Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Siiriyaa dhorkaa waggaa 12 booda yaa'ii Liigii Arabaa hirmaachuuf
Pireezidantiin Siiriyaa Bashaar al-Asaad garee Liigii Arabaa keessaa erga baafamanii waggaa 12 booda, yeroo jalqabaaf yaa'ii liigichaarratti hirmaachuuf Sa'uudii galanii jiru.
Biyyoonni Liigii Arabaa, mootummaan Pireezidanti Asaad lammiilee nagaa bulchiinsi dimokiraatawaan akka dhufuuf hiriira ba'an humnaan cabsuun, biyyattii waraana waliinii keessa galche jechuun moggaatti baasan.
Waraana Siiriyaa waggoota 12 lakkoofsise kanaan lammiileen walakkaa miiliyoonaa caalan ajjeefamaniiru.
Mootummoonni Arabaa mormitoota deeggaran, aangoon Asaad yaaddoo nageenyaa qabaachuu dhabuu isaa erga amananii booda Siiriyaan baatii kana keessa deebitee fudhatamte.
Biyyi yaa'ii kana gaggeessuuf jirtu Sa'uudiin biyyoota Asaad ofitti dabaluun hirmaachisuuf eeyyaman keessaati.
Hariiroon kun erga kirkirri lafaa hamaan Tarkii fi Kaaba Lixa Siiriyaa mudatee booda.
Biyyoota Arabaa bulchiinsa Asaad morman dabalatee rakkoo gama kanaan Siiriyaa mudateef birmataniiru.
Guraandhala darbe keessas Sa'uudii Arabiyaan jaarsummaa Chaayinaatiin biyya akka nyaapha isheetti ilaaltu Iraan waliin araaramteetti.
Iraan fi Raashiyaan biyyoota mootummaa Bashaar al-Asaad tumsaniidha, Sa'uudiinis kanaaf Iraaniin wal-dhabde.
Waraana Siiriyaan lammiilee biyyattii miiliyoona 22 keessaa walakkaan qe'eerraa buqqa'aniiru.
Miiliyoona 6.8 kan ta'an biyyuma keessatti qe'eesaaniirraa kan buqqa'aniidha, miiliyoona 6 kan ta'an ammoo biyyaa baqatan.
Balaa kirkira lafaa mudateen lammiileen Siiriyaa miiliyoona 15 caalan gargaarsa namoomaa barbaadu. Kun erga waraanni biyyattii eegalee rakkoo namoomaa isa hammaataadha.
Waggaa kurnaa oliif michuuwwan isaanii Arabaan qoollifatamanii kan turan Bashaar al-Asaad Kamisa kaleessaa magaalaa Sa'uudii yaa'iin Liigii Arabaa keessatti gaggeeffamu Jiddaa seenaniiru.
Walga'ii ministiroota dhimma alaa biyyoota miseensa liigichaa 22 Roobii gaggeeffamerratti barreessaan liigichaa Ahmad Abuul Geeyit ''Siiriyaan teessoo isheetti deebi'uun waraanichi akka xumuramuuf agarsiistuudha,'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Sa'uudii Pireezidanti Asaadiin simataniiru.
Siiriyaan teessoo ishee liigicha keessaa qabdutti haala kanaan deebi'uun biyyoota miseensa liigichaa ta'an hunda walqixa hin gammachiisne.
Fakkeenyaaf Ministirri Dhimma Alaa Qataar ''yaada waahillan isaanii kaanii faallessuu dhabuuf qofa,'' murtee kana simachuu ibsan.
Biyyoota Arabaa, keessattuu Sa'uudiitti michoomuun Siiriyaa irratti kan duultu US ''Siiriyaan teessoo isheetti deebi'uu haala ishee dandeessisurra hin jirtu,'' jechuun tarkaanfii kana mormite.
''Ejjennoon keenya ifaadha - hariiroo sirna Asaad waliin qabnu idileessuuf hin deemnu, namoonni biroos kana wayita godhan hin deeggarru,'' jechuun dubbi himaan mootummaa US Vedant Patel gaazexeessitootaaf ibsaniiru.