'Yeroo tokko tokko komedii kanan barreessu boo'aadha' - Komeediyaan Isheetuu

Maxxanfame

Isheetuu Mallasaa akka komeediyaan ta’uuf kan isa kakaase lammii gur’aacha Ameerikaa ta’e Kaven Hartidha.

Miira Komeediyaan Isheetuu kakaasuudhaaf komediyaaniin beekamaa dhalataa Afrikaa Kibbaa ta’e Tiroovar Nohis gahee qaba.

Isheetuun ogummaa tiyaatiraa Yunivarsiitii Finfinneetti barate.

Adaamaatti dhalatee kan guddate komediyaan Isheetuun, ijoollummaa isaatti bataskaana keessatti tiyaatira hojjechaa ture.

Isa dura hawwiifi abjuun komediyaanii ta’uu hin turre.

Yunivarsiitii Finfinnee irraa erga eebbifamee booda hojii dhabee garaajii keessa hojjeteera.

Kaaffee bunaa Kaaldiis Kofii jedhamu keessatti ammoo keessummeessuun dalageera.

Yeroo ammaa komeedii dalaguun YouTube irratti hordoftoota miliyoona lamatti dhiyaatu qaba.

Isheetuun Gadaamiif bishaan galchuu, Gadaamiifi Masjiida ijaaruu, akkasumas uummata Booranaa hongeen miidhameef, biyyoota Arabaatti lammilee mana-hidhaa keessatti rakkachaa jiraniif karaa toora YouTube kallattiidhann gargaarsa walitti qabeera.

Wiirtuu maanguddootaafi warra dhibee sammuu qaban gargaaru Maqadooniyaaf ammoo tamsaasa kallattii guyyoota sadii tureen dolaara miliyoona sadii walitti qabuu danda’eera.

Komeediyaan Isheetuun Donkey YouTube irratti ‘Goota Uumuu’, ‘Dinqi Lijooch’, ‘Itiyoophiyaawwii' kan jedhuufi sagantaawwan jaallatamoo biroo dhiyeessa.

Hojii YouTube kana irratti dhiyeesse keessaa viidiyoon hanga miliyoona shaniitti daawwatame ni jira.

BBCn Isheetuudhaan waa’ee hojii isaafi milkaa’ina isaarratti gaafateera.

“Komedii kanan jalqabe ergan dulloomeedha,” jechuun akka ofiin yaadutti barfatee akka jalqabe hima.

Komediin ‘Let Me Explain’ jedhu lammiin Gur’achi Ameerikaa Kavin Haart bara 2013 ilaalee hojii komeedii akka jaallate hima Isheetuun.

Hojii komediyaanii Ameerikaa kana si’a 17 akka irra deddeebiyee ilaale yaadachuun, yeroo sanarraa kaasee fedhiin komediyaanii ta’uu akka qalbii isaa keessa bule ibsa.

Isaan booda hojii isaa jalqabaa kan ta’e ‘Xaazmaa Maar’ jedhu barreessee uummataaf dhiyeesse.

Itti aansuun ammoo komediiwwan ‘Zemene Fisehaa’, ‘Yet Nabarn’, ‘Nag Bane’…’Tamtaattabin’ jedhaman uummataaf dhiyeesseera.

Komeediyaan Isheetuun yeroo ammaa qophiiwwan bebbeekamoo ta’an TouTube irratti dhiyeessaa jirus hojii komeedii hin dhiisne.

Komeediin hojii ittiin beekame waan ta’eef isas dhiisuu akka hin barbaadne kaasuun, namoonni akka kolfan gochuun, karaa ittiin warra sagalee hin qabneef sagalee ittiin ta’us akka ta’e dubbata.

“Hacuuccaan hedduu na aarsa,” jedha komeediyaan Isheetuun. Kanaaf, ammo hojiiwwan koo hanga ammaatti hojjete akka ragaatti kaasa.

“Komeedii kanan barreessu yeroo tokko tokko boo’aadha. … Yeroon barreessu qorannoo gaggeesseenidha; ogeessa seeraa, ogeessa aartii gamagamsiiseenidha.

''Loogiin, hacuuccaan onnee koo keessa seenee baayyee yeroo na tuqutti, na boossisutti, sagalee onnee kiyya keessa seenee kanan baafadhu komeediidhaanidha.”

“Yaadawwan akka amantii biroo xureessan, amantaafi falaasama, afaan, aadaa xureessan, ummata keessatti haaloo, jibbinsaafi tuffii uuman irratti tasuma hin qoosu,” jechuun ibsa dhimmoota irratti baacoon komeedii hojjetu gaafatamee.

Komeediyaanii beekamaa ta’uudhaaf manaajera qacarate

Isheetuun dhaabbata miti-mootummaa tokko keessatti qacaramee osoo hojjechaa jiruu ture waltajiiwwan gara garaa irratti ‘Standup comedy’ dhiyeessuuf karoorfatee hojjechaa kan ture.

Kana milkeeffachuuf ammoo manaajera akka qacarate dubbata.

“Namni manaajera kan qacaratu erga ‘famous’ [beekamaa] ta’een boodadha. Ani garuu manaajera kanan qacaradhe ‘famous’ ta’uufidha.”

Hojii komeedii isaa Finfinnee alatti magaalota akka Baahir-Dar, Gondar, Adaamaa, Bishooftuufi Hawaasaatti dhiyeessaa akka ture kan dubbatu Isheetuun, biyya alaatti garuu namoota isa dinqisiifatan bira hin ga’iin akka jiru hima.

Isheetuun qofaa isaa baar-gama deemee dinqisifattoota isaa bashannansiisuun bu’a qabeessa jedhee hin yaadu jedha.

