Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa koree nagaa hundeessite

Paatiriyaarikii Abuna Maatiiyaas
Maxxanfame

Sinodosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa koree biyyattii guutuutti nagaa walitti fufiinsa qabu fiduurratti xiyyeeffachuun hojjatu hundeessuu beeksifte.

Walgahiin dureewwan Sinodoosii torbanoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuramu hordofuun ibsa baasee irratti akka eeretti, haala waqtaawaa biyyattii hubannoo keessa galchuun koreen ''Abuna Maatiiyaasiin hogganamuun nagaa waliitti fufiinsa qabu buusuuf hojjatu’’ hundeeffamutu ibsame.

Koreen nagaa kunis kan dhaabbilee biyya keessaafi biyya alaa jiran waliin hojjatu, kan sadarkaa biyyyaafi idil-addunyaatti beekamtii qabaatu ta’a jedhameera.

Kana malees, sababii rakkoo dhiheenya eddoowwan lallabaa Oromiyaatti argamaniitti mudatee tureetiin tajaajilli waldittii ada cituu, namoonniis hidhamaa akka jiran Sinidosichi ibsa isaa kanaan kaaseera.

Rakkooleen kunneenis furmaata akka argataniifi caasaalee idilee isaanitiin tajaajilatti akka deebi’an gochuuf Phaaphaasoonni torba mudamuun mootummaa federaalaafi Oromiyaa waliin mari’achuun rakkooleen akka furaman gochuuf murtaa’uunis ibsameera.

Bataskaanittiinis walitti bu’insa biyyattii keessatti mul’atan, baqqa’uufi baqannaan dhaabbatee lammiileen hundi haala wal qixa ta’een, nagaa fi jaalalaan wal kabajaan akka waliin jiraatan gochuuf walitti bu’insiifi wal dhabdeen mariin akka furamuuf waamicha taasifte jirti.

Yaa’iin Sinidoosii Bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa ALI Caamsaa 1-16, 2015tti gaggeeffamaa turen dhimmoota biyyaafi bataskaaniitti irratti bal’inaan mari’atee ture.

Keessattuu mudamni phaaphaasootaa Guraandhala darben walqabate dhimma ijoo marichaa yoo ta’u, dhumarratti waligalteedhaan xumuramutu ibsame.

Haaluma kanaanis Phaaphaasoota sagal kan eddoowwan lallabaa Oromiyaafi Ummattoota kibbaa keessatti argaman tajaajilan kaadhimamummaan dhiyaatanii Adooleessa dhufaa akka mudamaniifi naannoolee kaaniif ammo bara dhufu akka mudaman waliigalteerra gahame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame hordofuun sinidoosii jidduugalaa irra adda bahuun mana lubummaa ofiisaanii hundeessan phaaphaasoonni Tigraay, Kibxata darbe ammo phaaphaasoota biraa muuduuf murteessuu beeksiisan illeen, Sinidoosiin jidduugalaa garuu, walitti dhufeenya abbootii naannichaa waliin adda cite ture sirreessuuf waan barbaachisu hunda raawwachuuf murteessuu beeksiisan.

‘‘Naannoo Tigraayiitti walitti dhufeenya bulchiinsaafi afuuraa ilaalchisee jillii duraan Sinidoosiidhaan hundeeffamuun hojiirratti argamu sochiisaa eegale akka itti fufuu’’qaamoolee mootummaa dhimmisaa ilaalatuutti deubbachuun ergamasaa akka raawwatuuf qajeelfama kennuu ibseera.

Kanaan walqabatees sababii waraanaatiin naannoo Tigraay atattamaan deeggarsa namoomaaf kan ta’u deeggarsi birria miiliyoona 20 ta’u akka taasifamuuf, akkasumas hojiiwwan namoota biyyattii guutuutti miidhaan irra gahe gargaaruuf kan oolan akka raawwatu Sindoosiin jidduugalaa murteessuu ibsa isaatiin himeera.

Mudama phaaphaasoota baatiiwwan dura naannoo Oromiyaatti gaggeeffamee turen walqabate dhimmoota ka’an keessaa tokko kan ta’e, babal’isuu maneen barnootaa afuuraa irrattis deebiin kennamu kaasa ibsichi.