Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sochiin ispoortii torbanitti al tokko sirriitti hojjennu fayyaa qaamaaf gahaadhaa?
Sochiin ispoortii dhuma torbaniirra al tokko sirriitti tolchinee hojjennu torbee guutuu ykn torbee keessaa guyyoota muraasa xixiqqeessinee hojjechuu waliin faayidaan isaa tokko ta'uu qorannoon mul'ise.
Qorattoonni Ameerikaa namoota 350,000 ta'an waggoota 10f hordofaa turan, gahuumsa namoota torbeetti al tokko qofa ispoortii hojjetanii xiinxalaniiru.
Bu'aan qorannoo isaanii barruu internaal medisinii JAMA jedhamu irratti maaxane, gosaa fi hamma ispoortii hojjetamee malee torbeetti yeroo meeqa kan jedhu hin lakkaa'amu jedhe.
Ispoortii ulfaatinni isaa jiddugaleessa (moderate intensity) ta'e torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa 150 hojjechuu gorsa qorannichi.
Deemsa miilaa (daqiiqaatti tarkaanfii 100), humna salphaa haala baasisuun saayikilii oofuu ykn ammoo lama lama ta'anii teenisii dirree taphachuun ni ta'a.
Yookin ammoo ispoortii ulfaataa (high intensity) akka fiigichaa, bishaan daakuu ykn kubbaa taphachuu torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa 75f hojjechuu dandeessu.
Namoonni qorannoo amma godhame kana keessatti hirmaatan daqiiqaa kaa'ame guutuu shaakalan. Gariin torban keessatti yeroo gara garaa kan hojjetan yoo ta'u, gariin ammoo torbanitti al tokko hojjetan.
Kanneen torban keessa yeroo tokkoo ol hojjetanis ta'e kanneen torbanitti al tokko hojjetan garuu hamma barbaadamu hojjetan, kanneen sanaa gadi hojjetan waliin yoo madaalaman carraan du'aa isaanii xiqqaadha.
Foowundeeshinii Fayyaa Onnee Biriitishitti narsii olaana onnee kan ta'an Joowan Wiitmoor "qorannoon guddaan kun, waan ispoortiin wal qabatuun wanti murteessaa yoom hojjette kan jedhu miti" jedhu.
"Wanti baay'ee murteessaan sochiin qaamaa godhamuu isaati" jedhu.
"Walitti qabdee torbeetti al tokko hojjettes, adda facaaftee torban keessa yeroo gara garaa hojjettes, ispoortii ulfaatinni isaa jiddugaleessa ta'e torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa 150 hojjechuu galma godhadhu."
Sochiin qaamaa ykn ispoortiin fayyaa akka fooyyessu, carraa dhibee onnee fi sirna hargansuu akkasumas istirookiin qabamuu akka xiqqeessu himu.
Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK (NHS) garuu namni tokko guyyaa guutuu taa'ee ooluu akka hin qabneefi sochii qaamaa gochuu akka qabu gorsu.
Sochii qaamaa akka Yoogaa, ispoortii irree jabeessan ykn ammoo biqiltuu bishaan obaasuufaa gorsu.
Itti dabaluunis daa'imman guyyaatti daqiiqaa 180f sosocho'uu akka qaban, ijoollee fi dargaggootni ammoo guyyaatti sa'aatii tokkoof socho'uu qabu jedha.