Qonnaan bulaa udaan lukkuurraa humna ibsaa maddisiisu

Ibsa waa'ee viidiyoo, Qonnaan bulaan Keeniyaa udaan lukkuurraa annisaa maddisiisaa jira.
Qonnaan bulaa udaan lukkuurraa humna ibsaa maddisiisu
Maxxanfame

Antonii jedhama, waggoota shanan darbaniif qonna keessa bobba’eera.

Lukkuuwwan horsiisu hanqaaquu qofaaf itti dhimma hin bahu.

Udaan isaanii walitti qabuun baayoogaaziitti fayyadamee humna ibsaa maddisiisa.

Maashinii nyaata bilcheessuuf itti fayyadama, konkolaataa isaallee ittiin sochoosa. Bishaan horsiisa qurxummiif oolullee ittiin ho’isa.