Nannoo Amaaratti haleellaan Musliimotarratti raawwatamaa jiraachuu Manni-maree Dhimmoota Islaamaa naannichaa ibse

Madda suuraa, SM
Naannoo Amaaraa bakkeewwan garaa garaatti ji'oota saddeet darban keessatti Musliimonni 80 ta'an ajjeeffamuu fi kaan ammoo miidhaa garaa garaaf saaxilamuu Manni-maree Olaanan Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa beeksise.
Manni-marichaa ibsa har'a baasen naannichatti hordoftoota amantii Islaamaa irratti ajjeechaa dabalatee, saamichiifi dhiibbaan garaa garaa akka irratti raawwatamu ibse.
Mana-maree Dhimmoota Islaamaa Baahir Daaritti itti-gaafatamaa Bulchiinsaa Faayinsaanii kan ta’an Obbo Alii Geetaahun sababiin isaa maal akka ta’e odeeffannoo ifa ta'e hin qabnu garuu walumaagalatti rakkoon hawaasa Muslimaa naannichaa mudataa jiraachuu BBCtti himan.
“Walumaa galatti rakkoowwan uumamaa jiru, reebicha, ukkaamsanii maallaqa gaafachuun jira. Amma ammoo ittiyyu daran hammaatee ajjeechaan dhalate. Kaleessa [Baahir Daaritti] mana tokko keessaa namoota afur, ollaatii ammoo namoota sadii walumaagalatti namoota torbatu ajjeefame. Haala rakkisaa ta’etu jira.”
Kaleessuma sa’aatii walfakkaataatti Gondaritti namoonni lama ykn sadii ta’an ajjeefamaniiru kan jedhu odeeffannoo isaan qaqqabuu dubbatu Obbo Aliin.
Namoonni ajjeechaa kana hordoftoota Muslimaa irratti raawwatu eenyummaan isaanii ni beekamaa jechuun BBCn kan gaafateef Obbo Alii Geetahun, buufata poolisiitti bilbilanii akka gaafataniifi ammatti eenyummaan isaanii akka hin beekamne ibsan. Haata’u malee, rakkoon kun har’a ummanni socho’ee waan baheef ifatti haa dhaga’amu malee naannoo Amaaraa bakka gara garaa keessatti rakkoon irra deddeebiin uumamaa jiraachuu dubbatan.
“Guyyoota sadii dura Bichanaatti abbaa warraafi haati warraa sa’aatii 11:00 irratti sooma guyyaa hiikuuf (afaxxaruuf) yeroo sagadaa jiranitti daa’ima isaanii waggaa shanii duratti ajjeesan.
Ji’a sadiifi afur dura ammoo Warrootaatti nama tokko ukkaamsanii fudhatanii maallaqa kaffali ittiin jennaan maallaqa kaffaluu hin danda’u ittiin jennaan kan arrraba isaa kutanii ergan jira,” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ibsa Manni-maree Dhimmoota Islaamaa kenne jechuun Manni-maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti, "Ji'oota saddeettan darban keessatti walitti bu'iinsa mootummaafi hidhattoota gidduutti mudateen uummata keenya gatii hamaa kaffalchiisaa jira," jechuun addumatti hordoftoota amantaa Islaamarratti haleellan garaa garaa akka raawwatu ibsa.
"Addumatti hammeenya, buqqaatii, saamicha, uggurriifi ajjeechaan Musliimomta irratti raawwatu yerodhaa gara yerootti hammaataa jira.
"Hiikni biraa akka itti hin kennamneef jennee gara bal'inaan obsinus dhimmichi guyyaa guyyaan nama nagaa ukkaamsanii butuufi gara baleessuun ajjeessuun uummata naannichaa, addummata hawaasa Musliimaa rakkina keessa buusera," jedhan ibsi mana marichaa.
Manni-marichaa guyyaa Dilbata, Ebla 7, 2024, magaala guddoo Naannoo Amaaraa Bahiir Daar keessatti miseensonni maatiifi nami ollaa tokko walumaa galatti namoonni shan osoo gara manaa galaa jiranii ajjeefmuu ibsuun, bakkeewwan garaa garaatti ji'oota saddeettan darban keessatti raawwachuu ibse.
Guyyaadhuma wal-fakkaataa Ebla 7, 2024 magaala Mooxaa keessatti dargaggeessi tokko erga ukkaamfamee butamee booda, kanneen ukkaamsan maatiisaa sodaachisuun qarshii 300,000 erga fudhatanii booda dargaggeessicha ajjeesusutu ibsa kana keessatti himame.
Magaalaa Bahiir Daaritti Dilbata kaleessaa haleellaa hordoftoota amantaa Islaamarratti raawwate jedhameen miseensota maatii tokko keessa namoonni afur ajjeefamuutu himame.
Ajjeechaa jedhame kana kan raawwate "hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamne" jedha ibsi kun.
Magaalaa Gondarittis guyyaa lama dura naannoo Maaksanyit jedhamutti Musliimonni afur ajjeefaman jedha ibsichi.
Haata'u malee, ajjeechaa kana ebelutu raawwate hin jenne Manni-maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa.
Naanichatti ji'oota saddeettan darban keessatti namoota hordoftoota amantaa Islaamaa 80 ajjeefaman jedhamaniin alatti namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman buqqa'uufi namoonni 47 ta'an ammoo ugguramuu ibsuun dararaan naannoo Amaaratti hawaasa Musliimarra gahu akka dhaabatuuf Manni-marichaa waamicha dhiyeesse.












