Kanaadaan Chaayinaan dhimma filannoo biyyoota biroo keessa galaa jirti jechuun himatte

Maxxanfame

Chaayinaan filannoo biyyoonni biroo gaggeessan keessa harka galfachuu isheef Ministerri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudon komatan. 

Chaayinaan dimokiraasii fi dhaabbilee Kanaadaa irratti “tapha hin malle” kaayyeeffattee jirti  jechuun dubbatan Jastiin Tiruudon.

Ministeerri Muummee biyyattii kana jechuun isaanii “caasan icciitii” Chaayinaa waliin hidhata qabu filannoo dhiyeenya gaggeeffame keessatti hirmaachuu dhaabbanni tika biyyattii erga adda baasen boodadha.

Filannoo Kanaadaa bara 2019 gaggeeffame keessatti kaadhimamtoonni 11 Chaayinaadhan deeggaramuutu beekame.

Odu himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa akka jedhanitti Chaayinaan dhimma keessoo Kanaadaa keessa galuuf “fedhii hin qabdu” jechuun dubbatan.

Miidiyaan biyya keessaa Global News jedhamu qondaala tikaa tokko waabeffachuun akka gabaasetti, Chaayinaan bajata ramaddee kallattiidhan kaadhimamtoota akka deeggartuu fi namonni Chaayinaaf icciitin hojjatan gorsitoota duula filannoo fakkaatanii hojjataa turan.

Si’a tokko qofaa, karaa biiroo miseensa parlaamaa bulchiinsa Ontaariyoo bakka bu’eetin dolaarri 250,000 kallattiidhan Chaayinaa irraa ramadamuutu gabaafame.

Kunis karaa konsiilaa Chaayinaa Kanaadaa jiruu kan raawwatamee fi poolisii Kanaadaa keessatti jijjiirama fiduuf kan kaayyeffateedha jedhame.

Gama biroon ammoo Chaayinaan namoota kanaan dura miseensa paarlaamaa Kanaadaa keessa turaniif matta’aa laachun siyaasa Kanaadaa irratti akka Chaayinaaf tolutti jijjiirama fiduufis yaalaa turte kan jedhus gabaafameera.

Yaalin Chaayinaan goote kun paartiwwan gurguddoo biyyattii irratti kan xiyyeeffate ta’uu hima Jastin Tiruudon. Giddu galtummaan Chaayinaan yaalte milkaa’u fi dhabuu ilaalchisee waanti barame hin jiru.

"Bilisummaa adeemsa fi siistama filannoo keenyaa cimaa gochuuf tarkaanfiwwan murteessoo fudhanneerra, gara fuulduraattis giddu galtummaa qaama alaatin filannoo, dimokiraasi fi dhaabbilee keenya irratti taasifamu hambisuuf cimsinee hojjachuu itti fufna,” jedhan Jastiin Tiruudin Wiixata ibsa gaazexeessitootaf kennaniin.

“Akka carraa ta’ee biyyoota, qaamolee biyya bakka bu’an, Chaayinaa ykn kanneen biroo tapha hin malle dhaabbilee fi dimokiraasii keenya keessa galan argaa jirra,” jedhan dabaluun.

Odu himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa Zaa’oo Lijiyan akka jedhanitti Chaayinaan dhimma filannoo Kanaadaa keessa hin seentu jedhan.

“Kanaadan dubbii walitti dhufeenya Chaayinaa fi Kanaadaa miidhu dubbachuu dhaabuu qabdi,” jedhan.

Oduun kun ifa kan ta’e Chaayinaan buufata “poolisii” dhoksaa Kanaadaa keessatti bantee jirti kan jedhu odeeffannoon erga baheen booda.