Waa’ee Tiktokarii wal falmisiisaa viidiyoowwansaa ala biil. 12 ol ilaalame Andiruu Teeti maal beektu?

Maxxanfame

Lammiin Biritaaniyaafi Ameerikaa kan qabuufi wal falmiisiisaa kan ta’e Andiruu Teeti, yakkawwan dadabarsa namootaa seeraan alaatiifi dirqisiisanii gudeeduun shakkamuun Rumeeniyaa keessatti dhiheenya kana to’annoo jala kan oolfame.

Namni akka waan ‘‘dubartootaaf jibba olaanaa qabuuttu’’ of ibsu kunis, ilaalchawwan miidiyaa hawaasaa irratti qooduun bara darbe keessa dhiibbaansaa haalaan dabale ture.

Andiruu Teeti duraan jireenysaa isooprtii keessatti dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa kiikbook jedhamuun yeroo afur shaampiyoona ta’eera.

Ammatti garuu beekamaa kan isa taasisee ogummaasaa ispoortii osoo hin taane, yaadawwan ‘‘qaaniifi safuu hin qabne’’ dubartoota ilaalchisuun kennudha.

Yaadniwwan Andiruu Teeti dubartoota ilaalchisuun Facebook, Instaagraamii fi YouTube irraa dhorkameera. Haata’u malee miidiyaan hawaasaa Tiwitaraas waan Eloon Masik jala galeef deebii’ee fayyadamu eegale.

Teetii baayyee waliin kan isa barsiisee taatee bara 2016 keessa mudate tokkodha. Yeroo sanattis waraabbiin viidiyoo osoo dubartii tokko osoo reebuu agarsiisuu bahu hordofuun, akka sagantaa Big brothers kan dowwattoota baayyee qaburraa dhorkamu ta’ee ture.

Erga viidiyoon sub baheen booda, Teeti ‘‘waraabbichi namoota ana mana hamaa fakkeessuun dhiyeessuu barbaadaniin kan qindaa’e malee ani hin rukunnee’’ jechuun waakkatee ture.

Isporteessaa duraanii Andiruu Teeti ammatti toora Tiwitara irratti hordoftoota miiliyoona 3.6 qaba.

Maqaan galmee isaa guutuu Imoriiyi Andiruu Teeti jedhama. Teeti abbaasaa lammii Ameerikaa fi haadhasaa lammii Biriteen irraa Ameerikaa bulchiinsa Chikaagoo keessatti dhalate.

Abbaansaa taphataa Cheez ta’anis haadha isaa waliin kan wal baran osoo humna qilleensaa Ameerikaatiif Biriteen keesstti tajaajilarra jiru ture.

Hanga abbaafi haatisaa itti wal hiikaniitti Teeti Ameerikaa keessa ture. Erga wal hiikaniin booda ammo haadhasaa waliin gara Biriteen deebii’e.

Waggaa shaniin dura ammo butummaan gara Rumeeniiyaatti gale. Sababiiwwan Teeti jireenyaa Rumeeniyaa akka taasisu godhan keessaa tokko biyyattii keessatti yakka dirqisiisanii gudeeduu jalaa miliquuf salphaadha jedhame waan amanamuuf ta’u ofumasaatiin dubbateera.

Jireenyi Teeti daa’imummaa kan bu’aa bahiin guutame ture. Innis ta’e obbooleesisaa qixusuun, yeroo garaa garaatti jireenya hiyyummaa keessa darbusaanii dubbata.

Yeroo tokko tokkos mana foon lukkuu itti gurguramu KFC deemuun lafee lukkuu namoonni nyaatanii dhiisan walitti qabuun qabaneessaa keessa olkaa’un haalli itti nyaata jiraachu af-gaaffii tokkorratti dubbateera.

Andiruu Teeti ammatti keessattuu dargaggoota biraatti beekamaadha. Viidiyoowwan Andiruu Teeti waliin wal qabatan Tiktok gubbaatti yeroo biiliyoona 12.7 ilalamaniiru.

Teeti torbanoota muraasan dura Rumeeniyaatti to’annoo jala oolfame.

Innis viidiyoo YouTube tokkorratti ofiisaa akka ‘‘nama jibba dubartootaan maraatee’’ fakkeessuun ibsee ture. ‘‘Ani nama dhugaati. Nama dhugaa yoo taatu ammo dhimma saalaatiif eddo hin qabaattu’’ yoo jedhu dhagahame.

