Kooriyaan Kaabaa afuuffeewwan balfaa fi holola siyaasaan guutame Kooriyaa Kibbaatti ergite

Madda suuraa, Rooyitars
Kooriyaan Kaabaa afuuffeewwan qilleensaa 90 holola siyaasaa fi balfaa bulchiinsota Kooriyaa Kibbaa daangaarratti argamanitti ergite.
Jiraattoonni akka manaa hin baane qondaalonni naannicha akeekkachisan.
Waraanni Kooriyaa Kibbaa Roobii darbe jiraattoonni afuuffeewwan qilleensaa adii fi borsaawwan afuuffee qilleensaa sanatti hidhaman ''pilaastikaa balfa hamaa qaban akka hin tuqne'' jechuun akeekkachise.
Afuuffeen qilleensaa kunneen bulchiinsa Giyongi fi Gaangwoon keessatti kan argaman yoo ta’u, qondaalonni dhimmichi ilaallatu qorachaa jiru.
Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa -lachuu erga waraana Kooriyaa bara 1950 asiitii holola siyaasaa gaggeessuuf afuuffee qilleensaatti gargaaramaa turan.
Dhiyeenyatti rogeeyyiin Kooriyaa Kibbaa naannoo daangaa biyyoota lamaanitti irra deddeebiin barreeffamoota gaggabaaba fi balfa gara Kooriyaa Kaabaatti raabsu hordofee, Kooriyaan Kaabaa haaloo akka baatu akeekkachiiftee turte.
''Balfi waraqaan maramee fi balfi yeroo dhiyootti naannoo daangaatti rabsama, Minsteerrii Dhimma biyya keessaa Rippaabilika Kooriyaa Kibbaa balfa kana qulqulleessuuf tattaaffii gaafatu arguu qabu’’ jedhan Ministirri ittaanaan waraana Kooriyaa Kaabaa Kiim Kaang Il ibsa miidiyaa biyyattiif Dilbata ergan keessatti.
Kibxata darbe jiraattoonni Kaaba magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa, Sehul jiraatan hojiiwwaan bakkee keessatti hojjatan yeroof akka dhiisan qondaalotaa biyyattiirraa dhaamsi barreeffamaa ergameef.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattoonni kunneen waanta maalummaan isaa hin beekamne yoo argan buufata waraanaa ykn buufata poolisii dhiyeenya isaanitti argamutti akka gabaasan gorfaman.
Namoonni suuraa kaasan borsaa affuuffee qilleensaatti hidhamefi waraqaa mana fincaanii, biyyoo gurraacha, baatirii fa’aa of keessaa qabu miidiyaa hawaasarratti maxxansan.
Suuraalee kaafaman muraasa keessatti poolisoonni fi loltoonni ni mul’atu.
Ejensiin oduu Kooriyaa Kibbaa Yonhap jedhamu akka gabaasetti, affuuffeen qilleensaa kaan’’ waanta bobbaa fakkaatu’’baatu.
Waraanni Kooriyaa Kibbaa gocha kana balaaleffachuun''seera idil-addunyaa kan ifatti sarbu'' jedhe.
''Nageenya uummata keenyaa balaarra buusa. Badii sababa affuuffee qilleensaa kanaan qaqqabeef Kooriyaan Kaabaa itti gaafatamti, Kooriyaan Kaabaa gocha namummaa of keessaa hin qabne kana saffisaan irraa of qusachuu qabdi'' jechuun Waraanni Kooriyaa Kibbaa akeekkachise.
Mormitoonni holola Kooriyaa Kaabaa, fi rogeeyyiin Kooriyaa Kibbaa afuuffeewwan maallaqa callaa, qabiyyee miidiyaa biyyattii keessatti uggurame qaban, nyaataa Kooriyaa Kibbaa biyyattii keessatti dhorkame fa’aa gara Kooriyaa Kaabaatti erguu eegalaniru.












