Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baay'inni uummataa Itoophiyaa 2050'tti eessa gaha, yaaddoo moo carraadha?
Dureessi addunyaa kanaa Elaan Maask waltajjiiwwan irratti dubbatu gara caalu irratti waayee baayyina uummataa kaasa.
Addunyaaf yaaddoodha jedhee dureessi kun kan kaasu baayyinni uummata addunyaa xiqqaachaa adeemaa laata kan jedhuudha.
Abjuu dhalli namaa Maarsiin to'achuu qaba jedhu kan qabu namni kun ''walhoruu, walhoruu qabna'' jedha.
Gama kaaniin mootummootni addunyaa baayyinni uummataa dabalaa jira, to'achuuf imammata baasuu qabna jedhanii erga hojjechuu eegalanii bubbulaniiru.
Eloon ''bakka tokkotti sassaabamnee waan jiraannuuf malee addunyaan keenya nama hedduu qabachuu dandeessi,'' jedha.
Baayyinni uummata addunyaa amma jiru kan walakkeessa jaarraa 20ffarraa turerraa dachaa sadiin dabale. Sadaasa dhufu ammoo biiliyoona saddeet gaha jedhamee eegama.
Hanga ammaatti baayyina uummataan sadarkaa jalqabaarra kan jirtu Chaayinaan torbanoota keessatti Hindiin sadarkaan ishee kun fudhatamuuf jedha.
Addunyaan kun bara 2020 keessa guddinni baayyina uummataan galmeessite isa baayyee xiqqaadha.
Baayyinni uummataa erga bara 1950 isa harkifataadha jedhame kun waggaa 40 booda bara 2060'tti fooyya'ee addunyaan uummata biiliyoona 10.4 qabaatti jedhamee tilmaamameera.
Gabaasni haaraan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Hindii fi Itoophiyaa dabalatee biyyootni addunyaa saddeet walakkaa baayyina uummata addunyaaf ni gumaachu jedheera.
Baayyinni uummata Itoophiyaa eessaa garam?
Itoophiyaa keessatti lakkoofsi uummataa barkurneewwan lamaan darban guddinni agarsiise saffisa harkifataa qabaachaa ture.
Akka tilmaama Baankiin Addunyaa ragaalee adda addaa bu'uureffachuun bara 2021 baasetti ammoo, baayyinni uummataa biyyattii bara 2020'tti miiliyoona 115'tti tilmaamamu waggoota kurna sadii dhufan keessatti miiliyoona soddoma soddomaan dabalee bara 2050'tti miiliyoona 205 gaha jedheera.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii-UN ammoo baayyinni uummata Itoophiyaa bara 2050'tti miiliyoona 213 gaha jechuun tilmaama.
Haala amma jiruun baayyinni uummata Itoophiyaa kana waggaa 60 dura turerra dachaa shaniin dabaleera.
Waggoota 50 darban duuti daa'imman umrii shanii gadii akkaan xiqqaateera. Lakkoofsi haadholii dahuumsa irratti du'aniis hir'iseera.
Bara 1970 daa'imman umrii shanii gadii 1,000 keessaa daa'imman 244 ta'an akka du'an kan eeru ragaan Baankii Addunyaa, lakkoofsi kun bara 2019 gara 50 gadi bu'eera.
Fandiin Daa'immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNICEF) gabaasa bara 2018 baaseen, Itoophiyaa keessatti haati tokko giddugaleessaan daa'imman 4.6 deessi jedha.
Akkaa gabaasa haaraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti baay'ina uummata addunyaa bara 2050'tti biiliyoona 9.7 gaha jedhamee tilmaamuuf biyyoota guddina harka walakkaa gumaachu jedhamanii tilmaamaman saddeet keessaa Itoophiyaan tokko.
Gama kaaniin Itoophiyaan biyyoota hiyyeeyyii jedhaman keessaa tokko.
Biyyoota saddeet guddina baayyina uummataa addunyaaf harka walakkaa ol gumaachu jedhaman kaanis garri caalu akkuma Itoophiyaa biyyoota hiyyummaa keessa jiranidha.
Rippaablika Dimookraatawaa Koongoo fi Taanzaaniyaan Itoophiyaan adda hin jiran.
UN biyyoota kunniin keessatti baayyinni uummataa akkaan dabaluu wajjin walqabatee qormaatawwan dhufan irratti akeekkachiiseera.
Sadarkaa itti aanaa Barreessaa Olaanaatti hoogganaan damee diinagdee fi dhimmoota hawaasummaa UN Liu Zhenmin ''dabaluun uummataa hiyyummaa xiqqeessuu, hanqina nyaata madaalawaa, dhiyeessii tajaajila fayyaa fi barnootaa rakkisaa godha,'' jedhu.
Diinagdeefi baay'ina uummataa
Biyya Landan kan jiraatu ogeessi diinagdee Abdul Mannaan Mahaammad baayyinni uummataa fi diinagdeen adda bahanii kan ilaalaman miti jedhu.
Diinagdeen roga sadii qaba jedhu ogeessi kun.
''Tokko humna namaati, lammaffaan kuufama kaappitaalaati, sadaffaan ammoo fooyya'iinsa teeknolojiiti.''
Sadeen kun akka ta'utti qindoomanii jennaan bu'aan dinagdeef buusan olaanaadha jedhu.
''Fakkeenyaaf biyyoota saffisni guddina uummataa itti qabbanaa'e keessatti kuufamni kaappitaalaafi teeknoolojiin isaan yoo gargaare malee diinagdee guddisuu hin danda'an,'' jedhu.
Biyyootni akka Itoophiyaas baayyina uummataa fayyadamuun kaappitaala yoo kuusaniif teeknoolojii yoo jajjabeessan jijjiirama fiduu danda'u'' jedhu Abdul Mannaan.
