Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UKn godaantota tokko tokkorratti elektirooniskii adda baasu hidhuuf
Godaantota kolu-galtummaa gaafatan kannneen bidiruuwwan xixiqqoofi konkolaataa fe'isaatiin gara Yunaayitid Kingidom (UK) seenan tokko tokko irratti elektirroniksiin adda-baastu hidhamuuf akka jiru himame.
Tarkaanfiin qaama yaalii Ministeetra Dhimma biyya keessaati jedhamu kun ji'oota 12f hojiirra kan ooludha jedhameera.
Tooftaa kana fayyadamuun mootummaan godaantota karaa balaafamaa ta'een ykn barbaachisaa hin taaneen seenan ari'uuf ta'as jedhameera.
Ministirri Muummee UK Boorsi Joonsan, "godaantonni kolu-galtummaa gaafatan akka kutaa biyyattii hafanitti baduu hin dandeenye mirkaneessuun barbaachisaadha," jedhan.
Warri tarkaanfii kana qeeqan gama isaaniitiin karoorri kun godaantota akka yakkamtootaatti kan ilaaludha jechuun mormaniiru.
Gochi kun godaantota kolu-galtummaa gaafaatan UK irraa gara Ruwaadaatti geessuuf ture erga haqamee guyyoota muraasaan boodadha.
Balaliinsi xiyyaara jalqabaa godaantota UK irraa Ruwandaa geessu ka'uuf daqiiqaa dhumaa irratti ture Manni Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa gidduu-seenuudhaan akka haqamu taasise.
Adda-baastuun elektirooniksii (electronically tagging) kun jalqaba namoota balaliinsi jalqabaa godaanota UK irraa gara Ruwaandaa geessuuf ture akka milkoofneef falman irratti ta'uu danda'a.
Miisteerri Dhimma Biyya Keessaa UK adda-baastuun elektirooniksii kun godaantota Ingiliziifi Weels keessaa irratti kan jalqabe yoo ta'u, adeemsi kolu-galtumma isaanii haala gahumsa qabuun akka raawwatamuuf gargaaruu danda'aa kan jedhu akka ittiin sakatta'u beeksiseera.
Yaaliin kun kan jalqabame ta'ulleen, Miisteerri Dhimma Biyya Keessaa UK kun adda-bastuun elektirooniksii godaantota irratti hidhameera kan jedhu irratti yaada kamiyyu hin kennine.
Godaantonni adda-baastuun irratti hidhameef kunneen saatiin ittiin socho'an murtaa'uu danda'a, akkasumallee ajaja isaanitti kenname hin kabajan taanaan mana hidhaa galuu ykn himatamuullee danda'u.
godaantonni akka UK keessa ari'aman itti himame, baqachuu danda'u, akkasumas haalawwan wabii immigireeshinii kabajuu dhabuu akka danda'anis ibseera.
Hojjettoonni godaantota waliin hojjetan meeshaan kun fayyaa sammuufi qaamaa nama irratti hidhamee irratti miidhaa cimaa yoo kan geessisu ta'eef ykn garbummaa ammayyaatiif kan saaxilu ta'uufi dhiisuun isaa qoratamuu qaba jedhu.
Tarkaanfiin kun daa'immaniifi dubartoota ulfaa hin dabalatu jedha Miisteerri Dhimma Biyya Keessaa.