Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhaloonni waanan ani keessatti guddadhe akka hin dhandhamneef nama gargaaruu jalqabe'
Barsiisaa Dabaloo Ittaanaa jedhamu. Godina Wallagga Lixaa aanaa Qilxu Kaarraatti dhalatanii guddatan.
Kolleejjii Fayyaa Yunivarsiitii Dambi Doollootti barsiisaa yoo ta’an, ammaan tanas Yunivarsiitii Wallaggatti barnoota digirii lammaffaasaanii barachaa jiru.
“Yeroon kutaa 9ffaa baradhun hojii nama gargaaruu kana jalqabe. Waaqayyo na gargaaree hojii gurguddaatu hojjetamaa ture” jechuun akkaataa hojii tola oltummaa itti eegalan himu.
Hanga ammaattis godinaalee Wallagga Bahaafi Wallagga Lixaatti maatii harka qalleeyyii 11'f mana ijaaraniiru.
“Isaan keessaa maatiin sadii mana kiraa kennatanii galii achirraa argataniin jireenyasaanii ittiin gaggeefatu. Namoonni kunneenis kan sadarkaa jireenyaa garagaraarra turan. Inni kaan karaarra taa’ee kadhata kan ture. Inni kaan nama dhibee sammuu godhatee waggaa 18'f daandiirra turedha,” jechuun maalummaa namoota deeggarsa taasisaniif himu.
Barsiisaa Dabaloo harmee rakkoo fayyaa sammuun waggoota 18'f daandiirra jiraatan mana itti ijaaruun jireenya idileetti deebiisuu himu.
“Maatii bakkeerratti faca'e taane…”
Mudannoon yeroo ijoollummaa saaniitti keessa darban hojii tola oltummaa kanaaf isaani kakaase dubbatu Barsiisaa Dabaloon.
Haala keessatti guddatanis akkasiin himan. Bara ALI 1981 daa’ima waggaa tokkoo wayita turanitti sababa “WBO deeggartu” jedhuun manni maatii isaanii humnootii mootummaa Dargiin gubachuu himu.
“Isa booda nuti maatii mana hin qabne, maatii bakkeerratti faca’an taane. Torban sadii ol muka jala turre,” jedhan.
“Daa’imummaatti seenaan sun baay’ee natti dhagahama. Sababnisaas qabeenyi badee zeeroo irraa ga’an waan ta’eef kutaa tokkoo hanga sadiitti akka yaadametti nu barsiisuu hin dandeenye” jechuun rakkoo maatii isaanii mudate himu.
“Kanaaf namoota mana hinqabne, ijoollee abbaafi haadha hinqabne keessumaa ‘abalu manasaatu gubate, abalu mana hin qabu, karaarra jiraata’ gaafa jedhan godaannisa bara daa’ima ture santu natti dhagahama” jedhan.
Kanaafis bara 1996 barataa wayita turan irraa eegaluun namoota deeggaraa turuu kan himan barsiisaa Dabaloon, “haalan keessatti guddadhe sana dhaloonni kun akka hin dhandhamneef warra mana hinqabnetti mana ijaaruu saganteeffadheen jalqabe,” jedhan.
“Birrii 500 ykn 600 kan na harka jiru namaaf kennee yeroon mindaakoo duwwaa taa’ee eeggadhu jira. Hin beela’u hin dheebodhu jechuu miti. Garuu sammuunkoo waan boqonnaa qabuufidha” jechuun gammachu namoota deeggaru argatan himu.
Waa'ee harmee waggoota 18'f daandiirra jiraatanii
Namoota Barsiisaa Dabaloon deeggaran keessaa tokko dubartii rakkoo fayyaa sammuu ummachuu waggoota dheeraaf daandii irra turan ta'u himu.
Harmee waggaa 18'f magaala Gimbii keessa daandiirra jiraataa turan kanattis mana itti ijaaruun jireenya idileetti deebisuun isaanii hojiilee tola oltummaa ijoo keessaa tokko akka ta’e himu.
