'Spider-Man' kabaja guyyaa dhalootasaa 60ffaaf gamoo darbii 48 ofeeggannoo tokko malee kore

Madda suuraa, Reuters
Namtichi ''Spider-Man biyya Firaans'' guyyaa dhalootasaa 60ffaa, gamoo abbaa darbii 48 magaalaa Paaris keessatti argamu meeshaalee ofeeggannoo malee koruun kabaje.
Alaayin Roobart gamoo Tour TotalEnergies naannoo magaalaa Défense'tti argamu funyoo ykn wadaroo malee yaabe.
''Ganna 60 jechuun [hangas mara jaaruu miti] ergaa jedhu namootaaf dabarsuun barbaade. Umurii kanatti ammallee ispoortii hojjechuu, sosocho'uu fi waan ajaa'ibaa dalaguu dandeessa,'' jechuun ejensii oduu Rooyitarsitti hime.
Erga gamoo kana koree xumuruun gubbaa gahe booda to'annoo jala oolfamuun gabaafameera.
Aabba Roobart gamoo Tour TotalEnergies kana amma durallee maroo hedduu yaabeera.
Kan ammaa kanaan gubbaa gahuuf daqiiqaa 60 callaa itti fudhachuu marsariitiin oduu Defense 92 gabaaseera.
''Waggaa hedduun dura gaafan ganna 60 guutu, gamoo sana irra deebiin kora jedhee ofiif waadaa seene. Sababni isaas Firaansitti waggaan 60 bara itti soorama bahan waan taheef, kunis ergaa gaarii qaba jedheen yaade,'' jechuun boodarra dubbate.
Kaayyoon gamoo yaabuu kanaa inni biroo ho'a addunyaa irratti hubannoo uumuuf akka tahellee, Rooyitars gabaaseera.
Aabba Roobart gamoowwan addunyaarra akkaan dhedheeroodha jedhaman yaabuun beekama.
Amma durallee gamoo addunyaarra dheerinaan tokkoffaa tahe Burj Khalifa magaalaa Dubaayitti argamu 2011'tti yaabeera.
Gara caalu kana kan godhu dursee otoo hin beeksisiin yookaan heeyyama otoo hin argatin ennaa tahu, marroo hedduus to'annoo jala ooleera.
UAEtti kan argamuufi gamoo meetira 828 dheeratu Burj Khalifa gaafa yaabu garuu wadaroo fi meeshaalee ofeeggannoo kaaniin gargaaramee ture. Gaafas gubbaa gahuuf sa'aatii jaha itti fudhate.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images












