Erga Fulbaana 28 kaampiiwwan naannoo Amaaraa keessatti kumootni hidhaman haa gadhiifaman-Aministii

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Aministii Internaashinaal naannoo Amaaraa kamapiiwwan afur keessatti namootni kumaan lakkaa'aman Fulbaana 28ti kaasee jumlaan hidhaaman akka gadhiifaman gaafate.

Dhaabbatichi qorannoo gaggeesseen caasaan Raayyaa Ittisa Itoophiyaafi qaamolee nageenyaa naannoo Amaaraa irraa ijaarame naannicha keessatti kaampiiwwan afur keessatti namoota kumaan lakkaa'aman hidhamaniiru jedhe.

Hidhamtootni kunniin kaampiiwwan naannicha keessa jiran afur keessatti hidhamanii akka jiranis ibseera.

Gabaasichi ''Itoophiyaan bara haaraa dirqamoota mirga namoomaa biyyaalessaa, naannoo fi idila addunyaa hin kabajne keessa galteetti'' jedha.

Dabaluun waggoota shanan darban hidhaan jumlaa akka tooftaa siyaasaa warra karaa nagaa qabsaa'an itti callisiisan ta'eera jedhe. Sababni dhiyaatu ammoo labsii yeroo muddamaa sarbuudha jedhan daayireektarri damee Bahaa fi Kibba Afrikaa Tigeeree Chagutaa.

Muddamni naannoo Amaaraa waraanni Kaaba Itoophiyaa bara 2022tti xumura argatee osoo hin turiin kan dhalate yoo ta'u, waggaa tokkoo oliif hidhattootni Faannoo fi waraanni biyyaalessaa walitti bu'aa jiru.

Kana keessa uummatni nagaan qaama lamaaniinu miidhamaa jira.

Akka Tigeereen jedhanitti hidhaan jumlaan amma naannoo Amaaraa keessatti argaa jirru tooftaa baratamaa ta'aa dhufuusaati.

Dhaabbatichi namoota lama dhiyeenya hidhaarraa bahan, maatii namoota hidhamanii shaniifi aanga'oota dhimmicha beekan sagal irraa akka iyyaafateetti kaampiiwwan Daangilaa, Cilgaa, Kombolchaa fi Shawaa Roobiit jiran keessa namootni kumaan lakkaa'aman hidhamanii jiru.

Namni Dangilaadhaa gadhiifamuu hime tokko wayita inni gadhiifamu kaampii san keessa namootni 1,610 to'atamanii akka argaman dubbate, lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa akka jirus hime.

Bakki hanqachaa waan jiruuf iddoo bal'isuuf hojjetamaa akka turellee dubbateera. Aministiin ijaarsi bakka tursiisaaf ta'u malu Onkololessa keessa hojjetamaa jiraachuu mirkaneeffateera.

Namootni hidhaman caalmaatti warra seera raawwachiisan fi damee barnootaa keessa jiran ta'uu dhaabbatichi gabaaseera.

Abbaan seeraa maqaansaanii akka hin ibsamne gaafatanii yaada isaanii Aministiif kennan naannicha keessa ammatti abbootiin seeraa fi hojjeettootni manneen murtii sagal ta'an to'tan. atamanii akka jiran dubbatan.

Gariin isaanii mana murtuurraa kaan ammoo mana isaaniitii qabamuu himaniiru. ''Hidhaan isaanii hojii hojjetaniin walqabateeti'' jedhan namni kun.

Abbaan Alangaa tokko ammoo abbootiin alangaa 13 ta'an naannicha keessatti to'atamanii akka jiran himan. Torban lamaa hanga ji'a tokkoof mana murtii dhiyaachuufi adeemsi seeraa kamuu hin hordofamne jedhan.

Waggoota 30f sirna haqaa keessa kan turan namni kun, ''tajaajila waggoota 30f kenne keessatti seera maleessummaa akka kanaa sirna haqaarratti gaggeefamu argee hin beeku'' jedhan.

Gama kaaniin dhaabbatichi maqaa ogeeyyii barnootaaYunivarsiitii Walloo 11 to'annoo jala jiranii argachuu ibseera. Maddi biraan namootni kaampii turan kun turtii ji'a tokko booda mana murtii dhiyaachuu gabaasni Aministii eereera.

Tigeereen adeemsi jumlaan nama hidhuu kun sababa walitti bu'iinsa naannicha keesa adeemaa jiruun miidhaa namoota nagaarra gahu to'achuuf yaalii godhamu itti rakkisaa taasisa jedhan. Uummata irratti sodaa uumas jedhan.

''Dhaabbileen mirgaa Afrikaa fi addunyaa michoota misoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun ifatti gocha kana balaaleffachuu qabu. Mootummaa Itoophiyaa gocha kana akka dhaabu waliinis mariyachuu qabu.''

Gochi kun yoo dhaabachuu baate aanga'oonni maraammartoon sarbama mirgaa naannicha keessatti qofa osoo hin taane guutummaa Itoophiyaatti akka hammaatu godhu'' jedhan Tigeereen.