Akka pirofeeshinaal komeediyaanii tokkotti waan of ilaaluuf, komeedii manaajeraafi ogeessota biroo warra akka DJ fi muuziqaa qabu osoo hin qabatiin biyya alaa deemuu akka hin barbaadne dubbata.

Kanaaf, garee isaa kana qabatee deemuudhaaf kanaan dura akka biyya alaa deemaniif hayyama gaafatanii hin arganne.

“Isaan kan yaadan biyya ta’e deemnee akka badnudha. Yookaan gatiin tikkeettiifi hoteelaa qaala’aa jalaa ta’a jedhu.

''Ani garuu pirofeeshinaala waanan ta’eef ogeessota qabadhee hangan deemuu danda’utti deemuu hin qabu jedheen ture.”

Komeediyaan Isheetuun hojii komeediin alatti YouTube irratti hordoftoota miliyoona lama ta’an horateera. Kana keessatti ammoo hojjetoota 58 qacaree hojjechiisaa jira.

Dhamaatiin manaajera kootii namoota 57 biroo dhale jedha Isheetuun kana yeroo ibsutti.

Mul’anni isaa miidiyaa Itoophiyaa jijjiiruu kan ta’e Isheetuu

Isheetuun hojii komeedii jalqabee uummata biratti beekamtii horachuudhaaf waggaa tokko caalaa akka isa hin fudhanne dubbata.

Waggaa tokko keessatti beekamaa ta’een hojiiwwan tokko tokko maallaqaan waltajjii tokko irratti hanga kuma 100 naaf kaffalamee gara hojiitti seenuu akka danda’e hima.

Toora Yuutubii Donkey Tube irrattis hordoftoota baayyee argachuudhaaf akkuma kana waggaa tokko caalaa akka isa hin fudhatiin ibsa.

Amma sooressa taateettaa gaaffii jedhuuf akkas jechuun deebise.

“Eyyeen. Egaa mana hin qabu. Maallaqa callaa baankii taa’u hin qabu. Har’a yeroo atiifi ani waliin haasa’aa jirru kanatti maqaa dhaabbata kootiin akkaawontii baankii kiyya keessa Birrii kuma 10 ykn kuma 20 ta’utu jira.

''Haata’u malee, qabeenyi koo maalidha yoo jette …. Bakkan itti beekamuufi dhiibbaa nama uumu ta’uu koodha. Fakkeenyaaf, namni tokko yoo beeksisa na hojjechiifachuu barbaade Birriin gaafadhu salphaa hin ta’u.”

Donkey Tube irratti beeksifachuu yoo barbaadde akkasumatti callistee salphaatti beeksifachuu hin dandeessu. Dhiibbaan isaa guddateera.

''Itoophiyaa keessatti akka Donkey Tube miidiyaa dhiibbaa guddaa uumuu dandeenyeerra.

''Qabeenya yoo jette qabeenyi isadha malee sadarkaa mallaqaatti qarshiin, meeshaan, mana wanti jennu hin jiru. Qabeenyi harki caalu kanjiru achuma Donkey Tube irra waan ta’eefidha.”

Miidiyaa gargaaramuun hawaasa dayaasporaa Ameerikaa, Awurooppaa jiru kakaasuun Wiirtuu Maanguddootaa Maqadooniyaatiif gargaarsa namoota kuma 12 irraa walitti qabuu danda’uu ibsa.

Kana ilaaluun, “ani miidiyaa jijjiirama qajeelaafi gaarii ta’eef haa gargaaramnun” jedha.

Kanaan dura akkamitti miidiyaa, keessumaa YouTube waan gaariif itti fayyadamuu akka danda’an dargaggoota 110 oliif leenjii kennuu dubbata Isheetuun.

“Kanaaf, abjuun koo inni dhumaa industirii miidiyaa Itoophiyaa jijjiiruudha.”.

Haala kanaan dura YouTube irratti hin baratamneen Donkey Tube dhaabbileen misoomaa gurguddoo, baankiiwwaniifi warshaawwan waliin hojjeta.

Toora yuutubii isaa irratti dhimmoota akka siyaasaa, sanyummaafi amantii xureessan irraa bilisa ta’ee yoo itti fufe dhaabbileen gurguddoo dhufanii irratti of beeksifatu kan jedhu jalqabarraa kaasee amantaa cimaa akka qabu dubbata.

Kanarraa ka’uun YouTube irratti maallaqa gahaa argachuu yeroo hin dandeenyettiyyu of eegannootiin hojjechaa akka ture dubbata.

“Nuti gaafa YouTube jalqabnu qajeeltoon tokko qabannee kaane kan Itoophiyaa qofa osoo hin taane dhaabbileen idil-addunyaa dhufanii Donkey Tube irratti beeksifatu. Ispoonsara ta’u ejjennoo jedhu qabna,” jedha Isheetuun.

Har’a toora yuutubii isaa irratti dhaabbataafi oomisha isaanii beeksifachuuf kan karra rurukkutaa jiran keessaa warshaaleen biiraa keessatti argamu.

“Deebiin keenya garuu hawaasa hin ijaaru,” kan jedhudha jedha Isheetuun.

Warra biyya keessaan alas baar-gamaallee dhaabbileen akka ‘Qumaaraa/ Tirgaafi Gaming YouTube hordoftoota hedduu qaban irratti of beeksisuuf ni gaafatu.

“Nuti garuu yoo wanta dhaloota gara waan hin taanetti geessudha ta’e tasa hin hojjennu; waggaa saddetti dura akkuma jalqabneen osoo irratti hin dammaqiin wantoonni hojjenne yoo jiraatanillee dhiifama gaafanna,” jedha Isheetuun.