'Istook maarkeetiin’ Itoophiyaan eegaluuf karoorsite maali, faayidaan isaa hoo?

Madda suuraa, Getty Images
Torbanoota muraasa dura Itoophiyaatti ‘Istook Maarkeetiin’ akka hundaa’uuf sanadni waligaltee mallattaa’ee ture.
Gabaan moggaasa ‘Ethiopian Securities Exchange’ (ESX) jedhu kennameef kana hundeessuuf kan waliigalatee mallatteessan dhaabbilee ‘Ethiopian Invetsment Holdings’, Ministeera Maallaqaa fi ‘FSD Africa’ jedhaman jidduutti.
Ofii ‘Istook Maarkeet’ maalidha?
Jecha afaan Ingilizii ‘Stock Market’ jedhuuf hiikkaa isa gitu ‘Gabaa qoodaa’ kennuufi dandeenya jedhu ogeessi diinagdee Obbo Zamadee Nigaatuu.
Dhaabbileen daldalaa gara garaa qooda abbaa qabeenyummaa dhaabbatichaa kan itti gabaaf dhiyeessanidha jechuunis ibsu.
Namoonnis qooda kana erga bitanii booda haguma dhaabbatichi bu’aa argachaa deemu, qooda isaanii deebisanii gurguruun ykn ammoo bu’aa dhaabbatichi argamsiise qooddachuun fayyadamoo ta’u.
Itoophiyaan gabaa qoodaa/aksiyoonaa/ ykn ‘Istook Markeet’ hundeessuuf sochiirra jiraattullee yaadni isaa biyyattiif haaraa miti jedhu Obbo Zamadeen.
Walta’iinsa dhaabbilee dhunfaa fi mootummaan kan hundaa’u gabaan kun faayidaalee gara garaa biyyaaf akka argamsiisu amanama.
Gabaa Kaappitaalaa
Biyya keessatti amma dura Baankilee fi inshuraansiiwwan wayita hundaa’an ykn ammo erga hundaa’anii boodas aksiyoona ni gurguru.
Gabaa qoodaa kanarraa wanti adda godhu ifatti, haala qindaa’aa ta’ee fi to’annoo qabuun bittaa fi gurgurtaa qoodaa/aksiyoonaa/ raawwachuu dandeessisuu isaati.
ESX erga hundaa’een booda baankilee fi inshuraansonni wayita hundaa’an ykn ammoo kaappitaala isaanii guddifachuuf aksiyoona gurguruu yoo fedhan amna dheera amma duraa ani gabaabsaaf jedhu Obbo Zamadeenen.
“Duraan gabaan akkanaa waan hin turreef, olii gadi deemanii ture aksiyoona kan gurguran. Kuni ammo yeroo fi maallaqa barbaada. Bu’aas hin qabu.”
ESX dhaabbilee amma dura turaniifis ta’e kan haaraa hundaa’aniif gabaa kaappitaalaa uumaaf jedhan.
Dhaabbilee kaappitaala walitti qabachuu fedhaniif gabaan qoodaa (stock market) filannoo gaarii ta’uu dubbatu.
“Namoota yaada gaarii qabaatanii maallaqa dhabaniif ni fayyada. Ammatti baankii irraa liqaa argachuun salphaa miti. Fira ykn hiriyaaf aksiyoona gurguruunis salphaa hin turre,” jedhu.
Iftoomina
Faayidaan isaa inni biraa qooda/aksiyoona/ salphaatti haala ifa ta’een bituufi gurguruun ni danda’ama.
Qoodni hagam gatii hagamiin gabaaf akka dhiyaate ifadha.
“Namoonni aappii bilbila isaanii irratti fe’ataniin qooda bitachuu fi kan bitatanis gurgurachuu ni danda’u” jedhu.
Adeemsa amma jiruun abbootiin aksiyoonaa baankilee wagga eeganii bu’aa qooddachuurraa kan hafe qooda isaanii gurgurachuu hin danda’an.
ESX gaafa hundaa’e salphaatti aksiyoona isaanii gurgurachuu danda’u jedhu.
Qusannoo fi carraa investimantii bal’isuu
ESX yoo hundaa’e aadaa qusannoo akka gabbisus Obbo Zamadeenen ni dubbatu.
“Namoonni maallaqa qaban ammatti misooma manaa qofarratti yoo fuulleffatan mul’ata. Dameen maanufaakchariingii miidhamee jira.
“Kuni daameeleen irratti invest godhamu daangessuun qusannoon madaalawaa akka hin taane godha. Gabaan qoodaa yoo jiraate garuu, kaappitaalli gara dameelee hundaa akka tamsa’u godha,” jedhan.
Qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa
Istook maarkeet haala haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een qabeenyi akka qoodamu sirna godhudha jedhu ogeessi kun.
Ammatti dhaabbileen mootummaa gurguddoo gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti dabarfamaa jiraachuu eerani, namoonni dhaabbilee kana bitan sooreyyii muraasa akka ta’na himu.
Gabaan qoodaa yoo jiraate qoodni/aksiyoonni/ dhaabbilee kanneenii tokko doolaara shanis ta’e kudhaniin gabaaf dhiyaachuu waan maluuf uummatni bal’aan akka humna isaatti bitachuu danda’a jedhan.
Kunis qabeenyi salphaatti uummata jidduutti akka qoodamu gargaara jedhu.
Dhaabbile kamtu gabaa kanarratti gurgurama?
Waggoota hedduu dura kan hundaa’e gabaan qoodaa ‘Nairobi Securities Exchange’ of jalaa dhaabbilee biyya keessaa fi alaa 60 ta’na qaba.
Akka Obbo Zamadeenen jedhanitti gabaan ‘Ethiopian Securities Exchange’ hundaa’ee waggaa lama keessatti hanga dhaabbilee 50 of jalaa qabaachuu danda’a jedhan.
Baankilee dhuunfaa 18 ta’anii fi Inshuraansiiwwan 18 ol dhaabbilee gabaa kanatti makamuu danda’na jedhanii yaadu.
Dhaabbileen namoota dhunfaa fi dhaabbilee biyyoota alaa akka ‘Coca Colla, Heineken fi kaan illee gabaa kanatti dabalamuu akka danda’na tilmaamu.
Bu’aa fi kasaaraan akkamiin dhufa?
Dhaabbanni daldalaa tokko omishni isaa gabaa irratti jaalatamummaa horatee bu’a qabeessa yoo ta’e gatiin qooda dhaabbata sanaa ni dabala jedhu.
Kunis namootni hedduun bu’aa dhaabbatichaa irraa fayyadamuu waan fedhaniif qooda dhaabbatichaa ni bitu.
Faallaa kanaatiin dhaabbatichi omishni isaa qulqullina dhabee, gatii dhabaa yoo deeme gatiin qooda dhaabbaticha hir’achaa, gatii dhabaa deema jedhu.
Kanaaf dhaabbanni kun yoo kasaare abbootiin qoodaas waliin kasaaru jechuudha.















