Qeerransa balaafamaa tokko qabuuf Hindiin namoota heddu bobbaafte

Suura qeerransaa kaameraa dhoksaan kaafame

Madda suuraa, KARNATAKA FOREST DEPARTMENT

Maxxanfame

Biyya Hindii bulchiinsa Karnataakaa keessatti qeerransa rakkisaa ta'e tokko qabuuf, namoonni heddu bobba'uun erga barbaachatti ka'anii guyyaa 27 guuteera jira.

Waa'een qeerransa kanaa ijoo oduu kan ta'e, Hagayya 5, 2022 bulchiinsa Karnataakaa magaala Beelgawum keessatti erga hojjataa humnaa tokko irraan miidhaa geessiseen boodadha. Namni kun miidhamus lubbuudhaan hafeera jedhame.

Ergasii ammoo qeerransichi magaalattii keessatti dirree namoonni golfii itti taphatanitti mula'achuun namoota magaalattii heddu jeeqee ture.

Abbaan Taayitaa Bosonaa nannichaa namoota kana dura leenjii loltummaa qabanii fi qiyyaafatanii dhukaasuu danda'an 300 ta'an filatee bobbaasee jira. Kunis qoricha qeerransicha of wallaalchisuun rukutanii qabuu akka danda'aniif.

Dhimmi kun abbootii siyaasaa gidduutti illee falmii kaasee jira. Miseensonni paartii mormituu ministeerri bosonaa aangoo akka gadi dhiisuf gaafatanii jiru.

Angawaan eegumsa bosonaa kan ta'an Vijayakumar Gogi BBC tti akka himanitti, "Jiraattonni naannichaa qeerransichi hatattamaan akka qabamuuf dhiibbaa gochaa jiru" jedhan.

Haa ta'u garuu namoonni eegumsa bineensotaaf falman, namoonni heddu bobba'uu fi miidiyan xiyyeeffannoo itti kennuun bineensonni qophaa jiraatan akka badan taasisa jechuun mormu.

Qeerransi uumamaan kan nama baqatu ta'us yeroon booda bakki jireenya isaanii dhiibbaa namootan waan jalaa miidhamaa jiruuf waan sooratan barbaacha gara magaalatti dhufuun namoota irratti miidhaa geessisaa akka jiran gaabsni garaa garaa jira.

Qeerransa ciisu

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi Karnataakaa bosonaan kan beekamtuu fi bineensota bosonaa heddu qabdi. Bosona kana keessa qeerransa 1, 783 akka qabduu fi biyyattii keessatti bulchiinsa qeerrasa heddu qabaachudhaan sadarkaa lammaffaa irratti argamtu akka taate ragaan mootummaa ni ibsa.

Bineensonni yeroo heddu magaalota gurguddoo biyyattuu kanneen akka Bengiloor fi Maayisoor keessatti ni mul'atu. Angawaa eegumsa bosonaa Beelgayuum fi oppireeshinii qeerransa barbaachaa kana kan hoogganu Antoonii S Maariyaappaan akka jedhetti qeerransi magaalattii keessatti mul'achuun yeroo jalqabaaf waan ta'eef namoonni naasuu guddaa keessa seenan.

Oppireeshinichi maal fakkaata?

Sochii qeerransichaa to'achuudhaf naannoo irree golfiitti kaamerawwan 20 ta'an bakkeewwan garaa garaatti fannifamanii jiru.

Kaamerichi kan ammayyaa fi waan socho'u tokko yoo arge hatattamaan ofumaan suura kaasudha.

"Qeerransicha ofitti hawwachuuf keemikaala foolii qabus gadi lakkisuudhan yaalin godhamaa ture," jedhe Vijayakumar.

"Kiyyoowwan garaa garaa diriirsun fincaan qeerrasa dhaltuus keessa kaa'amee akka qeerransichi dhufuuf yaalin godhameera."

Namoonni qeerransicha qabuuf bobba'an 300 ta'an kun lafa heektaara 300 ta'u uwwisuun akka barbaadan godhamee jira.

"Arba leenji'e lama akka bakka qeerransichi itti argamu akka agarsiisuf bobbaafnee jirra" jedhe angawaan kun. "

Qeerransicha qabuun maalif dadhabame?

Mariyaappan akka jedhetti, yeroo oppireeshiniin gaggeeffamu kanatti qeerransichi si'a lamaaf mul'atee turus miliqeera.

Roobmni guddaan naannichatti roobunis qeerransicha qabuuf haala rakkisaa uumera jedhu angawoonni.

Roobni cimaa ta'uu irraa kan ka'e bishaan naannicha guutee bosona keessatti kiyyoo kaa'ufis haala rakkisaa taasiseera.

"Qeerransichi naannoo sanaa waan adamsee nyaatu baay'ee qaba waan ta'eef wantota nuti keenyef irraa baay'ee fedha hin qabu," jedha Mariyaappan.

Miidiyaan xiyyeeffannoo itti kennuu fi dhiibban hawaasa irraa cimaa dhufuun sababa biraa qeerransicha qabuuf danqaa ta'eedha.