Shamarree 'akkatti nama ajjeesan baruuf' jettee barsiistuu galaafatte

Maxxanfame

Akeekkachiisa! Odeessi kun miira keessan jeequu mala.

Ajjeechaan suukaneessaa kuni biyya guutuu rifaasise.

Jung Yoo-jung umriinshee reefu ganna 23. Filmiiwwan seenaa dhugaa yakkarratti xiyyeeffatan [true crime fan] fi asoosamoota kanaan walqabatan akka malee faana buuti.

Jaalallishee fiilmii akkanaaf qabdu adda.

Poolisiin akka ibsetti, boodarra barsiistuu Afaan Ingilizii barsiistu mana isheetti dhaxxee ''nama ajjeesuu baruuf'' jettee ajjeefte.

Galmeen poolisii, Jung yakka kana raawwachuuf yeroo dheeraaf itti qophaa’uu agarsiisa.

Qorannoo jeeqsuma sammuu fudhatteen qabxii olaanaa galmeessuullee poolisiin ibseera.

Abbootiin alangaa murtii du’aa gaafatanis Manni murtii Kooriyaa Kibbaa hidhaa umrii guutuu itti mureera. Garuu akkamiin raawwatte?

Filmii yakkarratti xiyyeeffatan akka malee kan jaalattu Jung, akaakayyuu ishee waliin jiraatti turte.

Akka Abbootiin Alangaa jedhanitti, shamarreen hojii hojjettee ittiin jiraattu hin qabne kuni ji’a hedduuf nama ajjeeftu barbaadaa turte.

Bakki nama ajjeeftu barbaadaa turtemmoo aappii onlaayinii nama qo’achisanidha.

Akka galmeen poolisii ibsetti, namoota 50 qunnamteetti. Garuu addatti dubartoota akka ta’an filatti.

Dabalataan, yoo manuma isaaniitti ishee qo’achiisu ta’es gaafataa turte.

Osoo barbaadduu baatii Caamsaa keessa dubartii tokkoon walitti dhufte.

Harmee barattuu barnoota sadarkaa lammataa barattu of fakkeessuun intala ishee Afaan Ingilizii akka qo’achiisaniif akka barbaaddu himte.

Nami isheen qunnamtemmoo dubartii ganna 26 magaalaa kibba-bahaa Busaan jiraattudha.

Akka abbootiin alangee jedhanitti, Jung intarneeta gubbaa yunifoormii barattootaa bittee of qopheessite.

Uffata kanas uffattee dubartii akka intala ishee qo’achiisan gaafatte bira ofumaa dhaxxe.

Jung waan ji’ootaaf yaadaa baate asitti raawwatte.

Akkuma barsiistuun ganna 26 kuni ol ishee seensisteen Jung haleellaa irratti raawwatte.

Poolisiin akka ibsetti, Jung barsiistuu kana si’a 100 ol waraantee ajjeeste.

Eeguma ajjeestellee waraanuu hin dhaabne jedha galmeen poolisii.

Achii Jung taaksii waamte. Qaama dubartii kanaa ciccirte taaksii keessa galchuun baadiyyaa kaaba Busaan laga qarqara bira geessitee gatte.

Konkolaachisaan taaksii shamarree shaanxaa dhiigaan laaqame fuutee bosona keessa gatte arge garuu poolisii gurra buuse. Poolisiin ishee hidhe.

Poolisiin akka ibsetti, intarneeta gubbaa wanti barbaadaa turte akka agarsiisutti Jung ji’ootaaf akkaataa nama ajjeestuufi reeffa gattu baruuf yaalaa turte.

Of dagatteettis jedhe poolisiin wantoota boodarra qorannoo yeroo gaggeessu irra gahe eeruun.

Mana barsiistuu akka intala ishii qo’achiistu fakkeesitee gaafatteetti yeroo baay’ee seentee baatu viidiyoo kaameraan waraabes hin balleessiin dagatte.

Poolisiin erga ishee qabe booda garuu waan raawwatte amante.

Tibbana dhaddacha ooleen Abbaan murtii Mana murtii Bulchiinsa Busaan ajjeechaan ishee ‘’hawaasa keessa sodaa facaasuu’’ himan.

Dabaluunis, namni sababa homaa malee irratti xiyyeeffatamuu akka malu ibsuun yakki isheen raawwatte hawaasa keessa ‘’wal amanteen akka dhibu’’ gochuu himan.

Baatii Waxabajjii keessa akkaataa raawwatte ifatti kan amante Jung, yeroos rakkoo fayyaa sammuu jabaan jeeqamaa akka turte eerun hidhaan akka xiqqaatuuf gaafatte.

Manni murtii garuu, yakkichi ‘’haala qindaa’aa ta’en itti yaadamee raawwatuu’’ ibsuun yaada ‘’jeequmsa sammuu’’ dubbatte morme.

Dabalataan, dhaddachi yaada Jubg poolisiif kennitu yeroo yerootti jijjiiramuu ibsan.

Jung jalqabarra erga namni wayii barsiistuu sana ajjeese booda reeffa manaa baasuu dubbatte.

Boodarrammoo afaan wal darbanii barsiistuu san ajjeesuu himte.

Xumurarra garuu sababa ajjeefteef yoo ibsitu fiilmii yakka agarsiisu [crime movies] fi sagantaa Tv hordofturraa kaatee fedhii nama galaafachuu akka horatte dubbatte.

Achii manni murtii hidhaa umrii guutuu irratti dabarse.

Haa ta’u malee, waa’ee eenyummaa barsiistuu ganna 26 shamarree kanaan ajjeefamte poolisiin odeeffannoo dabalataa hin baafne.

Kooriyaan Kibbaa seera nama du’aan adabu qabaattuus, eega bara 1997 jalqabee garuu hojiirra oolchitee hin beektu.

Namoonni maaliif garaa jabaatu?

Sababoota kanaaf ka'umsa ta'an akka jiran ogeeyyiin xiinsammuu himu. Tokko rakkoo fayyaa sammuu waliin walqabatuu danda’a.

Namni akkuma gaarummaas qabu, hamminas dalaga. Badiin kuni garuu jireenya kana dura keessa dabarsanirraa, aarii, mufii, kaka’umsa sababoota garagaraan raawwachuu danda’a.

Kana dura gargaaraa pirofeesraa kilinaal saayikoolojii fi niyuuroosaayikoolojii kan ta’an Saayiman Makaartii-Joons sababa namoonni nama hubaniif BBC’tti kana himan.

Sababa lamatu jiraachuu danda’a - miidhaan nama sanaa itti hin dhaga’amu (hin gaddisiisuun) ykn ammo miidhaa nama sanaa ni jaallatu (itti gammadu).

Sababa biraa kan ta’uu danda’u nama sana akka nama isaan miidhuu danda’utti yaaduu kan jedhudha jechuun ibsan.