Sanyii bofaafi raachaa addunyaa $ biliyoona 16 mancaasan

Maxxanfame

Saayintistoonni lubbu-qabeeyyiin lama addunyaarratti lubbuu qabeeyyii kanneen biroo caala miidhaa dinagdee cimaa akka qaqqabsiisa jiran irratti waliigalu.

Lubbu qabeeyyiin lamaan kun raachaa gurguddaa’ bullfrog’ jedhamuu fi bofa mukarra jiraatufi bifa daammii qabu yoo ta’an, bara 1986 irraa kaasee Ameerikaa keessatti badii Doolara Ameerikaa biliyoona 16.3tti tilmaamu qaqqabsiisan.

Bofti fi raachi kunneen sirnaakkoo naannoo miidhuun maddiitti oomisha miidhaanii gadi buusuu fi tajaajila ibsaa balleessuu/dhaamsuun beekamu.

Qorattoonni akka jedhanitti, argannoon isaanii kun sanyii lubbu-qabeeyyii miidhaa qaqqabsiisan ittisuuf  gara fuulduratti fayidaa qaba.

Qorattoonni kun barruu ‘Scientific Reports’ irratti akka barreessanitti, sanyiin bofaa kun qofaasaatti badii doolara Ameerikaa biliyoona 10.3tti tilmaamuuf qaqqabsiisa.

Sanyiin bofaa kun akkaataa to‘annoof rakkisaa ta’een odoloota naannoo Paasifikitti argaman hedduutti babal’ateera.

Odola Guwaamirratti kan rippitaayiloonni lafarra lo’an jaarraa tokko dura humna galaanaa Ameerikaatiin gadhiifaman.

Amma bofti heddummachuu isaarran kan ka’e yeroo baayyee shiboowwan elektirikiitti maramuun badii guddaa qaqqabsiisaa jira.

Odola xiqqoo naannoo Paasifikitti argamu kanarratti sanyiin bofa daammiin miliyoona lamaa ol ta’u kan argamu yoo ta’u, tilmaani bahe tokko akka agarsiisutti bosona Guwaam heektara tokkorra bofa 20 ta’utu jira.

Sirnaakkoon odola kanaa lubbuu-qabeeyyii naannoo miidhaaniin badiif saaxilamaadha jedhamee yaadama.

Sanyiin bofaa kun lubbu qabeeyyiin durii qabee odola kanarra jiraatan badiif qarree geesisee, balaaf saaxile.

Awurooppaatti raachii Ameerikaa ‘buul’ jedhamu bal’achuun sagantaa to’annoo gatii isaa qaalii ta’e barbaachiseera.

Amfiibiyaanoonni sm 30 guddatanii fi kg walakkaa ulfaatan akka hin tatamsaane dallaa iddoo hormaata isaaniitti akka qondaaltoonni ijaaran diriqisiiseera.

Bishaan kuufamee ciisu shan keessaa amfibiyaanoonni miliqanii akka hin banne ittisuuf  jecha Jarman Yuuroo 270,000 baasuu qorannoo Gamtaan Awurooppaarratti eerame wabeeffachuun barreessan qorannoo kana keessatti.

Gosti raachaa kan biraa Koyi jedhamu karaa hedduun miidhaa dinagdee qaqqabsiisuun himatama.

Raachii kun wayita wal waamtu sagalee garmalee guddaa waan qabduuf iddoo hormaata raacha kanaatti qabeenyi argamu gatiin isaa akka hir’atuuf ka’uumsa taate.

Barreessitoonni qorannoo kana argannoon isaanii to’annoo lubbuu qabeeyyii naannoo miidhaniirratti qondaaltoonni mootummaa akka hojjatan akka akeeku abdii qabaachuu himaniiru.