyaasin durfaman, MM Abiy Ahimad, MM Ittaanaa Dammaqa Makonnin fi qondaalonni mootummaa biroo, akkasumas jaarsoliin biyyaa argamuun ibsameera.
Taatee torban sadiin dura eegalee mudateen hordoftoota amantichaa irratti lubbuun darbuu fi miidhaan qaamaa akka gahe kan himame ennaa tahu, dhimmi kunis yaa'ii kanarratti ka'uun kanneen balleessaa kana keessa hirmaatan seeratti akka dhiyeessu eerame.
Dabaluunis yeroo ammaa hidhaan saaxilamuufi dararamni abbootii fi miseensota waldichaa irratti raawwachaa jiru hatattamaan akka dhaabbatuufi kanneen hidhamanis akka hiikaman waliigalteerra gahameera jedhan ibsa har'aa kanaan.
Abbootiin amantaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, marii angawoota mootummaa wajjin taa'aniin ejjennoon waldittii fudhatama waan argateef, akkasumas kana raawwachiisuufis yeroo waan gaafatuuf, hiriirri Dilbataaf qabamee ture yeroo biraaf dabarfamuu himaniiru.
Dhimmoonni seeraa gama waldattiin qabamanii jiranis, haaluma seeraa hordofuun kan itti fufan tahuu eeruun, mootummaanis waamicha Bataskaanaa fudhachuuniifi bu'uuruma murtee kanaan kan raawwatu tahuu mirkaneessuu isaaf galateeffataniiru.
Siinodosiin Oromiyaa fi Sabaaf Sablammii dhiyeenya hundaa’e jedhame, ibsa Sambata kanname kana ilaalchisee hanga ammaa wanti dubbatan hinjiru.
Haatahu malee, guyyaa Jimaataa marii mootummaa wajjin taasifameefi murtee mana murtiin booda ibsa baasaniin, hanga tahes tahu milkaa'uu himan.
Dhimma Bataskaanota qabatan ilaalchisee: "Ammaaf Sinoodoosin Oromiyaa kan qabatani qabatani haa dhaabbatanu. Haarawa akka hin qabanne jechuun murtee dabarseera," jechuun fuula Facebook gubbaa barreessan.
Wal dhabdeen mana amantaa Ortodoksii miilanaa kun kan dhalate yeroo Phaaphaasonni sadii, Bataskaanni kun hunda kan hammatte miti; akkasumas Oromiyaa dabalatee naannolee kaanitti tajaajilli afuuraa afaan isaaniin kennamaa hin jiru jechuun, Ephisqophosoota 26f muudama erga kennanii booda.
Phaaphaasonni haaraan mudamanis gara kutaalee Oromiyaa ramadamaniitti kan imalan ogguu tahu, bakkeewwan gariittis hokkorri uumamuun lubbuun namaa darbeera.
Haatahu malee Qulqulluu Sinodosii Ortodoksii Itoophiyaa garee kana muudama seeraan alaa gaggeessan jechuun tajaajila mana amantichaa hunda irraa dhorkuu beeksifteetti.
Dabalataan maqaa amantaa ittiin beekamaniin osoo hin taane maqaa isaanii jalqabaan akka waamamanis murteessite.
Haatahu malee abbootiin amantaa muudamicha gaggeessanis qanoonaa mana amantichaa hin cabsine, gaaffii keenyaaf deebii kennuu waan didaniif murtee kana fudhanne tajaajila keenya itti fufne jechuun himu.