Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazatti haati tokko ijoolleeshee jaha waliin ajjeefamte
Gaazaatti haleellaa qilleensaa Israa'el gaggeessiteen haati ijoolleeshee jaha waliin ajjeefamte.
Gaazatti ogeessa fayyaa kan ta'e Ashiraaf El Ataar haati warraasaafi ijoollensaa jaha walumaa galatti maatii tokko keessaa namni torba jalaa ajjeefamuu BBCtti hime.
"Libsuu ijaa gidduutti maatin koo guutun dhuman," homtuu akka hin hafneef hime.
Ashiraaf Gaazaa keessatti Hospitaala Awurooppaa jedhamu keessatti ogummaa fayyaan kan tajaajilu yoo ta'u, iddoo Deer al Balaa jedhamutti maatiisaa waliin osoo jiruu haleellan Israa'el gaggeessite maatiisaa guutuu fixee inni qofti madaa'ee lubbuun hafe.
Ijoolleesaa jahaan haadha warraasaa waliin ajjeefaman keessaa afur lakkuu si'a tokko dhalataniidha.
Israa'el waa'ee haleellaa kanaa addatti waan jette qabaachuu baattus, bakka haleellan itti gaggeeffametti loltoonnishee oppireshinii gaggeessaa turuu ibsite.
Haati warraa Ashiraaf ijoollee jaha waliin ajjeefamte Haalaa Kataab barsiistudha.
Ijoollen Ashiraaf haadhasaanii wajjin du'an kan angaafaa ganna 15 yoo ta'u ijoollee lakkuu arfan ganna 10 kan guutaniidha. Kan dhumaa daa'ima waggaa tokkooti.
Ashiraaf BBC Arabiffaatti akka himatti, haatiwarraafi ijoollensaa jahaan haleellaa qilleensarraa Israa'el Gaazatti gaggeessiteen kan du'an Dilbata, Hagayya 18 ganama ture.
Haleellan kan gaggeeffame ganama osoo hojii [gara hospitaalaa] deemuf qophiitti jiruu yoo ta'u, libsuu ijaatti maatii mana guutuu akka dhabe hima.
Ofiifis haleellaa kanaan miidhamee of-wallaalee akka ture kan himu Ashiraaf, "ijoollee koofi haadha warraa koo waamus isaan garuu sokkaniiru [du'aniiru].
"Ijoollee koo jaha, lakkuu afur dabalatee, haadha warraa koo wajjin haleellaa kanaan battalatti ajjeefaman," jedha.
Haati Ashiraaf ijoolleefi haati warraa ilmasaanii battalatti ajjeefamuun caba guddaa akka itti ta'e dubbatu.
"Ilmi koo Ashiraaf narsii ta'ee Hospitaala Awurooppatti of kennee dhukkubsattoota gargaaruf hojjata.
"Nuti dhaabbata kamuu waliin hidhata hin qabnu ture," jedhan.
Haati warraasaa Haalaa Kataab namoota buqqa'an gargaaruf baay'ee dhimmitee hojjataa akka turte hima Ashiraaf.
"Maatii koo gargaarufi ijoollee koo yeroo isaan guddatan arguuf, fuuldureensaanii gaarii akka ta'uuf dadhabe osoo hin jedhinan hojjadhe.
"Amma abjuunkoo sun hundi manca'eera," jechuu karaa "mana murtii idil-addunyaa kamiyyuu" haqa maatiisaatii hanga argatutti akka rafee hin bulle dubbate.
"Israa'el yakka hamaa hojjatte. Maatin koo guutun battalatti dhumanii qullaa koon hafe."
Waa'ee haleellaa Israa'el maatii tokko fixee kana ilaalchisee Ministeerri Ittisaa Israa'el gaafatamee Dar al Balaa keessatti torbee darbe oppireeshinii gaggeessuu amanuu waa'ee taatee kanaa garuu addatti hin dubbanne.
Ministiirri Ittisaa Israa'el ibsa Wiixata, Hagayya 19, baasen Gaazaa naannoo Dar al Balaa keessatti oppireeshinii gaggeessun "shorokeessitoota mancaasaa, moorawwan waraanaf dhimma itti bahamuufi ulaa lafa jalaa mancaase" jechuun beeksise.
Dabaluunis loltoonni Israa'el hidhattoota Hamaas qofarratti akka xiyyeeffatu ibsuun Hamaas loltootasaafi meeshaalee waranaa kanneen akka rokkeettii fa'aa bakkee namoonni nagaan jiraatan kaa'un du'aatif isaan saaxila jechuun du'a namoota nagaaf Hamaas itti gaafatamaa godhe.
Haleellaa Hamaas Israa'el irratti gaggeesse hordofee Israa'el Gaazatti duula banteen hanga ammaa lammiilen Filisxeem 40,170 yoo du'an, 92,000 ol kan ta'an ammaa madaa'aniiru.