Ispoortii walkabaluu qalbii namootaa harkisaa dhufe

Maxxanfame

Dorgommiin ispoortii kuni Silaap Kabaaddii(slap kabaddi)jedhama. Wal’aansoo fakkaata garuu kaballaa baay’ata.

Gara caalu bulchiinsa Punjaab, Paakistaan argamu keessatti beekama.

Taphataan tokko gaafa kabale qabxiin galmaa’aaf. Morkataan kaan kana hambisuuf ofirraa ittisuu qaba.

Lamaan keessaa tokko miidhamnaan garuu eenyufuu qabxiin hin qabamu.

Abootteen dhahuun hin danda’amu. Abbaan mo’ate badhaasa waancaafi qarshii argata.

Durii eegalee garuu gosi ispoortii Kabaaddii Kibba Eeshiyaatti gosa ispoortii akkaan beekamudha.

Dorgomaan tokko dirree morkataa seenuun hamma namoota tuqeen qabxii argata.

Inni haaraa Silaap Kabaaddii jedhamu garuu morkataa ofii kabaluu dabalata.