Yaaddoon cimaa akkamiin rakkoo guddaa namatti uumuu danda'a?

Maxxanfame

Haala kam keessattiyyuu waan hamaan ni uumama jedhanii yaaduun, fayyummaa xiinsammuu keenya miidhuu danda’a.

Ofii akkamiin waan hamaa yaaduu irra daddeebiin uumamu dhaabuu dandeenyaa?

Fakkeenyaaf, hojii itti mindeeffamuuf barbaaddan tokkoof qoramtanii, gaaffii fi deebii darbuun qormaata sadarkaa lammaffaa isaa eegaa jirtu haa jennu.

Yeroo kanatti sadarkaa kana irra ga’uu keessaniif gammadaa, qophii isa itti anuu taasistuu? Yookiin yaadni keessan kallattiin yoon kana kufe maalan ta’an kan jedhu yaaduu eegala? “Kana yoo hin arganne, ani bu’aa hin qabu” ofiin jechuu dandeessu.

Tarii ammoo hiriyyaa keessaaniif ergaa barreessitanii, yoo deebii hatattamaa hin arganne, sammuun keessan namni kun tarii hojii qabatee waan jiruuf naaf hin deebisne jedhee yaaduurra, waan hamaa kan akka namni kun natti aareeraa laata jedhu yaaduu eegaltan ta'a.

Sammuun keessan yeroo hedduu yaaddoo hamaa isin irratti, maatii keessan ykn addunyaa irratti uumamu danda’aa laataa jedhee yaadas ta’uu danda’a.

Yoo amala akkanaa ofirratti agartanii jirtu ta’e, amala ‘catastrophising’ jedhamuuf saaxilamuu maltu.

Innis amala xiin-sammuu yeroo carraan wanti hamaa itti uumamuu malu garmalee guddaadha jennee yaadnuu fi mudannoo tokko booda bu’aan hamaa uumamuu danda’aa jennee guddisnee akka yaadnu uumamudha.

“Kun haala yaada garmalee jallataa ta’ee, miira cimaa sadarkaa to’achuu hin danda’amnee fi takka takka ammoo garmalee guddaa ta’edha,'' jechuun ibsan Kaanadaa Albertaatti, ogeessi fayyaa xiinsammuu Dr Paatrik Keelan.

Qorannoon bal’aan akka mul’isutti, amalli catastrophising jedhamu kun fayyummaa xiinsammuu irratti miidhaa guddaa uumuu danda’a, akkasumas miira yaaddoo dhukkubbii walitti fufaa waliin dhufu fiduu danda’a.

Catastrophising jireenya keenya keessa yeroo kamittuu uumamu danda’a – ta’us garuu sodaan Covid-19, rakkoo siyaasaa fi yaaddoo diinagdee waliin walitti dabalamee, amalli kun caalatti akka uumamu gochuu mala.

Maarsaa yaada hamaa kana cabsuuf furmaata barbaaduun, miraa fi hamilee nama kamiyyuu ni jabeessa.

Waggootii muraasa darban keessatti, qorannoon akka ibsuutti yaadni catastrophising dhibee xiinsammuu hedduu biroo kan akka post-traumatic stress disorder fi obsessive-compulsive disorder jedhamaniiif darbeeyyuu psychoses biroof nu saaxiluu mala.

Yaadni yaaddoo waan hamaa ykn Catastrophic thinking, dhukkubbii qaamaallee fiduu danda’a. Haala kana keessatti yaadni akkanaa dhukkubbiin jiru akka yeroo dheeraaf turu goochuu danda’a. Fakkeenyaaf mataa bowwuu cimaa qabaachuun kaansarii sammuudha jettanii yaaduu dandeessu.

Yaaliiwwan qorannoo taasifaman akka mul’isanitti yaadni akkanaa dhukkubbiin kun akka cimaa ta’e sammuu keenyatti himuu danda’a, kanaaf dhukkubbiin sun cimaa fi yeroo dheeraaf kan turu ta’uu danda'a.

'Faalama miiraa'

Namootni tokko tokko namoota kaanirra maaliif akka yaada hamaa ykn catastrophic thinking caalaatti qabaatan wantoonni ibsan hedduudha.

Amala eenyummaa – kan uumamaan qabaannu- neuroticism jedhamu adda addaan akkanaa maaliif akka uumaman hanga tokko ibsuu danda’a.

Mala yaadaa akkanaas miseensota maatii keenya irraa baruu dandeenya. Yeroo hunda yeroo maatiinkee taatee kamiifuu bu’aa hamaan akka uumamu yaadan argiteetta yoo ta’e, atis haala cimaa kamiifuu ilaalcha wal fakkaataa qabaachuu dandeessa.

Haalli nuti amma keessa jirrus kana keessatti ga’ee ni qabaata. Jalqabumaan miira yaaddoo fi sodaa qabda yoo ta’e, wanti xiqqaanillee marsaa yaada hamaa keessa si galchuu danda’a.

Yoo waggootii tokko ykn lamaan darban keessatti yaadni keessan gara yaaddoo hamaatti geeddaramaa akka jiru agartaniittu yoo ta’e, kun waan akkanumaan uumame ta’uu dhiisuu mala.

Haalli addunyaan keessa jirtu ykn oduun addunyaa yaada yaaddoo hamaa ykn catastrophising daran guddisaa deemuu akka danda’an ragaaleen agarsiisan jiru.

Marsaa kana cabsuu

Maddi yaada yaaddoo hamaa keenya waan fedhe yoo ta’eyyuu, ogeessotni xiinsammuu akka jedhanitti, marsaa yaada yaaddoo hamaa kana cabsuun ni danda’ama.

Wanti kun uumamaa jiraachuu isaa baruun waan ijoodha, kanaaf tarkaanfiin jalqabaa yaada keenya yeroof dhaabuun sammuun keenya gara yaaddoo hamaa cimaatti galaa aka jiru hubachuudha.

Keessumaa wanta tokko haala dimshaashaa bu’a qabeessa hin taaneen yaaduu dhiisuu fi wanta tokko kan ta’erra garmalee ol guddisanii yaaduu keenya hubachuu qabna.

Kaayyoon kanaa, ragaa fuldura keenya jiru irratti hundaa’uun haala keessa jirruuf ilaalcha madaalawaa ta’e qabaachuu baruudha.

Haala kanaan yaada keessan qoqqooddanii ilaaluun jalqaba irratti waan cimaa ta’uu danda’a, ta’us garuu shaakala waliin salphachaa deemuu mala.

Fakkeenyaaf, si’a meeqa haalli tokko bu’aan isaa hamaadha jettanii erga yaaddanii booda, bu’aan isaa garuu isa yaaddan irra waan gaarii ta’ee argame kan jedhu galmeessuu jalqabuu dandeessu.

Haala kanaan, amalli yaada yaaddoo hamaa ykn catastrophising yeroo meeqa akka yaaddoo barbaachisaa hin taane akka uumu hubachuu dandeessu.

Dhugaa kana hubachuun, yeroo itti aanutti yaada akkanaa keessa seenuuf yeroo jettan, sodaa keessan hir’isuu irratti jabina isiniif kennuu danda’a.

Wanti hamaan ykn hammeenyi bakka hunda jira miti.