Miseensi hooggansa Godina Kibba Tigraay ajjeefaman

Maxxanfame

Itti gaafatamaan Dhimmoota Hawaasummaa Godina Kibba Tigraay Obbo Saamsoon Tafarii rasaasaan Fulbaana 12, 2023 ajjeeffamuu BBC'n waajjira godinichaa irraa mirkaneeffateera.

Qondaalli mootummaa kun kan ajjeeffaman erga pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa, naannichatti rakkoon nageenyaa cimaan jiraachuu dubbatanii guyyoota muraasaan boodadha.

Obbo Saamsoon naannichatti itti gaafatamummaa mootummaafi paartii keessatti sadarkaalee hooggansaa garaa garaa irratti tajaajilaa turan.

Haaluma kanaanis Obbo Saamsoon waggoota sadiif Kantiibaa magaala Maacoo ta’uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, tibbana ammoo hoogganaa dhimmoota Hawaasummaa godinichaa ta'uun tajaajilaa turan.

Qondaalli kunis guyyaa bara haaraa galagala namoota biraa waliin ta’uun bakka bashannannaa turanii erga alatti gadi waamamaniin booda ajjeechaan irratti raawwatamu miidiyaalee naannichaa gabaasan.

Hanga yoonaatti namni ajjeechaa Obbo Saamsooniin shakkamee to’atame kan hin jirree yoo ta’u, waajirrii poolisii godina Tigraay Kibbaa adamsaa jiraachutu himame.

Reeffi Obbo Saamsoon qorannoodhaaf gara Maqalee Hospitaala Ayidariitti geeffamee ture, kaleessa waaree booda gara Maacootti deebii’uu Waajirri Godina Kibba Tigraay ibseera.

Obbo Saamsoon nama gaa’ila dhaabbataniifi abbaa ijoollee afurii ta’u seenaan isaanii ni mul’isa.

Obbo Geetaachoo Raddaa pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay torban darbe keessa ibsa kennaniin, naannicha keessatti seera maleessummaan babal’achuufi manneen hidhaa dhuunfaa bulchiinsi isaanii hin beekne jiraachu kaasuun isaanii ni yaadatama.

Kanaanis baqattoota Ertiraa dabalatee jiraattoonni ukkaamfamuun mallaqa kuma dhibbaan lakkaa'amu akka kanfalan akka taasifaman dubbataniiru.

Bulchiinsi yeroo aangoo mootummaa naannicha keessa jiru guutummaan waan hin qabanneefu rakkoon cimaa adeemuu kaasan.

Humnootiin poolisii naannichaa aanga’oota waliin dhaabbachu irraa haala ummataaf dhaabbatan dandeessisuuf dakaa hanga gubbaatti ijaaruu kaasan.

Rakkoon nageenyaa amma naannicha keessa jiruuf dadhabina siyaasaa ta’u kan ibsan Obbo Geetaachoon, dhaamaniin dhuunfaa ijaaramanii bulchiinsi yeroo akka dadhabuuf hojjataa jiran jiraachu kaasuun himatanii ture.

‘‘Haala qorannoo biiroon Haqa Tigraay gaggeesseen, naannicha keessatti maneen hidhaa mootummaan hin beekne jiru,’’ jechuun ture miidiyaatti kan dubbatan Obbo Geetaachoon.

‘‘Namoonni sarbama mirga namoomaa keessatti hirmaatan to’annoo jala oolfamaa jiraachuufi guyyoota dhufan muraasa keessatti mana hidhaa ni bu’us’’ jedhaniiru.

Naannoo Tigraay keessatti rakkoon nageenyaa cimaa adeemuun dhagahamaa kan jiru yoo ta’u, guyyoota muraasa duras naannichatti godina Kaaba- Lixa Tigraay Aanaa Tsimbilaa jedhamuutti qonnaan bulaan umuriin wagga 35 tokko humnoota nageenyaatiin reebamee ajeeffamuu maatiin BBCtti himanii ture.

Humnootiin nageenyaa qonnaan bulaa sun meeshaa waraanaa gurguruun shakkuun erga to’annoo jala oolchaniin booda osoo gochaa shakkameen irratti ragaan omaatu akka hin argamiintu dubbatame.