Baayinni uummataa Itoophiyaa amma jiru ni yaaddessa moo ishee gargaara?
Inveestimeentiin teeknoolojii biyyoota akka Itoophiyaaf qaalii ta'a kan jedhan Abdul Mannaan, ''teeknoolojii addunyaan kaan itti fayyadamu galchinee humna namaa waliin itti hin fayyadamnu taanaan balaadha,''jedhu.
Rogoota sadan diinagdee dhimma itti bahuu dhabuun rakkoo siyaasaa fida jechuunis akeekkachiisu.
''Kana ta'uu baannaan baayyinni uummataa rakkoo siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa nutti ta'uun isaa shakkii hin qabu.''
Harki caalaan uummata Itoophiyaa dargaggoo ta'uu isaarraa kan ka'e hojii dhabuun isaa rakkoo siyaasa guddaa uumuu akka danda'us dubbatu.
Imaammatni diingdee Itoophiyaa baasu maali?
Waggoota 15 darban akka imaammataatti yaadni jajjabeeffamaa ture invastimeentii akka ta'e kan eeran Abdul Mannaan, adeemsi kun guddina diinagdee fidus, carraa hojii uumuurratti hanqina qabaateera jedhu.
''Nama baayyee kan nuu qacaru dameen indaastirii hin guddanne. Dameen tajaajilaa garuu guddateera. Kuni ammoo nama baratee hojii dhabe hedduu uumeera.'' Amma kan hordofuun nurra jiru damee ''Indaastirii maanufaakicheriingii guddisuudha,'' jedhu.
Omisha irratti hirmaannaa qaamolee dhuunfaa imaammata jajjabeessu qabaachuun ni barbaachisa jedhan.
Baayyinni uummataa akka carraatti fayyadamuun barbaachisaa ta'uus hubachiisan.
'Baayyinni uummataa mataa isaatiin rakkoo hin ta'u'
Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa keessatti gorsaa olaanaa kan ta'an Biruuk Takkaa (PhD) imaammatni mootummaafi diinagdeen yoo wal sime, baayyinni uummataa carraa malee yaaddoo hin ta'u jedhu.
''Baayyinni uummataa mataa isaatiin rakkoo hin ta'u'' kan jedhan ogeessi kun, qabeenyi uumamaa qabnu baayyina uummataa waliin ida'amee fayidaarra akka ooluu baayyee hojjechuun nurraa eegama,'' jedhu.
Waggaa waggaadhaan barataa eebbifamee dargaggoo hojii barbaaduuf carraa hojii madaalawaa dhiyeessuun barbaachisaa ta'uu dubbatu. Kana gochuufis ''imaammatni mijataan qophaa'uu qaba'' jedhu.
Carraa hojii Safaricom Itoophiyaa keessa galuun uumaa jiru akka fakkeenyaatti kan kaasan Biruuk, ''dameeleen hin tuqamne hedduun jiru,'' jedhu.
''Mootummaan jijjiirama imaammataa hedduu gochaa jira'' jedhanii Indoonezhiyaa akka fakkeenyaatti fayyadamuun, baayyina uummataa akka carraatti fudhachuun ni danda'ama jedhan.
''Akkuma keenya biyya saba daneettiidha. Baayyinni uummataa ishee kan Itoophiyaan dachaa lamaa oli. Omishini waliigalaa (GDP) ishii tiriiliyoonaa oli (kan Itoophiyaa biiliyoona 117). Indoneezhiyaan waggoota 15 darban gara sirna dimookraasiitti dhufuu ishee dura bu'aa bayii hedduu keessa dabarte. Nuti sirriitti waan itti hin fayyadamneef malee humni qabnu hedduudha.''
Qabeenya Itoophiyaan qabnu baayyina uummataan walsimsiisanii akka ta'utti fayyadamuuf garuu ''nageenyi biyyaalessaa barbaachisaadha'' jedhu.
Daayireektarri dhaabbata Imaammata Misoomaa Afrikaa Eeliyaa Zuluum (PhD) gama isaaniin Itoophiyaan ''barnoota, ijaarsa dandeettiifi fayyaan deeggaramtee uummata ishee ce'umsa dinagdeef oolchuu dandeessi'' jechuun BBC'tti himan.
Itoophiyaa fi Naayijeeriyaan akka aardii Afrikaatti biyyoota baayyina uummataa guddaa galmeessan keessaati.
Lakkoofsi uummata Itoophiyaa waggaa waggaan miiliyoon lama lamaan yeroo dabalu kan Nayijeeriyaa ammoo miiliyoona shan shaniin dabala.
Eeliyaa Zuluum ''baayyinni uummataa misoomaa kennaa guddaa ta'a'' jedhu.
''Baayyinni uummataa guddaan jiraannaan, kan barateefi kan leenji'e yoo ta'e diinagdeef gahee guddaa qaba. Haata'u malee faallaa kanaan uummatichi hojii dhabaafi fayyaan isaa kan hin eegamne yoo ta'e badii hordofsiisa.''
Afrikaa keessattii dubartootni gidduugaleessan daa'imman afuriifi shan godhatu. Kun ammoo dubartootni gara barnoota isaanii fagoo deemaa akka hin jirre agarsiisa jedhu ogeessi kun.
Bara 1994'tti yaa'ii baayyina uummataafi misoomaa Masriitti gaggeeffamee tureen, maatiin lakkoofsa daa'imman horatuu fi baayyina uummataa to'achuun gahee mootummaa miti jedhamus, mootummaan filannoowwan hunda dhiyeessuu qaba jedhan Eeliyaa Zuluum.