‘Jarmaniin Waggaa 80 booda taankii nutti erguusheetti kan harkashee ni argatti’- Putiin

Maxxanfame

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, Jarman waggaa 80 booda irra deebiin taankii nutti ergiteef deebiinsaa cimaa akka ta’u dhaadatan.

Putiin akeekkachiisa kan dubbatan qophii yaadannoo waggaa 80ffaa waraana Addunyaa Lammaffaa- waraana Stalingrad irratti dubbii taasisaniin ture.

Putiin waraana biyyisaa amma Yukireen waliin taasisaa jirtu kan Naazii Jarmanii waliin taasisaniin turaniin wal fakkeessaniiru.

‘‘Jarmaniin gara Yukireen goruun taankii nutti erguunshee agarsiisa seenaan ofiisaa akka irra deebii’uti’’ jedhan Putiin.

‘‘Kun kan hin amanamne ta’ullee garuu dhugaa ifa jiruudha. Seenaa keessatti yeroo lammaffaaf dorsifni taankii Liiyopaardi Jarmaniin nurra qaqqabeera,’’ jechuun hirmaannaan Jarmanii akka isa aarse dubbate Putiin.

Jarmaniin biyyoota lixaa humna waraanaatii Yukireeniin deeggaraa jiran keessaa tokko. Raashiyaan erga weerara Yukiren irratti raawwattee har’I wagga tokko. Weerarich hordofunis biyyoonni lixaa hedduun Yukireen akka waraanicha qollattuuf jecha deeggarsa maallaqaa, hidhannoo meeshaa waraanaa fa’I taasisaafii turan.

Raashiyaan waraanicha yeroo gabaabaa keessattan xumura jettee kan turte yoo ta’u, ta’us garuu akka yaadde hintaaneef.

Putiin haasaa yaadannoo wagga 80ffaa waraana Addunyaa lammaffaa bakka duraan Stalingrand amma ammo Volgogiraad jedhamtuutti taasisaniin, warri lixaa Raashiyaatti bu’usaaniif kan harkasaanii ni argatu jechuun dhaadatan.

Gaheessii wagga 70 Vilaadmiir Putiin, ‘‘Kan Raashiyaa adda waraanaatti injifachuuf yaadu, isaan waraanni ammayyaa hangam akka adda ta’e hin hubanneedha’’ jedhan.

Itti dabalunis, ‘‘Nuti taankiiwwan keenya gara dangaa isaaniitti hin erginu. Garuu ammo hammeenya isaanitiif deebii ta’u qabu ni deeebiifnaaf. Kanas namni hundu hubachu qabaata’’ jedhan.

Dubbi Himaan Kiremiiliin DiimetiriiPasikoov, jechaan Putiin kun maal jechuu akka ta’e akka ibsaniif gaafatamanii deebii hin kenniin hafan.

Haata’u malee biyyoonni lixaa meeshaalee waraanaa ammayyaa gara Yukireeniitti ergusaanii Raashiyaan deebii kennuuf akka ishee dandeessisu cufaadhumatti dubbatan.

Waraanni Stalingrad kan waraanni Addunyaa lammaffaan xumura itti argateerratti loltoonni Jarmanii kuma 91 ta’an irratti boji’amanii ture.

Waraana kana qofaan loltoonni miiliyoona tokko ta’an akka ajjeefaman himama.

Guyyaa yaadannoo sanarratti boci abbaa hirree Jooseef Istaaliiniif hojjatame eebiifameera. Jooseef Istaaliin bara 1924 irraa kaasee hanga guyyaa itti du’aniitti 1953tti Gamtaa Yuniyeenii dursaa turan.

Jooseef Istaaliin bara isaaniitti Yukireenitti beelli akka umamuu taasisaniiru jedhamun himatamu. Beela lammiilee Yukireen Holodomoor jechuun waaman kanaanis namoonni miiliyoona shan ta’an akka du’an himama.

Yaa’ii baatii kana keessa Bulgaariyaatti taa’ameen gochaan Istaaliin kun yakka duguuggaa sanyii yedhamuun beekamtii argateera. Putiin qophii yaadannoo kanarratti haasaa taasisaniin, Naaziin wagga 80n booda akka ka’ee himaniiru.