Ambootti dubartiin sababii araadaatiin abbaa warraashee ajjeeste hidhaan adabamte

Madda suuraa, Getty Images
Ambootti duubartiin sababii amala araadaa qabduutiin walqabatee abbaa warraashee kan mucaa tokkoo waliin godhatan, bakka rafanii turaniitti shugguuxiidhaan ajjeeste hidhaa cimaan adabamte.
Aadde Raahel Isheetuu fi Obbo Abiyyi Abbabaa kan jedhaman abbaa warraa fi haadha warraa kan turan yoo ta’u, waggoota afur bultii keessa waliin jiraatanitti mucaa dubaraa tokko waliin horachuutu himame.
Magaala Amboo ganda Yaa’ii Gadaa keessa jiraachaa kan turan cimdiiwwan kunneen Abbaan warraa Obbo Abiyyi Konkolaachisaa Baankii Daldala Itoophiyaa yoo tahan, Aadde Raaheel ammoo manumatti daa’ima kan guddisan ture.
Poolisii Magaala Ambootti dursaa garee qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu kan tahan Komaander Waldee Dhaabaa BBC'tti akka himanitti Adde Raaheel araada adda addaa waan qabaniif maallaqni abbaan warraa argatu gahuu dhabuun madda waldhibdee turuu kaasu.
“Haati warraa kun araada jimaa qama’uu, dhugaatii fi shiishaa xuuxuu qabu. Miidhamaan Obbo Abiyyi ammoo mindaa ji’aan argatan waan ta’eef maallaqni isaan fidan araada ishee kanaaf waan hin geenyeef yeroo adda addaatti walitti bu’aa turan,” jedhan.
Waldhibdee ka’umsi araada ta’e kanaanis Aadde Raaheel gaafa guyyaa 10/10/2015 halkan abbaan warraashii Obbo Abiyyi bakka rafee jirutti shuguxii isaa fuudhuun si’a lama dhukaasuun akka ajjeeste qorannoon poolisii ni ibsa.
Poolisiin Magaala Amboos himatamtuu Abbaa warraashii gara jabinaan ajjeeste kana to’achuun qorannoo barbaachisu erga taasiseen booda Abbaa alangaa Godina Shawaa Lixaatiif dhiheessuun dhimmichi mana murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaatti ilaalamaa ture.
“Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa ragaa bitaa fi mirgaa erga dhageeffateen booda dhadhacha gaafa 15/06/2016 ooleen himatamtuun abbaa warraashii shugguxiin ajjeeste kun hidhaa cimaa waggaa 18n akka adabamtu itti murteesse,” jedhan Komaander Waldeen.















