Ibsaan daandii xiyyaarri irra qubatuufi irraa ka'u hatame

Maxxanfame

Buufata xiyyaaraa Naajireeyaa kan xiyyaarri itti baay'atuutti, sirni ibsaan bakka xiyyaaroonni qubachuufi ka’uuf irra imalanii hatamu dubbi himaan mootummaa biyyatti BBC'tti hime.

Ibsaan buufata xiyyaara Idil-addunyaa Murtaalaa Muhaammad Magaalaa Leegoos keessa argamu kuni hojii eegalee baatiiwwaniin booda hatamu BBC’f mirkaneessaniiru.

Ammaan tanattis ‘‘yakkamtoota adamsanii to’achuuf meeshaa bade deebisuuf’’ qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan Aab Yaakubuu Funtuwaa.

Haata’u malee, sirni ibsaa kuni buufata idil-addunyaa bakka xiyyaaronniifi imaltoonni keessatti baay'atanii kanaa, yoom akka hatame ilaalchisee ifatti wanti barame hin jiru.

Haata’u malee, miidiyaaleen biyya keessaa hojjattoonni buufata xiyyaarichaa hannicha keessatti hirmaachu akka hin oolle gabaasaniiru.

Ibsaawwan daandii xiyyaarronni ka'u isaanii duraafi wayita qubatan irra imalanii kunneenis erga buufata xiyyaarichaatti waggootaaf karaa sanaan akka xiyyaarri hin qubannee dhorkamuun tursiifameen booda baatii Sadaasaa darbe keessa ture hojii kan eegale.

Ibsaawwan lafa ka’umsaafi qubannaa xiyyaaraa irratti tolfaman kunneenis , keessattuu halkaniifi yeroo haala qilleensaa sirriitti lafa arguuf rakkisaa ta’utti paayilatoonni daandiirraa akka hin maqneef kan tajaajiludha.

Ammattis sababii hanna buufatichatti mudateetiin keessattuu xiyyaaronni balaliinsa biyya keessaa gara buufata xiyyaara idil-addunyaatiin akka qubatan dirqamaniiru.

Kun ammoo balaliinsa idil-addunyaa irratti rakkoo umuusaatiin alatti, imaltoonni gara buufataatti as deebi’uuf fageenya gara kilomeetira 4 taaksiin imaluuf dirqamaa jiru.

Dubbii himaan mootummaa BBCtti akka himaniitti, Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Qilleensa Federaalaa ‘‘gara fuula duraatti gochaan wal fakkaatu akka hin uumamneef qaawwa jiran hunda ni cufas’’ jedhan.

Yakkamtoonnis sababii bakki xiyyaarri irra imalu kun haaromsaaf jecha baatiiwwaniif cufamuusaatti fayyadamuun sirna ibsaa kana hatuusaanii namni maqaan hin eeramne tokko gaazexaa Naayijeeriyaa Punch jedhamuutti himeera.

Nami kuni maddi hannaa kanaa ‘‘hidhata’’ hojjattoonni buufata xiyyaaraa ‘‘qaamolee gargaartota alaa waliin'' qaban ta'u ibsuun komate.