'Yeroo baay'ee ulfaataan dabarse' - Atileet Gudaaf Tsaggaay

Ibsa waa'ee viidiyoo, Atileet Gudaaf Tsaggaay osoo qe'ee warra ishee waraanni adeemaa jiru shaampiyoonaa addunyaa taate
'Yeroo baay'ee ulfaataan dabarse' - Atileet Gudaaf Tsaggaay
Maxxanfame

Atileet Gudaaf Tsaggaay 5,000m'n shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti injifatteetti.

Kuni osoo bakka dhaloota ishee Naannoo Tigraayitti waraanni adeemaa jiruuti tahe.

Daafiin waraanaa na biras gaheera jechuun BBC'tti himte. Baatiiwwan 18'f maatii ishee hin qunnamne ture.

Abbaan warraafi leenjisaan ishee guyyaa tokkoof hidhamuun ishee yaaddessee ture.

Eega waliigalteen nagaa mootummaafi TPLF waliin mallattaa'e booda maatii bilbilaan qunnamuu dandesseetti.