Dorgommii fiigichaa namaa fi fardeen gidduutti godhame, namni injifate

Maxxanfame

Dorgommii cimaa namaa fi fardaa gidduutti gaggeeffamee irratti namichi injifate magaalaa Tenerifee irraa erga imalee dorgomicha dura sa’aatii 29’f hirriba homaa akka hin rafne beeksise.

Atleetiin fiigicha bosona keessaa Riikii Laayitfuut injifate kun erga dorgommiin kun bara 1980’tti eegalamee nama injifate isa sadaffaadha.

Jimaata halkan walaakkaatti gara Maanchisteritti balalii’uusaa dura barii sa’aatii 12:00’tti akka hirribaa dammaqe BBC’tti himeera.

Sababa faradootii fi namni kallattii garaagaraarra fiiganiif atleetichi yeroo fiigicha isaa xumuru injifachuu isaa hin beekne ture.

Boodarra gaggaafatu, dorgommii atleetota 1,000 fi Fardeen 50 hirmaachise kana sa’aatii 2:22:23’n xumuree injifachuu isaa bare.

Dorgommii fageenya km 36 dheeratu kana irratti farda isa jalqabaa daqiiqaa lamaan dursee waan injifateef paawondii 3,500 badhaafameera.

Atleetiin umurii ganna 37 kun injifannoon “kan namatti toludha,” jedheera.

“Dorgomicha injifachuu fi farda mo’achuun bayyyee gaariidha,” jedha. “Jaalalleekoof bilbilee ‘fardicha nan mo’adhe’ jedheeni. Isheenis ‘qoosaa jirtaa?’ naan jette.”

“ Anis “lakki, dhuguman injifadhe,” jedheeni. Yeroos isheen “Yaa Rabbi” jette.”

Hojjeetaa ittisa ibiddaa kan ta’e Rikiin, ofitti amaneen ture jechuun “farda waliin dorgommii gaariin gaggeessa jedhee yaadeen ture,” jedheera.

Injifannoo isaa booda yoo itti aansuun dorgommii biyyaaleessa ‘Grand National’ ni seena ta’ee gaafatamee, “ utuun dorgommii Grand National mo’adhee baayyee gaariidha,” jedheera.

“Jireenyakoo keessatti takkayyuu farda gulufee hin beeku. Yeroo tokko garuu harree koree beeka.”

Injifannoo isaa booda abbaan ijoollee lamaa kun gara mana isaa Kumbiriyaa jirutti deebi’uun Dilbata sa’aatii 1:30 irrati hojii idilee isaatti deebi’eera.

Hogganaan dorgommichaa Maayik Toomas akka jedhetti Rikii dorgommii Sanbataa kana irratti fardeen ''haala amansiisaan'' injifate.

Dorgommiin kun erga eegalee namni si'a sadii qofa fardeen fiigichaan kan injifate yeroo ta'u, kan jalqabaa bara 2004’tti kan lammataa ammoo bara 2007’ttidha.

Dorgommiin, sababa koronaavaayirasiin waggaa lama booda deebi’ee eegale kun, asfaaltii irratti eegalee booda daandii bosona keessaa fi dirree irratti gaggeeffame.