“Harmee tun jalqaba abbaa warraatu jalaa du’e. Itti aansee ijoollee lamatu jalaa du’an. Dhumarratti daa’ima waggaa tokkoo qabdi turte,” jedhan.
Du’a abbaa warraa fi ijoolleetiin booda harmeen kun rakkoo fayyaa sammuu godhachuu akka eegalan kan himan Barsiisaa Dabaloon. Boodarra dhukkubichi itti hammaatee gara daandiitti bahu himu.
Firoonnis daa’ima waggaa tokkoo ofitti fudhachuun guddisuu eegalan.
“Hospitaala Waliigalaa Gimbii wayitan hojjechaa turetti qarshiidhuma kenneefiin darbaa ture. Utuman qarshii kennuuf haatii tun adda na baafachuu jalqabde. Na dubbisti; hospitaala dhuftee na barbaaduus eegalte,” jedhan.
“Lafa isheen ciistutti ciree, laaqanafi irbaata geessuufittin ka’e” jedhu attamiin akka ofitti madaqsuun gargaaruu akka eegalan yoo himan.
Ittaansees lafa abbaan warraa dubartii kanaa fudhatanii turan irratti mana qorqorroo 28 ijaaruudhaan daandiirraa gara manaatti isaan deebisuu dubbatu.
Intala isaanii kan waggaa tokkotti firoonni fudhatanii guddisaa turanis Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabiitii fiduun harmeeshee waliin qunnamsiisuu himan.
“Yeroo sana mucaan kutaa saglaffaa baratti. Dhuftee haatiifi intalli wal arganii gammachuu guddaatu itti dhagahame. Isa booda mucaan haadha dhiistee galuuf ni mararmte,” jedhan.
Maatiin jireenyasaanii akka ittiin gaggeeffataniifis mana kutaa jaha qabu deeggarsa kallattii garagaraan walitti qabuun ijaaruun kireessuun akka ittiin jiraatan gochuu himu.
Yeroo ammaas harmeen kun mana kutaa jaha qabu kanarraa ji’atti qarshii 3,000 kan argatan yoo ta’u, intalli isaanis magaala Gimbiitti barumsashee itti fufuun ALI bara 2015 kana kutaa 12ffaa barachuuf eegaa jirti.
Deeggarsa meeshaa barnootaa barattootaaf
Namoota barsiisaa Dabaloon xiyyeeffannoo itti kennuun gargaaran keessaa barattoonni isaan adda dureedha.
Dhiyeenya kanas barattoota 200 oliif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisaniiru.
“Yeroo ammaa kana gaaga’ama diinagdee biyya keenya mudateen, dabtarri tokko yoo xinnaate qarshii 65; inni xiqqaan qarshii 55 ta'eera. Kanaan immoo ijoolleen hiyyeessaa barumsa barachuu hin danda'an,” jedhan.
Rakkoo kana hubachuunis yaada isaanii kana fuula Feesbuukii isaaniirratti maxxansuun hordoftoonniifi hiriyoonni isaanii birrii Kuma 100 fi Kuma 23 ol gumaachuu isaanii himan.
Maallaqa kanaanis “ijoollee abbaafi haadha hin qabne fi qaama miidhamtoota Gimbii, Dambi Doolloo fi Qilxu Kaarraa irraa, waliigalatti barattoota 200 oliif qalamaa fi dabtara akkasumas warra qaama miidhamtootaaf immoo korojoo dabtara ittiin baatan gumaacheen jira,” jedhan.
“Daa’ima tokko qalamaa fi dabtara bitanii mana barumsaatti erguuf yoo xiqqaate qarshii 1,000 ol gaafata. Maatiin qarshii kana hinqabne jiraachuu danda’u. Daa’ima sadi ykn afur barsiisun ammoo caalaa ulfaataadha. Kanaaf rakkoo warra miidhamaa jiran kanaa guddaa fura jedheen yaada,” jedhu.