Viidicha irratti dubartootaan ‘‘ilbooftoota beekamoo’’ jechuun erga ibseen booda, dhimmi ‘‘dubartii of dandeessee’’ jedhamu hin jiru jedha.

Teeti tibba tokkoo, ‘‘dubartoonni qabeenyaa dhiiraati’’ jedhee ture. Viidiyoo gara biraarratti ammo, ‘‘Dubartoonni umuriin wagga 18 fi 19 kanneen wagga 25 caalaa nama hawwatu sababii dhiiroota baayyee waliin hin hinrafneefu’’ jedhee ture.

Teetiin haasaa jibbaafi dubartoota salphisan irra dededbiin dubbatuun, YouTube, Instagiraam, Facebook fi TikTok imaamata isaanii ‘‘haasaa jibba dubartootaa hin keessumeessinu’’ jedhun dhorkaniiru.

Teeti irra deebiin Tiwitara irraa dhorkamee ture. Kanaafis sababiinsaa miidhaa saalaa dubartoota irra gahuuf itti gaafatamummaa fudhachu qabu jechu isaa hordofeti.

Beekkamtiin Teeti kunis maatiifi barsiiftota kan yaaddeessedha. Mana barnootaa Weelsi tokko keessatti, barattoonni dhiiraa waa’ee fakkeenya keessan ta’e tokkoo barreessaa jedhamanii gaafataman baayyeen waa’ee Andiru Teeti barreessuun isaanii dhimma yaaddeessaa ta’eera.

Teeti manakoo taa’ee nama ‘‘kaameeraa viidiyootiin miiliniyeera of gochu danda’eedha’’ jedha.

‘‘Dubartoonni 75 bakkeewwan 4tti argaman anaaf hojjataa ji’aan doolaara kuma 600 nan argadha’’ jechuun dubbatee jira.

Marsariitii ammatti haqamee tokko irratti, ‘‘dubartoota gara indastirii quunnamtiin saalaa bashananna itti ta’eetti galcheera’’ jedhera.

Teeti dubartoota kompitara fuldura teessisuun karaa intarneetiin akka dhiiroota hawwatan gochuun, maallaqa dhirootaan kanfalamuun akka qabeenyaa ummate dubbata.

‘‘Hojiinkoo dubartoota waliin walbarudha. Yeroo gabaabaaf beelama jaalalaa nan qabaadha. Waliin bulunis akka gaarii taate nan ilala. Akka na jaalattuufi kanan ajaje hunda akka raawwattuun taasisa. Achinis kaameeraa fuldura teessee hojjachuun lamaan keenya maalaqa arganna’’ jedhee ture.

Teeti kana kan raawwatu obboleessa isaa qixusuu Tiriistaan waliin ta’uun. Obboleessi isaa tibba tokko af-gaaffii gaazexaa tokko waliin taasiseen, hojiinsaanii waliin dhahu akka ta’e amane ture.

Waliin dhahun kunis dhiiroonni dubartoota karaa intarneetiin dubbiisaniif kanfaltii akka raawwatan gochu dabalata.

‘‘Dhiiroonni manasaanii, konkolaataasaanii, TV… gurguran argeera. Namni tokko mana jireenya erga akkayyaan saa du’anii booda dhaalee gurguruuf eegataa jira. Manichi erga gurgurameen booda paawundiin kumni 20 akka isa qaqabuufi dubartii (modeelii) sobaan rakkoo keessa seenteef kanfalu waadaa galeef ture’’ jechuun ture obbooleessi Teeti Deeyilii Miirariitti kan dubbate.

Wayita ammaa kanatti, Teeti obbooleessa isaa waliin Rumeeniyaatti to’annaa jala oolfaman.

Teeti viidiyoowwan hedduu irratti osoo konkolaataawwan baayyee qaalii ta’an oofuu, jettii dhunfaatii osoo balalii’uu, bidiruu keessa taa’ee yoo bashanannu mul’iseera.

Teeti osoo to’annoo jala hin oolfamiin dura falmituu haala qilleensaa, Gureettaa Tanbargi waliin jecha walitti deddebiisaa ture.

Teetiin konkolaataawwan 33 kan qabu yoo ta’u, faalama qilleensaa tokkoon tokkoo konkolaatoota isaas baasan siifan erga jechuun barreessee ture.