BBC'n maallaqa qusachuuf ramaddiiwwan hojii 382 cufuuf

Maxxanfame

BBC'n maallaqa tajaajila idil-addunyaaf ramadu keessaa waggaattii paawundii miiliyoona 28.5 qusachuuf jecha tajaajila isaa World Service keessaa ramaddiiwwan hojii 382 cufe.

BBC ibsa Kamisa ifa godheen baasii tajaajila idila addunyaaf baasuu xiqqeessuuf tarkaanfii fudhateen tajaajiloota raadiyoo Arabiffaa, Parshiyaa, Chaayinaa fi Beengaalii dabalatee tajaajiloota 10 akka cufu beeksiseera.

Tajaajilootni afaan biyyoota alaa akka cufaman murtaahe jraachuu baatus hojiin isaanii gama oonlaayinii akka ta'u godhama.

BBC tajaajiloota CBBC fi BBC Four jedhamanis gara oonlaayiniitti deebisuun waggaatti paawundii miiliyoona shantama qusachuuf murteesseera.

Barreessituun dhimma aadaa UK Naadiin Dooriis baasiin BBC'n hayyama hojiif waggaa lama keessatti baasu Paawundii 159 akka hin caalle murteessan.

Kanatti dabalataan qaalayinsi fi baasiin dabaluun BBC'n ''filannoo ulfaataa'' kanatti akka qajeelu ta'eera.

Dhaabbatichi World Service hojmtaata isaa ammayyeessuun qabiyyeewwan isaa waltajjiiwwan dijitaalaa irratti akka maxxansu karoorfame.

BBC'n murtee haaraa kanaan tajaajiloota raadiyoo afaan Kirgistaan, Uzbeekistaan, Hindii, Indoneezhiyaa, Tamiilifi Urduu cufeera.

Tajaajilootni afaan Chaayinaa, Gujiraat, Igboo, Indoneezhiyaa, Pijiin, Urduufi Yoruubaa ammoo gama oonlaayiniin qofa ta'u.

World Service qabiyyeewwan gosa adda addaa afaanota hedduun gama raadiyoo, TV fi dijitaalaan dhiyeessuun torbanitti uummata miiliyoona 364 bira gaha.

Kana keessaa walakkaan gama oonlaayiniin qabiyyee tajaajila kanaa hordofu.

Hooggantuun World Service Liliyaan Laandoor ''addunyaa irratti gaheen BBC yeroo kamiyyuu caala guddaadha. BBC'n miiliyoonota dhibba hedduun amanamaa, madda oduu haqaa fi hin loogne akka ta'etti fudhatama'' jedhan.

''Gaazexeissummaa isa gaarii dhiyeessuu itti fufna ingiliffaani[s ta'e afaanota biroo 40'n. Gaaxessummaan keenya kan dhiibbaa uumu odeessii keenya akka bakka baayyee gahu goona.

Tajaajiloota gama diijitaalaan dhiyeessuun akka jabaatu irratti amanameeras jedhan Liiliyaan.

BBC'n tajaajilootni gariin Landanii darbaa turan bakka uummatni isaan irratti xiyyeefatan jiraatanitti siiqanii tajaajila akka kennan murteessuu ibseera. Kanaafis Focus On Africa TV Landanii gara Afrikaa akka deemu murtaa'eera.

Wiirtuu dhimma Chaayinaa gabaasu haaraa Landanitti ijaaruunis karoora haaraa keessaa tokko.