Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanga'oonni FIFA yakka waliin dhahuu ittiin himatamanirraa bilisa jedhaman
Pirezidantiin duraanii FIFA Seep Bilaateriifi itti-aanaan isaa kan ture Misheel Pilaatiinii yakka waliin dhahuu ittiin himataman irraa bilisa jedhaman.
Aanga'oonni dhaabbata kubbaa miilaa addunyaa hogganaa turan kunneen yakka malaammaltummaan shakkamanii mana murtiitti dhiyaatanii ture.
Bilaater karaa hin malleen Pilaatiinif Firaankii Siwiiz miliyoona 2 kenneera jedhuun ture kan himataman.
Aanga'oonni kunneen maallaqa kana fudhataniiru kan jedhamu bara 2011 ture. Jarri lachanuu yakki ittiin shakkaman sirrii miti jechuun falmaniiru.
Bilaater maallaqa kana kanan Pilaatiiniitiif kaffaleef tajaajila gorsaa kennaniif jedheera.
Jimaata mana murtiitti kan dhiyaate Bilaater, "Dhugaadha balleessee nan beeka; himannaan kun garuu madaala kan kaasu miti," jedhe.
Manni-murtii Federaalaa Siwiiz, dhimma namoota lamaanii guyyoota 11f hordofaa tureera.
Manni-murtichaa dhimma lachan isaanii bitaafi mirgaan erga dhaggeeffateen booda bilisa jechuun isaan gaggesseera.
Seep Bilaater eenyu?
Seep Bilaater abbaa qabeenyaa Siwiiz yoo ta'u, maanguddoo umuriin isaa waggaa 86 ta'edha.
Maanguddoon kun bara 1975 ture kan FIFAtti makame.
Pirezidantii FIFA ta'anii kun muudman ammoo bara 1998 ture.
Yeroo gara garaatti mormiin irratti ka'aa turullee, Bilaater FIFA waggoota 17f hoggananiiru.
Yakkawwan akka malaammaltummaan, akkaataa maallaqa itti qabataniin, gubboo fudhachuuniifi sagalee filannoo waliin dhahuutiin waggoota baayyeetiif himannaan irratti dhiyaataa tureera.
Bilaater bara 2015 keessa kubbaa miilaarraa waggoota 8f akka dhorkamaniif itti murtaa'eera. Bara 2021 ammoo dhorkaan waggoota waggaa 6 akka dhorkaman dhorkaan irra kaa'ameera.
Miishel Pilaatiin eenyu?
Mishel Piltaaniin gaheessa umurii waggaa 66 yoo ta'u taphataa cimaa badhaasa kubbaa miilaa addunyaa guddicha Balaan Dohoor si'a sadii mo'ateera.
Biyya isaa firaansi waliin Waancaa Awurooppaa kan bara 1984, Juuventuus waliin ammoo Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa mo'ateera.
Pilaatiiniin yeroo muraasaaf garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Firaans erga gaggeesseen booda bulchiinsa kubbaa miilaa biroo irras hojjeteera.
Misheel Pilaatiiniin bara 2007 ammoo pirezidantii Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa ta'e.
Bara 2015 yeroo Seep Pilaater malaammaltummaan shakkamanii yeroo hojii gadhiisuuf iyyata galfatanitti ammoo Bilaateriin bakka bu'a jedhamees shakkamaa tureera.
Haata'u malee, galmee Pilaatiinii kan qorate koreen naamusaa FIFA garuu harki isaa kan Bilaater ittiin shakkame keessa jira jechuun himate. Sababa kanaan waggoota 8f akka faggaatuuf dhorkame. Boodarra garuu dhorkaan kun akka gara waggaa afuriitti gadi bu'u taasifame.