Reeffi Giiftii Elizaabeet II masaraa Baalmoraal irraa bahe

Maxxanfame

Reeffi Giiftii Elizaabeet masaraa lubbuun isaanii itti darbe Baalmooraal irra ganda Baalaatar keessa darbee gara Edanbiraa deemaa jira.

Kunis adeemsa dhumaa awwalchi Fulbaana 19 raawwachuun dura taasifamu dha.

Geggeessaan reeffaa yeroo taasifamaa jiru kanatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman daandiitti bahanii giiftii gaariitti kan jechaa jiran yoo tahu, sirni geggeessaa konkokaataawwaniifi doqdoqqeewwan 45 oliinis kan dabaalame dha.

Konkolaataa saanduqni reeffa giiftii keessa jiru fooddaa daawwitii kan qabu yoo tahu bissiin ilillii giiftiin yeroo lubbuun turan jaalatanis saanduqicharra taa'eera.

Geggeessaan reeffaa Edanbiraa turee hamma Landan gahuttu sa'atii jaha fudhata jedhameera.