Ummatni Oromoo ammas, gara fulduraattis Tigraay waliin jira - Jila Oromiyaarraa Tigraay deeme

Maxxanfame

Jilli Pireezdaantoota naannoleefi kantiiboota magaalotaa of keessatti qabatee itti-aanaa pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa Aadam Faaraan durfamu gaafa Kamisaa (27/04/2023) Magaalaa Maqalee galeera.

Jilli kun deeggarsa nannoo Tigraay deebisanii dhaabuuf oolu gargaarsa Birrii Biliyoona 1.6 baasu gumaacheera.

Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fuula Feesbuukii isaanii irratti, "daawwannaa keenyaan cabiinsaafi rakkoo gam-hundaa ummanni Tigraay keessa tureefi itti jiru hubanneerra," jechuun barreessan.

Obbo Shimallis tiraakteroota 30 fi sanyii filatamaa naannoo Tigraayiif deeggarsa akka kennan himuun, mana-barumsaa tokko naannichaaf akka ijaarsisan waadaa galaniiru.

Qondaloota olaanoo Naannoo Tigraay dabalatee abbootiin amantaafi jiraattonni naannichaa Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa kan magaalaa Maqaleetti argamutti jila kana simachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Dabaluunis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Uummanni Oromoo hojii Tigraay deebisanii ijaaruu keessatti waan danda'u hundumaan deeggarsa akka taasisu kan ibsan Obbo Shimallis, yeroo gabaabaa keessatti qonnaan bulaan oyruu isaa akka qotatuuf, sanyii, xaa'oofi maashinarii qonnaatin akka gargaaran himaniiru.

“Barattoonni barnoota isaanitti akka deebi'aniif bu'uraaleen misoomaa uummatichaaf akka guutamuuf bulchiinsa yeroo Mootummaa Naannichaa cinaa ni dhaabbanna,” jedhan Obbo Shimallis.

Jalqaba torban kanaattis, jilli abbootii amantaa, abbootii Gadaa, haadholii Sinqee, jaarsolii biyyaafi bakka buutota dargaggoo Oromiyaa of keessaa qabu erga waraanni kaaba Itoophiyaa xumuramee yeroo duraaf gara Tigraay imaluun uummata naannichaaf ergaa 'isin waliin' jirraa jedhu dabarseera.

Sagantaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa qindeesse kanaan bakka buutotni Oromiyaa hanga 50 ta'an Kibxata darbe gara Maqalee imalanuun halkan tokko bulanii deebi'an.

Jilli garee hawaasaa gara garaa of keessaa qabu kun midhaaniifi miishaalee deeggarsaa Birrii miliyoona 45tti tilmaamamus gumaacheera.

Walitti qabaa waldaa dhaabbilee amantaa Oromiyaa kan ta'an Abuuna Saawiroos waraana darbe kanarraa “baga haftan, baga nagaa argattan,” jenneeti dubbisuu deemne jechuun BBC’tti himaniiru.

Tigraay akka daawwannuuf kan nu erge ummataa Oromoofi mootummaa naannoo Oromiyaadha kan jedhan Abbaa Abuuna Saawiroos, ummatni Tigraayis haala gaariin simannaa akka isaaniif taasisan ibsaniiru.

Abbootii amantaa, uummataafi qaamolee mootummaa naannichaa waliin akka wal argan abbaan amantaa kun himaniiru.

Lammilee qe’ee isaaniirraa buqqa’anii jiranis daawwachuun, “jaabadhaa, tasgabbaa’aa” jechuun jajjabinas akka kennaniif himaniiru.

“Ummatni Oromoo ammas, gara fulduraattis isinii waliin jira, isin cina dhaabbata. Ummatni Oromoofi ummatni Tigraay tokko,” jechuun ummata qe’ee isaaniirra buqqa’an waliin akka haasa'an Abbaa Saawiroos BBC’tti himaniiru.

Daawwannaan Biroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatiin qindeeffame kanaan jilli kun Maqaleetti yemmuu imalan, maagalattiin waraana kanaan miidhamuu ishee akka hubatan himu.

Haasa qondaaltota mootummaa naannoo Tigraay waliin taasisaniin, waraana kaaba Itoophiyaatti gara waggootii lamaaf ture kanaan, uummata Tigraay keessaa %75 kan ta’an miidhamuu isaanii akka itti himame Abbaa Saawiroos ni dubbatan.

“Waraanni kun naannicha guddaa miidheera,” kan jedhan abbaan amantaa kun jilli isaan dursan magaalaa Maqalee qofa daawwatanis “ aanaalee biroo keessa haalli jiru kanarra hammaataadha,“ jechuun akka itti himame ibsu.

Jilli kun daawwannaa isaanii kanaan pirezdaantii mootummaa ce’uumsaa naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Geetachoo Raddaa waliin wal arga’uun mari’ataniiru.

“Dursitanii dhuftanii nu daawwachuu keessaniin baayyee gammanna…gara fulduraattis nu waliin dhaabbadha,” jechuun Obbo Geetachoon akka isaan simatan, Abbaa Saawiroos BBC’f ibsaniiru.

Yeroo waraanni Tigraay kun adeemsifamaa turetti, dhabbileen amantaa biyyattii keessa jiran ‘callisanii ilaaluu filatan’ jedhamuun qeeqamaa turaniru.

Abbaa Saawiroos akka ibsanitti, dhimma kana irrattis uummata Tigraay biraa gaffiin ka’ee akka ture himun, “yeroon sun kana ykn sana jedhanii dubbachuuf yeroo namatti hin tolle ture,” deebii jedhu akka kennaniif himaniiru.

Erga waraanni kaaba Itoophiyaa waggootii lama ta'aniif adeemsifamaa tureefi lubbuu namoota hedduu galaafate xumura argatee qaamoleen lamaan waliigalan booda tajaajiloonni bu’uura adda citanii turan tajaajila eegalaniiru.