Namoota shamarree Maahileet ajjeesan keessaa tokkotti duuti murtaa’e

Madda suuraa, Million
Naannoo Tigraayitti manni-murtii giddu-galeessa magaalaa Maqalee shamarree Maahilet Takilaay irratti yakka ajjeechaa namoota raawwatanirratti murtee kenneera.
Shamarreen ol adeemtuu umuriin ishee wagga 16 taateefi jiraattuu magaalaa Adawaa turte Maahilet Teklaay A L I Bitootessa 10, 2016 osoo mana barumsaa deemaa jirtuu butamtee Waxabajji 12, 2016 ajjeefamtee argamuun ishee ni yaadatama.
Akka TVn naannichaa gabaasetti, himatamaan tokko mormashee hudhee qabuun, himatamaan lamaffaa ammoo baajaajiin butee fuudhee deemuun hidhaa qophee (maasaaraa caammaatiin) daqiiqaa 30f gidirsanii akka ajjesan abbaan alangaa magaalaa Maqalee ibseera.
Himatamaan tokko ajjeechaa kana erga raawwateen booda hojii akka gale, ajjeesanii erga awwaalanii booda ammoo abbaa intalaa Obbo Takilaay Girmaayiin Birrii Miliyoona sadii akka gaafate ibsameera.
Himatamaan lamaffaas himatamaa tokkoffaatiin qixa yakka kana keessatti tumsa gochuu abbaan alangaa waan ibseef, ajjechaan kun ammoo gara jabinaan kan raawwatamedha jechuun mana-murtiif ibseera.
Ragaa abbaan alangaa dhiyeesse kan qorate manni-murtichaa himatamaa tokkoffaa du'aan, himatamaa lamaffaa ammoo hidhaa umurii guutuun akka adabaman murtee dabarseera.
Waggoota lamaan darban keessa naannicha keessatti yakkawwan wal fakkaatan waan mudataniif, "warra yakka akkasii kana raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatamee itti-gaafatamummaan akka jiraatu" ummanni gaafataa tureera.
Waraana Naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee yaaddoon nageenyaafi tikaa olaanaan uumamuun kan ibsamu yoo ta’u, magaaloota naannichaa hedduu keessattis yakkiwwan qindaa’eefi hidhannoodhaan deeggarame mudachuu odeeffannoon poolisiirraa argame ni mul’isa.












