Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walloo Kibbaatti namoota osoo albuuda baasanii lafti irratti jige baasuuf yaaliin eegalame addaan cite
Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Dalaantaatti albuuda Oppaalii utuu baasaa jiranii namoota lafti irratti jige baraaruudhaaf yaalii taasifamaa ture addaan cituun himame.
Yeroo lafa qotaa jiranitti ammas jigee balaa biraa akka hin qaqqabsiisneef jecha dhaabbachuu isaa aanga'oonni godinichaa himaniiru.
Namoota albuuda Oppaal osoo baasanii lafti itti citee erga awwaalamanii guyyaa ja'a ta'e baasuudhaaf laficha qofforuun jalqabame addaan cituu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Wagal Xeenaa Obbo Tasfaayee Alaminew himaniiru.
Dura ta'aan Waldaa Omishtoota Albuudota Gati-jabeeyyii Warqee Waashaa Obbo Tasfaayee Aggaazh miseensonni waldaa isaanii lafti itti jige akkuma awwalamanitti ta'uu BBCtti dubataniiru.
Obbo Tesfayee hojii qotiinsaa har’a ganama akka addaan citeefi bor ganama deebisee akka eegalu himanis, Obbo Tesfaayee Aaggaazh garuu hojiin qotiinsa kaleessa akka addaan citeefi deebiyee akka hin eegalle dubbatan.
Boolla meetira dhibba hedduu keessatti hojjettoota albuuda Oppaalii baasuu awwaalaman kana baasuuf yaaliin taasifame meetira 60-70 kan ta’u erga qotamee boodadha kan addaan cite.
Kamisa A.L.I Amajjii 30, 2016 galgala albuuda oppaalii baasuu yaaluuf hojjetoota qotiinsarra turan irratti holqichi jigee namootni lakkoofsi isaanii sirritti hin beekamne kan awwaalaman yoo ta’u, haalli isaan keessa jiran ammatti hin beekamu.
Kominikeeshiniin Godina Walloo Kibbaa, holqi albuuda baasaa lakkoofsi namoota holqi kun irratti jige 20 ol ta’u yoo jedhu, angaa’otni naannichaa garuu lakkoofsa sirrii baruun rakkisaadha jedhu.
Hojjettoota albuuda baasaa kana biyyoo isaanirratti jige keessaa baasuuf yeroo yaalamu lafti dacha isaan olitti jiru mucucaachaa waan dhufeef yaaliin kun dhaabbachuu Obbo Tasfaayee Aagaazh ibsaniiru.
Hojii qotiinsaa kana irratti namootni 55 ta’an kaleessa kan hirmaatan yoo ta’u, biyyeen gara olii jiru mucucaachuu yemmuu eegalu aariitiin achi akka ba’an himameera.
“Utuu ariitiin hin baanee balaa qaba ture. Namootni qotaa turan hin argaman turani,” jechuun balaa uumame oolee ibsaniiru.
Maatiin namoota albuuda baasanii bakka sana kan turan yoo ta’u, hallayyaan sunis diigamee balaa biraa waan qaqqabsiisuuf hin dandeenyu jennee “abdii kutachuu keenya itti himnaan boo’aa deeman” jechuun BBCtti himaniiru.
Hojiin laficha qotuu erga meetira 60 qaqqabeen booda kaleessa galgala dhaabbachuu isaa Obbo Tasfaayee Aggaazhee ibsuun, biyyeen irratti fe’ame osoo irraa hin ka’iin karaan ittiin ba’uu danda’an akka hin jirres BBCf ibsaniiru.
Namoonni kunneen boolla meetira 100 gadi fagaate keessa awwaalamanii kan jiran yoo ta’u, amma bakka qotuudhaan qaqqabameenis iddoo qilleensa argachuu danda’an qaqqabuu hin dandeenye jedhan.
Qotuun kun har’a akka dhaabbate kan dubbatan kantiibaan kun, Kan irra keessaan jiru jigee qotuun isaa haala biraan karaa itti fufuun danda’amu barbaadaa jirra jedhan.
Yeroo jalaan qoffaramu lafti irra keessaan jiru jigaa waan deemuuf miidhaa biraa akka hin qaqqabsiisneef qotuun isaa yeroof dhaabbachuu isaa ibsan. Biyyoo irra keesaan rarra’ee hafe diiguudhaaf Dimaamitiifi meeshaalee filannoo birootiin yaaluun ammoo caalaa yaaddessaa waan godhuuf humna namaatiin erga diigamee booda akka haaraatti qotuun akka jalqabamu ibsan.
Hojiin uummata kakaasuufi birmachiisuu ammallee hojjetamaa jiraachuu himuun, humna ittisaa, nageenyaafi hawaasa guutuu karaa hirmaachiseen bor gara akka haaraatti qotuutti galama malee hin dhaabbatu jedhan.
Balaan kun godina Walloo Kibbaa aanaa Dalaantaa ganda Haallewaat bakka addaa Qooq Wuhaa jedhamtuttidha.
Namoonni lafti cite jalatti awwaalaman kunneen halkaniin gara sana deemuun isaanii balaan kun akka uumamuufi namoota ammaaf lakkoofsi isanaii hin beekamne dhabamuuf sababa ta’eera jedhan bulchaan aandaa Dalaantaa Obbo Ayyaalew Barrihun.
Bulchaan Walloo Kibbaa Obbo Alii Mokonnon naannawaan sun allayyaa waan ta’eef, akkasumas kanaan dura albuuda Oppaal baasuudhaaf boollawwan qotaman hamoo ta’uu isaaniirraa kan ka’een jiraattota naannoo sanaatiif akeekkachiifni kennamaa akka ture dubbachuun isaanii ni yaadatama.